'Atakaroo mootummaa fi uummataatiin aanaa Gooroo Doolaatti barana barnoonni guutuun hin eegalle'

Barrattuu daree keessatti

Madda suuraa, Getty Images

Aanaan Gooroo Doolaa caaseffama Mootummaan naannoo Oromiyaa Gurraandhala bara 2015 taasiseen Godina Gujii jalaa bahuun godina haaraa hundaa’e, Boorana Bahaa jalatti akka bulu ta’e.

Murtiin kun erga darbee waggaa tokko kan lakkoofsisuuf jiru yoo ta’u, hawaasni aanichaa caaseffama haaraan kuni marii uummataatiin hin taane jechuun hanga ammaatti mormiitti jiru.

Aanichi sababa kanaan rakkoo nageenyaa keessa kan ture yoo ta’u, murtee darbe kana mormuuf jechas barattoota manneen barnootaa irraa hambisan.

Manneen barnootaa aanichi qabu 81 keessaas barattoonni kuma 50 ta’an yeroo galmee biiroon barnootaa Oromiyaa baaseen galmaa’anii barnoota hin jalqabne.

Maatiin barattootaa BBC’n dubbise mootummaan gaaffii uummataa kana furuun barattoonni barnootatti akka deebi’an gochuu qaba jedhu.

Obbo Baqqalaa Goobanaa jiraataa aanichaa yoo ta’an ijoollee 10 akka barsiisan himu.

Sababa barnoonni aanichaatti hin eegalin hafeef ijoollee isaanii muraasaa gara Adoolaatti erganii barsiisaa akka jiraniifi kaan hanga ammaa barnoota malee manuma taa’aa jiru jedhu.

“Komii caaseffama godinaa kanaan walqabatee hanga ji’a shanaffaa kanaatti barataan barachaa jiru hin jiru. Gaaffiin barataan gaafate, kan uummanni gaafate waan nuuf hin deebineef ijoolleen hanga ammaa barumsa dhiistee mana teessi,” jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Obbo Hasan Yusuufis jiraataa aanaa Gooroo Doolaati. Hawaasni aanichaa gaaffiin godina haaraa hundaa’e waliin walqabatu, komiin keenya hanga deebi’u barnoonni yeroof haa dhaabbatu jedheetu murteeffate jedhan.

Garuu mootummaan gaaffii hawaasaa kana dhagahee furmaata waan hin kennineef yeroon barnootaa bara 2016 lafatti gubachaa jira jedhu.

“Amma ji’a shanaffaa kana keessa ijoollee keessan mana barumsaa galchaa jedhanii nugaafachaa jiru. Ammaan booda yeroo gubate kanaan barattee maal argatti kan jedhu gaaffiidha. Gaaffiin uummataalleen hin deebine. Yaada kana maatiinis barattoonnis hin fudhanne,” jedhan.

Aanichatti sababa caaseffama haaraa kanaan yeroo adda addaatti jeequmsi waan uumamuuf ijoolleen karaatti nujalaa dhahamti kan jedhus yaaddoo biraa mana tursiisuu filanne jedhu Obbo Hasan.

Aanichatti hawaasnii fi mootummaan waan xiiqii qabatan fakkaata.

Hawaasni gaaffii isaatiif karaa barnootaafi tajaajjiloota biroo dhaabuutiin mootummaan akka mariisisee gaaffii isaanii deebisu gochuuf yaalaa jiru.

Gama mootummaatiin ammoo murtiin caaseffama Godinaa kun erga darbee gaaffii uummaatichaa furuuf tarkaanfiin fudhatame akka hin jirre dubbatu jiraattonni.

Gidduutti hireen barattoota kuma 50 ta’anii yeroon barnootaa semisteerri tokko gubateera. Kan ammaan boodaas gaaffii keessa jira.

Itti gaafatamaan waajjira barnootaa aanaa Gooroo Doolaa Obbo Nugusee Waaqoo dhuma ji’aa darbee irraa eegaluun barattoota galmeessuun barnoota jalqabsiisuuf yaaliin taasifamaa jira jedhu.

“Bakka tokko tokkotti ijjoolleen galmaa’anii bakki barnoota jalqaban jira. Garuu haala guutuu ta’een aanaa kanatti barnootni jalqabeera jechuu waan nama dandeesisurra hin geenye” jedhan.

Uummaanni mootummaa isa bulchuuf gaaffii isaa dhiheessuuf mirga qaba kan jedhan Obbo Nuguseen, hojjii barnoota ijoollee isaanii garuu gaaffii kanaan walitti hidhanii bara barnootaa isaanii gubuurra gara barnootaa yoo ergan wayya jedhu.

“Ummanni mootummaa gaafachuu mirga qaba. Mootummaanis gaaffii uummataa guyyaa shanittis, waggaattis turee deebisuu danda’a. dhimma kana barnootaan walqabsiisanii ijoollee barnootarraa hambisuun garuu dogoggora,” jedhan.

Gochi kun dhaloota barnootarraa dhorkuu waan ta’eef hawaasni ammallee taanaan ijoolleesaa mana barumsaatti erguun barsiifachuu akka qabu dhaaman.

Jiraaattonni aanaa Gooroo Doolaa kanneen manneen barnootaa cufaa taa’uun isaan yaaddessee fi ijoolleen isaanii barnoota malee akka hin baane barbaadan ammoo gara aanaalee ollaa- Waadaraa, shaakkisoo fi Adoolaatti erguun barsiifachaa jiru.