'Aanaa Gooroo Doolaatti hanga ammaa barataan tokkoyyuu hin galmoofne' -jiraattoota

Madda suuraa, GETTY IMAGES
Aanaan Gooroo Doolaa Caaseeffama haaraa Mootummaan Naannoo Oromiyaa ji’a Gurraandhalaa bara 2015 ifoomseen Godina Boorana Bahaa jalatti hammatamte.
Aanichi Godina Gujii jalaa bahuun godina haaraa hundeeffame kana jalatti hammatamuun dhibdee uumeen hanga ammaatti aanichi mufii uumeera.
Kanaanis tajaajillli mootummaa garri caalu keessumaa ji’oota sadii asitti hedduu gadi bu’eera jedhu jiraattonni BBC’n dubbise.
Tajaajilli akka dhaabbilee fayyaa fi barnootaa ammoo ammayyuu guutuutti hojiirra hin jiru jedhan.
Jiraattoonni aanichaa akkas haa jedhan malee qondaalli Biiroo Barnoota Oromiyaa irraa BBC'n dubbise, naannichatti barattoota miiliyoonaa 11 galmeessuuf karoorfame keessaa harka 95 kan ta’u hanga Fulbaana 14 galmaa’uu himuun, kan jiraattoonni himataniifi ragaa isaan harkaa qaban adda adda ta'u dubbatu.
Galmee Barattootaa
Biiroon Barnootaa Oromiyaa galmeen barattootaa guutummaa Oromiyaatti Hagayya 23 hanga Qaammee 5, bara 2015 akka ta’u murteessee ture. Eegasiis yeroon galmee kuni hanga Fulbaana 16, bara 2016 dheerate.
Fulbaana 14, bara 2016 ammoo guutummaa Oromiyaatti guyyaa barnoonni idilee bara kanaa itti eegalu akka ta’e biirichi ifoomseera.
Karoorri galmee fi jalqabbii barnootaa kun garuu aanaa Gooroo Doolaatti hojiirra hin oolle jedhu jiraattonni.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Jiraataan aanaa Gooroo Doolaa Magaala Haraqalloo Obbo Saafaayee Tondhooraa, ilmaan isaanii afur hanga ammaa mana barumsaatti akka hin galmoofne dubbatu.
“Barnoonni hanga ammaa aanaa Gooroo Doolaa kana keessatti hin jalqabne. Ijoolleen barachaa hin jirtu. Hawaasatu hundeeffama Godina Boorana Bahaa jedhame sanarraa komii qaba. Ka’umsi rakkoo kana,“ jedhan.
Hawaasni hanga gaaffiin dhimma caaseffama godinaa nuuf deebi’utti ijoollee barumsatti hin erginu jechuun qaama mormii kanaa godheera jedhu jiraataan kun.
“Hojjetaan mootummaa ji’oota sadii asitti mindaa hin arganne. Hojiin mootummaa tokkolleen hin jiru. Tajaajilli fayyaa hin jiru. Barnoonnis kanumaan dhaabbate,” jedhan.
Jiraataan aanichaa biraa maqaa kiyya hin ibsinaa jedhaanii fi ilmaan isaanii ja’a akka barsiisaan dubbatanis, aanichatti barattoonni barnootarraa hafuun guddaa akka isaan yaaddesse himu.
“Ijoolleen galmooftee barachuu malte. Abbaan furmaata kennu furmaata kennuu male. Nuti furmaata eegaa jirra. Garuu deebiin hin jiru. Barnoonni dhaabbachuun rakkoo fida,” jedhan.
Gaaffiin hawaasni aanichaa gaafatu mootummaa nannootiin yoo furmaati hataattamaa itti hin kennamne ijoolleen barnoota malee bahuuf jirti jechuun yaaddoon dubbatu jiraataan kun.
Qondaalli waajjira barnoota aanaa Gooroo Doolaa kan maqaa kiyya hin ibsinaa jechuun nu gaafatanis, aanichatti manneen barnootaa 81 jiran keessatti hanga ammaa barataan tokkoyyuu hin galmoofne jedhan.
“Barsiisaan ji’oota sadii oli erga mindaan irraa dhaabbatee. Maatiin ijoollee keenya hanga gaaffiin keenya deebi’utti hin barsiisnu jedhanii mana barumsaarraa dhorkatani,” jedhan.
“Manneen barumsaa 81 keessatti kan baratan barattoota kuma 50 ta’an keessaa hanga guyyaa har’aatti barataan tokkichi hin galmoofne. Kun rakkoo guddaadha. Kanaaf dhimmi kun furmaata hataattamaa barbaada,” jedhan.
Dhimma kanarratti kan gaafanne Itti aanaa itti gaafatamaa waajjira barnootaa aanaa Gooroo Doolaa Obbo Sisaay Asaffaa fi itti gaafatamaa waajjira barnootaa Godina Boorana Bahaa Obbo Nuuraa Duubaa deebii nuuf kennuuf heeyyamamoo hin taane.
Angaa’onni lamaanuu dhimma irratti akka dubbatan barbaanne erga itti himneen booda, deebii walfakkaataa “Xiqqoo turaa nu bilbilaa'’ jedhanii erga bilbila cufataniin booda irra deddeebiin bilbillus bilbila nu jalaa hin kaasne.
Biiroon Barnootaa Oromiyaa gamasaatiin ‘ta’ii aanaa Gooroo doolaa kana addatti gabaasa akka hin qabnee fi galmeen barattootaa garuu barana naannichatti haala milkaa’an deemaa ture jedha.
Hogganaa Itti aanaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Obbo Efreem Tasaammaa, naannichatti barattoota miiliyoonaa 11 galmeessuuf karoorfame keessaa harka 95 kan ta’u hanga Fulbaana 14 galmaa’uu himan.
Godinaalee fi bulchiinsa magaalotaa 44 Oromiyaan qabdu keessatti galmeen barattootaa milka’aa akka turee fi iddoowwan galmeen gadi aanaa ta’etti ragaan aanaalee yeroo qindaa’ee nugahutti tarkaanfiin fudhatamu ni jiraata jedhan.
“Ragaan nuti of harkaa qabnuufi odeeffannoon ati amma na gaafachaa jirtu kun walfaallessa,” jedhan Obbo Efreem.
“Kunis sababii naannoon Booranaa fi Gujii iddoowwan barattoonni haala gaariin itti galmaa’an jennee ragaa qabnu keessaa waan ta’aniifidha,’’ jedhan.












