Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Naannolee Oromiyaa, Amaarafi Benshaangulitti haleellaa qaqqabeen namoonni nagaan heddu ajjeefaman- KMNI
Naannolee Oromiyaa, Amaaraafi Benshaangul Gumuuz bakkeewwan addaa addaatti ji'a Onkoloolessaafi Sadaasaa keessa haleellaa namoota nagaarratti gaggeeffameen yoo xiqqate namoonni nagaan 63 ajjeefamuu Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa beeksise.
Komishinichi ibsa har'a, Mudde 6, 2023, baasen dhuma ji'a Onkoloolessaa kaasee naannolee kanneen keessatti halleellawwan gaggeeffaman akkasumas walitti bu'iinsa mudate bu'uura godhachuun qorannoo taasiseen namoota nagaarratti haleellaan gaggeeffamuun sarbamni mirga namoomaa bal'aafi yaaddessaa ta'e mudateera jedhe.
Naannoo Oromiyaa godinoota akka Arsiifi Qeellam Wallaggaa, Naannoo Amaaraa Godiina Saba Awwiifi Gojjam Lixaa akkasumas Naannoo Benshaangul Gumuuz Godina Asoosaatti haleellaa gaggeeffameen yoo xiqqaate namoonni nagaan 63 ajjeefamuu ibse KMNI.
Naannoo Oromiyaa Godina Arsii Aanaa Shirkaatti ALI Sadaasa 13, 2016 haleellaa ‘’hidhattoota eenyummaansaanii adda hin baaneen’’ raawwatameen yoo xiqqaate namoonni 30 ta’an ajjeefamuu jaarmiyaan kun ibseera.
Haleellaa Kanaan walqabatee Bataskaanni Ortodoksii Itoophiyaa ibsa baasteen, amantoonni 36 ajjeefamuu ibsuun, Kanaan duras haleellaawwan amantii kanarratti xiyyeeffatan naannawa kana deddeebi’anii mudataa turan jetteetti.
Akkasumas naannoo Oromiyaa Godina Qeellam Wallaggaa Aanaa Gidaamii Mana Amantii Makaana Yasuusii Haamoo Tokkummaa jedhamutti, ALI Sadaasa 14, 2016 haleellaa ‘’hidhattoota ammaaf eenyummaansaanii adda hin baaneen’’ raawwatameen amantoonni sagal, jaarroleen waldichaa fi miseensonni koree dargaggootaa akkasumas tajaajiltoota kaan ajjeefamaniiru.
Naannoleen kunneen keessatti ji’oota lamaan darban haleellaa hidhattootaan raawwateen waliigalatti namoonni 63 ajjeefamuu komishinichi mirkaneeffachuu ibseera.
Komishinara Olaanaa Komishinii Mirgoota Namooma Itoophiyaa kan ta'an Dr. Daani'eel Baqqalaa sarbamni mirga namaa yaaddessaan uumamuu ibsan.
"Miidhaan baay'ee yaddessaa ta'e gahaa jiru caalmatti osoo hin babal'ataniifi miidhaa caalu osoo hin geessisiin dura mootummaan fala nageenyafi siyaasaa hojiirra akka oolchu" jechuun waamicha dhiyeessan.
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa haleellaa namoota nagaa naannolee kanneen keessatti raawwatan bal'inaan kan tarreesse yoo ta'u, Naanno Amaaraa Godina Saba Awwiitti gandoota lama keessatti gaafa Onkoloolessa 29, 2016 ALI irraa kaasee haleellaa sabarratti xiyyeeffate gaggeeffameen lubbuun nama darbuu, miidha qaamaa dhaqabuu fi qabeenyi manca'uu ragaa qaba jedhe.
Bifuma wal-fakkaatuun Godina Goojjam Lixaa gandoota Aanaa Bureefi naannoosanatti Onkoloolessa 30 hanga Sadaasa 1, 2016 ALItti haleellan sabarratti xiyyeeffate gaggeeffameera jedha ibsi kun.
Haleellicha kan gaggeesse "hidhattoota Amaaraa" ta'uu kan eeru ibsi KMNI kun, haleellaa isaan gaggeessan booda walitti bu'iinsa sabaa uumameen namoonni hedduun du'aafi miidhaa qaamaf saaxilamaniiru; qabeenyisaanii jalaa manca'eera.
Kanneen walitti bu'iinsa kanaan buqqa'an aanalee ollaafi Naannoo Oromiyaatti baqachuuf dirqamaniiru jedha ibsichi.
Yeroo haleellan kun raawwatu BBCn jiraattota buqqa'aniifi aangawoota mootummaa dubbisuun gabaasa hojjateen namoonni 3000 ta'an Naannoo Amaaraa, Bureerraa buqqa'anii Godiina Horroo Guduruu Aanaa Amuruu keessa qubatanii turan.
Jirattonni BBCn dubbisee ture akka jedhaniti Godina Goojjam Lixaa Aanaa Buree keessatti kessumaa gandoota lama: Baqqoo Xaaboofi Sontoma- bakka dhalattoonni Oromoo baay'inaan jiraatanitti hidhattooni Faannoo haleellaa raawwatanii ture.
‘’Faannoo warri jedhamani …isaan dhufanii nu duukaa ta’aa jennaan didne’’ jedhan. ‘’Kanumarraa kan ka’e akkuma jirutti biyyarraa nu buqqaasani,’’ jechuun BBC’tti himanii ture.
Naannoo Beenishanagul Gumuz Godina Asoosaa gandoota sadi keessatti, qaamni mootummaan ‘shanee’ jedhee waamu haleellaa ALI Sadaasa 19, 2016 raawwateen namoota 17 ajjeesee 7 madeessuu akkasumas jaarsi tokko ukkaamfamanii fudhatamaniiru jedha gabaasi komishinii mirga namoomaa kun.
Naannolee sadeen keessatti bakkeewwan xiyyeeffannoo hidhattootaa ta’anii fi xiyyeeffannoo hidhattootaan ala ta’an keessattis dhiittaan mirga namoomaa lammiilee nagaarratti raawwatamaa jiru akkaan yaaddessaa ta’uu komishiniin kun ibseera.
Keessattuu naannolee Oromiyaa fi Amaaraa keessatti ajjeechaa, qe’eerraa buqqa’uu, butamanii fudhatamuu fi saamichi garmalee hammaataa jiraachuu eere jaarmiyaan mirga namoomaa kun.
Rakkoon kun iddoowwan hidhattoonni keessa socho’anitti suukanneessaa akka ta’es ibse.
Mootummaan naannolee Oromiyaa fi Amaaraa keessatti sochii hidhattootaa hambisuuf humna kan bobbaase yoo ta’u, walitti bu’iinsa qaamolee lameen gidduutti raawwataanis kan miidhamaa jiru uummataa ta’uu irrra deddeebiin gabaasamaa ture.
Komishinirri Olaanaan Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa Daani’eel Baqqala (PhD), dhiittaa mirga namoomaa naannolee keessatti raawwataa jiru dhaabsisuuf ‘’gareen hidhatanii socho’an hundi fi mootummaan namoomaaf jedhanii dhukaasa dhaabuun gara mariitti akka seenan, mootummaan ammoo keessumattuu naannolee dhiittaa mirga namaa fi haleellaa hin malleef saaxilamoo ta’aniif eeguma ga’aa gochuu akka qabu, dhaaman.