Puutin fakkii Sillaasee Qulqulluu jaarraa ja'a lakkoofsise maaliif agarsiisaaf dhiyeesse?

Paatiryaarkii Raashiyaafi fakii Sillaasee Qulqulluu

Madda suuraa, Reuters

Bataskaana Ortodoksii Katederaal Fayyisaa Addunyaa Mooskootti argamutti faarfannaafi sagaleen kdhannaa dhaga'amaa ture.

Ayyaanota Ortodoksii keessaa tokko kan ta'e, Pentekoosti irratti hirmaachuudhaaf hordoftoonni argamaniiru.

Haata'u malee, namoonni hedduun gara Katederaalii kana kan dhufan sagantaa hafuuraa hirratti hirmaachuuf qofa miti.

Hojii aartii ajaa'ibaa Bataskaanattiitti agarsiisaaf dhiyaates ilaaluudhaafidha.

Fakkiin kun Raashiyaa keessatti bakki guddaan kan kennamuufi jaarraa ja'a kan lakkoofsisedha.

Aartistiin bara giddu-galeessaa keessa beekamaa ta'e Andiree Ruubveliiv fakkii kana akka kaase amanama.

Fakkin kun waggaa dhibbaaf gaalarii mootummaa Tireetiikoov keessa kaa'amtee turte.

Fakkii kana akkuma jirtutti eeguudhaaf meeshaan ho'aafi qorra to'atu itti tolfameefii ogeessotaan hordoffiin taasifamaafii tureera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haata'u malee, dhiyeenya kana Kireemiliin fakkichaa Bataskaana Ortodoksii Raashiyaaf akka kennamuuf ajajeera.

Murteen kun Paatiriyaarkiin Bataskaan Ortodoksii Kiriil hedduu gammachiiseera.

"Fakkiin kun gara Bataskaanattiitti kan deebi'u wayita biyyi abbaa keenyaa humnoota diinaa ciccimoo waliin wal dura dhaabbataa jirtuttidha," jechuun dhum-torbee darbe keessa Paatiriyaarkichi hordoftoota amantichaatti dubbataniiru.

Itti-dabaluunis, "fakkiin kun kan nuuf deebite biyya keenya akka nuuf gargaartuuf, akkasumas deebisuudhaaf kan murteessan pirezidantii Raashiyaa Puutiniif akka kadhannaa taasifnuufidha," jedhan.

Fakkiin kun deebiyuun Paatiriyaarkicha gammachiisullee, madda atakaaroo ta'uun ishee garuu hin hafne.

Raashiyaa keessatti barreessaa hojii aartii beekamoo keessaa tokko kan ta'e Leevii Liifishiits kennamuu fakkii kana warra morman keessaati.

Garee ogeessotaa akka fakkiin kun galarii Tireetiyaakoov keessaa hin baaneef gorsan keessaa tokko yoo ta'u, bakka fakkichaa jijjiiruunis miidhaa guddaa akka qaqqabsiisus akeekkachiiseera.

"Murteen kun fedhii nama dhuunfaa tokkooti," jechuun ibse Leeviin.

Manni-maree haaromsa galarii Tiriyaakoofis murtee kana mormeera.

Suura Sillaasee

Madda suuraa, Reuters

"Fakkiin kun wayita goodambaa keessa turetti, gareen haaromsaa akka nama dhukkubsatee wallaanamaa jiruutti hordoffiifi eegumsa taasisaafiif turan. Meeshaalee baayyee ammayyaa ta'aniin to'annoon taasifamaaf ture," jedhan.

"Fakkiin dabarfamtee kennamuun murtee siyaasaati. Yeroo ammaa warri aangoorra jiran gargaarsa argachuudhaaf abdataas jiru," jechuunis ibsaniiru.

Waraana Raashiyaan Yukireen irratti bane, akkasumas pirezidantii Raashiyaaf deeggarsa uummataa itti fufsiisuudhaaf ni gargaara ta'a.

Paatiriyaarkichi waraana Raashiyaan, "duula waraanaa addaa" jechuun waamtu yeroo ifatti deeggaran ni dhaga'amu.

Kanaan duras loltoonni Raashiyaa ajjeefaman cubbuu isaaniirraa ni qulqulaa'u jechuunis dubbataniiru.

Kanaan olittis Paatiriyaarkiin Raashiyaa kun barri bulchiinsa Pirezidant Puutin aangoo Waaqarraa kennamedha jechuun dubbataniiru.

"Hojii biyyaafi uummtaaf bu'aa qabu akka hojjetaniifi tajaajila itti-gaafatamummaa guddaa qabu akka raawwattaniif Gooftaan aangoorra isin kaa'e," jechuun ji'oota dura dubbataniiru Paatiriyaarkiin kun.

Bifa kanaan yoo ilaalamu, fakk

iin Sillaasee Qulqulluu Bataskaanittiidhaaf deebiyuun amanamummaa Bataskaanittiin bulchiinsa biyyattiif agarsiisftee akka badhaasaatti ilaalamuu danda'a.

Pirezidat Puutinis Bataskaanattiin Ayidooloojii isaatiif bu'rra jedhanii amanu jedha Andiree Kolensiikov.

"Namoonni Puutinitti dhiyaatanis ta'e Pirezidant Puutin mataan isaa Ayidooloojii ofii isaanii qabu. Amantaa bu'uura kan godhate, farra warreen Lixaafi Impeeriyaalistootaadha.

Bu'uurri Ayidiyooloojii kanaa maalidhaa? Akka seenaa duraanii Raashiyaa Maarkisiizim, Leeniniizim osoo hin taane amantaa giddu-galeessa godhateera," jedhu.

"Puutin nama amantiiti. Haata'u malee, Kiristiyaana jechuun ni ulfaata. Gochi isaanii duudhaawwan Kiristiyaanaa dhugaa waliin hin deemu. Sababiin isaas, gara jabinni duudhaa Kiristiyaanaa miti. Kanarraa ka'uudhaan, Puutin hordofaa amantii adda ta'eedha jechuudha," jechuun dubbate hayyuun seenaa Andireen.