Paayilatoonni sa'aa walakkaaf otoo balaliisanii rafnaan, xiyyaarri karaarraa maqe

Indooneezhiyaatti paayilatoonni wayita xiyyaarri balali'u rafanii argamuu hordofee, ministeerri geejjibaa biyyattii qorannoo banuuf.

Taateen kunis xiyyaara daandii qilleensaa imala biyya keessaa Batik Air jedhamu kan mudate ogguu tahu, paayilatoonni lamman yeroof hojiirrraa dhorkamaniiru.

Jarri lamaan kun balalii magaalaa Sulaaweesii irraa gara magaalaa guddoo Jaakaartaa turerratti daqiiqaa 28f rafuunsaanii himame.

Xiyyaarri Airbus A320 balaliisaa turanis yeroo gabaabaaf kan karaarraa maqee ture tahus, nagayaan qubachuu danda'eera.

Taateen kun Amajjii 25 bara kanaa keessa kan mudate ogguu tahu, imaltoonni fi hojjettoonni xiyyaarichaa 153 irrattis miidhaan qaqqabe hinjiru.

Paayilatiin ganna 32 balaliisaa gargaaraa isaa kan taheef, erga balalii eegalanii sa'aatii walakkaa booda, nan boqodha jechuun xiyyaaricha akka to'atu itti hime.

Gargaaraan umriinsaa 28 tahe kunis erga waliigalee booda, innis achumaan rafuu, gabaasni Ministeera Geejjibaa dhiyeesse ni mul'isa.

Akka gabaasa kanaatti, haati warraa gargaaraa balaliisaa kanaa ji'a tokkoon dura lakkuu kan deesse ogguu tahu, daa'ima kunuunsuun ishii gargaaraa ture.

To'annoon tiraafika qilleensaa Jaakaartaa kutaa paayilatoota Batik Air A320 qunnamuu yaalus, deebii hinarganne.

Callisni raadiyoos daqiiqaawwan 28f erga itti fufe booda, paayilatiin dureen dammaquun, gargaaraansaas akka rafe hubate. Yeroo kanatti ture xiyyaarichi yeroo gabaabaaf karaa deemuu maluurra maquusaa kan hubate.

Ergasiis lammanuu dammaquun bilbila Jaakaartaarraa bilbilmaafii ture deebisuun, xiyyaarichi nagayaan qubachiisaniiru.

Qorannoon fayyaa balaliin duraan taasisameen, paayilatoonni lammanuu fayyaa guutuurra akka turan agarsiisa.

Dhiibbaan dhiigaa fi dhahannaan onnee isaaniis sirrii ture, qorannoon alkoolii taasifames negatiiva kan agarsiise ture.

Paayilatoonni kun boqonnaa gahaa kan argatan fakkaatanis, qorannoon taasifameef garuu boqonnaan isaanii gahaamoo gahaa miti isa jedhu adda baasuu hin dandeenye jechuun ogeessi aviyeeshinii Alvin Lie BBC kutaa Indooneezhiyaatti hime.

Taatee kana hordofee anga'oonni biyyattii Batik Air "cimsanii itti dheekamaniiru." Itti gaafatamaan geejiba qilleensaa biyyattii M. Kristi Endah Murni, daandiin qilleensichaa yeroo boqonnaa balaliistootaaf xiyyeeffannoo gahaa kennuu qaba jedhan.

Batik Air "imaammata boqonnaa gahaa taheen hojii hojjenna" jechuun, "yaadota nageenyaa nuuf kennaman hunda hojiirra oolchuuf kutataa," tahuu hime.

Bara 2019'tti daandiin qilleensaa kun, erga paayilatiin isaa of wallaale (faint) booda hatattamaan xiyyaarri akka deebi'ee qubatu taasifame ture.