Keeniyaatti xiyyaaronni walitti bu’uun lubbuun namoota lamaa darbe

Magaalaa guddoo Keeniyaa Naayiroobiitti xiyyaarri shaakalaaf ooltu tokko, xiyyaara imaltoota baatutti bu’uun balaliisaa xiyyaarichaa fi barataan isaa du’an.

Xiyyaarrichi kan mana barumsaa leenjii balalii barsiisuu yoo ta'u, Paarkii Biyyoolessaa Naayiroobii keessatti kufee lubbuu namoota lamaan kanaa galaafate.

Erga balaa kanaatii xiyyaarri imaltootaa Safarilink namoota 44 baatee ture, buufata xiyyaaraa Wiilsan, Naayiroobiitti argamutti deebi'ee qubate.

Xiyyaarrichi imaltoota 39 fi hojjettoota xiyyaarichaa shan qabatee balali’aa kan ture yoo ta’u, balaa mudate kanaan namoonni keessa turan hundisaaniirra miidhaan gahe akka hin jirre daandiin xiyyaarichaa beeksiseera.

Xiyyaarri kun handaara galaana Keeniyaa, Diyaanii bakka jedhamutti balali’aa kan ture yoo ta'u, ''lafarraa erga ol ka’ee balali’uu eegalee yeroo muraasa booda sagaleen guddaa dhagahame."

Xiyyaarri Cessna jedhamu qabeenyummaan isaa kana mana barumsaa balallii xiyyaaraa Ninety-Nines jedhamuu yoo ta’u, paarkii bineensotaa buufata xiyyaaraarraa 10km fagaatee argamu keessatti kufe.

Abbaan Taayitaa Siviil Aviyeeshinii Keeniyaa akka beeksisetti, balaan kun Kibxata ganama keessa sa’aatii 04:05tti mudate.

Kutaan balaa balalii xiyyaaraa qoratuu fi poolisiin sababa balaa kanaa qorachuu jalqabuu ibseera.

Buufanni Xiyyaaraa Wiilsan magaalaa guddoo biyyattii Naayiroobii keessatti argamu yoo ta’u, buufata xiyyaaraa xiqqaadha. Garuu sochiin balallii kan itti heddummaatu ennaa tahu, keessattuu balalii biyya keessaa danuu keessummeessa.

Waggoota darban keessa xiyyaarota xixiqqoo buufata xiyyaaraa kanarraa ka’an balaawwan hedduun mudateera.