Xiyyaarri Raashiyaa oyiruu boqqoolloo keessa qubachuuf dirqame

Xiyyaarri Daandii Qilleensa Raashiyaa namoota 170 qabatee balali’aa ture rakkoo teekinika maashina dhiibbaa qilleensaa uumuu (hydraulics) isaarratti mudateen oyiruu boqqoolloo keessa qubachuuf dirqame.

Taatee kanaanis namni miidhaan irra qaqqabee kan hin jirre yoo ta’u, xiyyaarri kan Daandii Qilleensa Uraal ta'e, Airbus A320, kun bulchiinsa Saayibeeriyaa Novoosibirsk keessatti bosona cinaatti danqameera.

Uraal akka jedheetti, osoo Omiskitti dhiyaachaa jiranuu sirni teknika xiyyaarichaa hojjachuu dideen booda paayilatichi bakka qubatu ‘‘filate’’ jedheera.

Taateen kunis daandiin qilleensichaa sababii qoqqobbii Raashiyaarra kaa'ameetiin xiyyaarota isaa suphaa gochuu dhiisuu mul’isa jedhamaa jira.

Suuraaleen xiyyaara oyiruu boqqoolloo keessatti karrawwan yeroo balaa tasaa banamee gadi diriiruun namoonni yoo keessaa bu'an agarsiisu.

Waraabbiin viidiyoo miidiyaa hawaasummaarraas meeshaan cimaan lafa qotu xiyyaarichi haala salphaadhaan maasii keessa socha’uuf yoo gargaaru agarsiisu.

Eejansiin Aviyeeshinii Raashiyaa Rosaavitsiyaan ammoo, qubannaan xiyyaaraa hin karoorfamne Kibxata gara ganamaa mudate jedhe.

Itti dabaluunis, bakki qubannaas dhiheenya ollaa Kaamenkaatti ‘‘qilleensarraa filatame’’ jedhe.

Imaltoota 170 xiyyaaricha keessa turan keessaa kan wal'aansi fayyaa barbaachise homtuu hin turrees jedhe.

Eejjansichi qubannaa tasaa kana akka qoratuu kan hime yoo ta’u, Uraal gamasaatiin hanga qorannoon xumuramuutti gareen hojjattotaa xiyyaaraa hojiirraa dhaabsifamu hime.

Hoogganaan Daandii Qilleensa Uraal, Sargee Sikuraatoov, xiyyaarichi osoo qarqara Galaana Gurraacharraan Sochii gara Omiskitti balali’aa jiruu sirni xiyyaarichaa dhiibbaa uumuu (hydraulic) hojii dhaabee jedhan.

Haata’u malee, xiyyaarichatti ibiddi qabachuu haaluun, mallattoon karaa baallee xiyyaarichaatiin suuraalee miidiyaa hawaasummaarratti mul’atu ‘‘balfaadha’’ jedhan.

Taateen hojii dhaabuu qaama teeknika xiyyaarichaa kunis xiyyaaricha to’annoodhaan ala gochuu dandeessisa ture.

Ekipartoonni aviyeeshinii Raashiyaa garuu sirnootin of eeggannoo jiraachuu kaasuun, hojjattoonni xiyyaarichaa haala akkasitiin qubachuuf murteessuu isaanii mormu.

‘‘Sirnoota haayidiroolikii sadii fi sirna elektirikii tokkootu jira,’’ jedha balaliisaa Andree Litvinoov wayita madda Gazeta.ru jedhamutti waa'ee xiyyaara kanaa yoo himu.

‘‘Kanaafuu qubachuun barbaachisaa hin turre.’’

Itti dabaluunis, murteen taasifamee lubbuu imaltootaa fi kanneen lafarra turan kan balaaf saaxileedha jedhan.

Qoqqobbii Raashiyaa daandiiwwan qilleensaa miidhe

Qubannaan tasaa kunis waraanaa Yukireeniin wal qabatee qoqqobbii biyyoonni lixaa Moskoorra kaa’aniif jecha yeroo daandiiwwan qilleensaa Raashiyaa hir’inni meeshaalee jijjiirraan rakkataa jiraniitti mudate.

Bitootessa keessa, dhaabbanni miidiyaa Raashiyaa Vedomostii jedhamu qondaala daandii qilleensa Uraal, Igoor Podubniyi eeruudhaan, xiyyaarota diiguudhaaf baatiiwwan sadii qofaa qabna jedhan.

Haata’u malee, xiyyaaronni isaanii hundi meeshaalee sirriidhaan kan suphaman ta'uu dubbatan.

‘‘Meeshaa sirrii hin taaneen akka hin fayyadamne gonkumaa hin eyyamnu,’’ jedhan Aab Sikuraatov.

‘‘Balaliisa irratti baay'ee cimaadha, garuu qaamoleen xiyyaaroota keenyarratti itti fayyadamnu hundi kan mirkanaa’anidha,’’ jedhan.

XIyyaarri amma qubannaa tasaa taasisee A320 kunis kan wagga 20 guuteefi hanga bara dhufuutti tajaajila kennuuf kan mirkanaa’ee ta’u Eejansiin Interfax jedhamu gabaaseera.