Keeniyaatti ibsaan badnaan qondaalli daandii qilleensaa hojiirraa arii'aman

Abbaan Taayitaa Daandii Qilleensaa Keeniyaa sababii adda cituu ibsaatiin wal qabatee erga imaltoonni sa’aatii dheeraaf buufata daandii qilleensaa guddichaa Naayiroobiitti danqamuun booda, hoogganaa daandii qilleensichaa hojiirraa ari’e.

Aleeksi Giraarii, Hoogganaan Daandii Qilleensaa biyyattii Ministira Geejjibaa, Kipchumbaa Murkomeen kan guyyaa kaleessaa adda cituu ibsaatiif dhiifama gaafatanii turaniin hojjiirra ari’ataman.

Itti dabalunis, jidduu galuumsi siyaasaa naamusa dhabiinsaa fi sirna dhabiinsa humna hojjataatiif saaxileera jedhan.

Keeniyaatti ibsaan Jimaataa galgalarraa qabee hanga Sambata guyyaa wallakkeessatti guutuu biyyattiitti adda citee erga sa’aatiiwwan sadiif deebii’een booda Samabata deebiisee adda cituun halkan keessa deebii’e ifeera.

Dhaabbanni Humna Keeniyaa mootummaan bulchu adda cituu annisaa biyyattii guutuutti mudate kanaaf sababiinsaa maal akka ta’e hanga ammaatti waaan jedhe hin qabu.

Naannoowwan muraasaatti Sambata ibsaan deebii’ee ife kan ture ta’ulleen daldalliifi manneen jireenyaa hedduun adda cituu ibsaa kanaatiin rakkataa turan.

Dameen turizimii diinagdee biyyattiif gara %10 kan ta’u gummaacha.

Lammiilee biyyatti karaa miidiyaa hawaasaa jenereetaroonni of eeggannoof kaa’aman buufata daandii qilleensaa guddicha keessaa yeroo ibsaan adda citeetti maaliif hin hojjannee jechuun dheekkamaa turan.

Aab Gitaariin alattis, qondaalli olaanoon abbaa taayitaa Siviil Aviyeeshiinii kan biraas hojiirraa kan arii'aman yoo ta’u, hojii gaggeessaan buufata Daandii Qilleensa Idil-addunyaa Jomoo Keeniyaataa Naayiroobii aangoorraa bufamuun buufata Moombaasaatti dabarfaman.

Dabalataanis, haaluma walfakkaatuun, erga sirni kanfaltii dijitaalaa hojjachuu dideen booda seensa paarkiiwwan biyyaaleessaa Keeniyaa irratti hirirá dheeraafi wacni dhagahamaa ture.

Ibsaan adda cituun Keeniyaatti waan haaraa miti, garuu ammoo daandii qilleensaa ijoo Naayiroobi, hospitaaloota fi masaraa mootummaa dabalatee biyyattii guutuutti yoo baduun waan barame miti.

Keeniyaa keessatti rakkooleen wayita mudataniitti malaammaltummaan walitti hidhuun waan barameedha.

Ministirri Geejjibaa jenereetaroonni daandii qilleensaatiif waggaa lamaan dura caalbaasiin bitaman hojii hin eegalliin jiru jedhan.

Janareetaroonni kunneenis meeqaan akka bitaman, kontiraata isaa eenyutu argate fi maaliif hanga yoonaatti hojii hin eegaliin turan kan jedhan baruun waan nuu ajjaa’ibuuf jiru tahas jedhan.