Magaalaa turistoonni maqaa jaalalaan sossobamanii waamamuun itti ajjeeffaman

Turistoonni magaalaa kanatti affeeramanii qorichaan adoochamu, kaan ni saamamu, kaan ammoo sirumaa ni ajjeefamu.
Iccitiin dhiirota Ameerikaa Kolombiyaa keessatti walitti aansuun akkaataa kanaan ajjeefamanii baruuf firoonni namoota ajjeefamanii deebii eeggataa jiru jechuun Ostiin Laandis kan barreesse.
Magaalaan kun Kolombiyaa keessatti kan argamtu yoo taatu, Medellin jedhamti.
Magaalaa turistoonni miliyoona tokko ol waggaatti daawwiif itti marmaaranidha.
Turistoota magaalaa Medelliinitti lubbuu dhaban keessaa tokko Tuu Ger Shiyong jedhama.
Tuu Ger, lammii Ameerikaa duran Kolombiyaatti dhaqee beeku yoo ta'u deebi'ee ilaaluuf Medelliinitti qajeele.
"Waa'ee [Kolomibiyaa] namoota gammadoo ta’anii dubbate... jireenyatti gammaduu qofa," jechuun obboleessi isaa Ehi Shiyong BBC’tti hime.
"Afaan Ispaanishillee achitti xiqqoo bareera" jechuusaa dubbate.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Inni taatee gaddisiisaa akkasii keessattiin kufa jedhee gonkumaa yaadee hin beeku" jedhe Ehi Shiyong.
Tu Ger, nama 50 yoo ta’u, rogeessa hawaasaa Himongi fi komediyaanii Minnesota jiraatu ture.
Gara Medellin imaluun dura dubartii tokko waliin karaa interneetii haasa'aa ture.
Daawwannaa ji'a lamaaf erga Medellin deemee torban muraasa booda, walakkeessa baatii Muddee keessa, obboleessa isaaf bilbilee doolaara 2,000 naaf ergi jedhee gaafate, garuu sababa maaliif akka ergi jedhe itti hin himne.
Ehi Shiyong, qarshii sana akka erguuf itti hime. Sana booda garuu dhaamasa obboleessa isaa deebi’e dhaga'ee hin beeku.
Guyyaa itti aanutti poolisiin reeffa Tuu Ger handaara magaalaa Medellin, lafa bosonaa keessaa arge.
Hiriyaan isaa magaalaa Medellin jirtu ''obboleessikee butameetu gadhiifamuuf doolaara 2,000 akka kaffalu qawweedhaan doorsifame'' jettee obboleessaa isaa Ehi'f ibsite.
"Amanuuf nan rakkadhe. Dhuguma natti fakkaachu dide," jedha Ehi. "Yeroodhuma sanan nahe onneen koo garmalee na dhahatte" jedhe.
Reeffa obboleessa isaa ta’uu Imbaasiin Ameerikaa erga itti himee booda Imbaasicha iyyaafachuutti ka’e.
Poolisiin Kolombiyaa torban kana keessa dubartii tokkoofi dhiirota lama du'a isaa waliin hidhata qaban to'achuun, Tuu Ger butanii ajjeesu isaaniif himate.
Jalqaba dubartii kanaan kan wal bare appii jaalalaatiin ykn karaa hiriyoota wal baruun isaa ifa miti.
Garuu duuti isaa namoonni saddeet Medellin keessatti balaa appii jaalalaa fayyadamuun irraa madde jechuun Imbaasiin Ameerikaa beeksise keessa jira.
Namoonni saddeettan ajjeefaman hundi isaanii lammiilee Ameerikaa yoo ta'an, ji'a Sadaasa fi Muddee 2023 keessa taatee shakkisiisaa ta'een du'an.
Ministeerri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteets waanbadeen magaalattii keessa jiran duraan aappii jaalallleewwan ittiin wal filatan fayyadamee miidhamtoota butee akka ajjeesaa ture beeksise.
Garuu du'a lammilee Ameerikaa kana duuba wambadoonni kunniin jiraachuu fi dhiisuu isaa ifa miti.

Bara 2023 ji'oota 10 keessatti, dhaabbanni turizimii Medellin hordofuu magaalattii keessatti lammileen biyya alaa 32 ajjeeffaman galmeesse.
Namoota ajjeefaman kana kessaa yoo xiqqaate lammiilee Ameerikaa 12 fi sadii lammilee Yunaayitid Kiingidam keessatti argamu.
Ajjeechaan kun bara 2022 qaqqabeerraa %40 dabale.
Jeef Heweet, kutaa ciisicha hoteela Medellin tokko keessatti "dhiigni isaa garmalee lola'ee, reeffisaa lafaa argame" jechuun hiriyyoonni isaa toora interneetii irratti barreessan.
''Nama ilaalcha qajeelaa qabu, gara laafessa'' fi arjaa ta'e'' jechuun hiriyoonni isaa ibsan.
Haaluma kanaan wal fakkaatuun namni biraa Joon Jeramii jedhamu, ga'eessi waggaa 45tu ajjeeffame.
Namni Filip Mullinsi jedhamus qorichaan hadoodee akka du'e miidiyaaleen biyyattii himan.
Imbaasiin Ameerikaa akka jedhutti, dhimmoonni kunneen hedduun isaanii aappii jaalalatiin miidhamtoota sossobuun eegalu, dhumarratti ''qorichaan hadoochu, saamuu fi ajjeefamuun''dabaluun isaa yaaddessaa ta'eera. Magaalicha keessatti aappiin Tinders fi Bumble jedhaman magaalattii keessatti jaallataman irraa dhimma kanarratti deebii hin arganne.
Daarektarri duraanii mana hordoffi turizimii magaalattii kan turan Kaarlos Kaalee, yakkamtoonni turistoonni qoricha urgooftuu hinqabne kan "Afuura Seexanaa" jedhamuun beekamu, hadoochu barame ta'uu dubbatan.
Imbaasiin Ameerikaas waa’ee qoricha namoota miidhaman hanga sa’aatii 24’f raffisu kanaa akeekkachiise.
"Magaalattii keessatti turistiin carraa murtaa'e barbaadan maqaa gaarii hin qaban," jedhan Kaalle namni jedhaman.
Yeroo baayyee daldala saalqunnamtii waliin walqabsiifamu jedhan.
Dubbi himaan dhaabbata hordoffii turizimii bara darbe namoonni miidhaan irraa qaqqabe ''harki caalaan'' isaanii dhiirota ta'uu mirkaneessan, garuu dhimmoonni hedduun ammallee qoratamaa akka jiran dubbatan.

Madda suuraa, Getty Images
Kolombiyaatti daldalli saal-qunnamtii seeran kan eeyyamame yoo ta'u, bakkeewwan hawwata turizimii akka magaalota Medellin fi Kartajena keessatti daldalli saalqunnamtii ni heddummata.
Garuu dhiironni ajjeefama warra daldala saalqunnamtiirratti boobba’an hidhata qabaachuu wanti agarsiisu hin jiru.
Alook Shaah, 36, dhuma bara 2022tti dubartii tokko wayita gara kutaa hoteela isaatti geessu sababa dawaa ‘scopolamine’ jedhamuun ijaan waa hubachuu akka rakkate kaasa.
Yeroo gabaabaaf akka waa iyyaanfachuun ta’e jedha.
Jiraataan Teeksaas tokkos dubartii lammii Kolombiyaa walakkeessa waggaa 20 keessa jirtu waliin Tinder irratti wal baran.
Jalqaba buna dhuguuf bahan, boodarra garuu Shaah biiraa bitee gara intala wal barate sana gara hoteelaatti waamuuf murteesse.
Yeroo yeroo baay'ee Medellin dura wayita daawwachaa ture sanatti yaaddoon nageenya akka itti hin dhaga'amne himuun, daldalli saalqunnamtii garuu yeroo jalqabaaf bara 2017 garas dhaquu babal'achuu akka ture dubbata.
"Yoo qeerroo taate dubartootaan asitti baay'ee jaallatamaadha" jedhee hiriyaan isaa tokko itti himee ture.
Halkanuma sana otuma arguu jaakkeetiin isaa fi maallaqni isaa doolaarri 200 jalaa fudhatamuu dura, guyyaan isaa waanti akka daakuu wayii morma isaatti dibamuu yaadata.
Garuu waanti sirrii hin taane tokkoo isa mudachuu ta'e hubachuuf poolisiin waama jedhee akeekkachiisaa, duuba fiige .
"Guutummattii amma namoota naannoo sanaa waliin hariiroo hin uumu," jedha.
"Balaa baay'ee jira, balaan baay'eedha" jedhe.
Akeekkachisni haaraan Imbaasiin Ameerikaa baase lammiileen biyyattii bakka qofaa akka hoteelotaatti jaalalaaf wal filatan faana wal arguu akka hin qabne, dabalataan hiriyoota, maatiitti eenyu waliin akka jiran akka beeksisan gorse.
Saamicha yoo si mudate hin mormiin sababiin isaas lubbuu galaafachuu danda'a jedhee akkeekkachiise.
Poolisiin magaalaa Medellin du'a turistootaa dhiheenya dabalee hordofe yaada akka kennan gaafatamanii otoo hin kenniin hafan.
Kantiibaan magaalattii Federikoo Gutereez, ''turistoonni gara magaalittii baayinaan akka dhufan feena, turistoonni garuu saalqunnamtii fi qoricha sammuu namaa hadoochu qofaaf dhufan hin simannu'' jedhan.
Dhimma kanaan walqabatuun daldala saalqunnamtii daa'immaan umuriin isaanii hin geenyerratti raawwatamurratti poolisiin tarkaanfii akka fudhatu qajeelfama kennuu dubbatan.












