Aappii maallaqa sii liqeessa jechuun odeeffannoo namootaa fudhatee suura qullaa namoota birootti ergu

Gowwoomsaan raawwatamu kun aappii liqii battalaa fayyadamuun namoota biyyoota Hindii fi biyyoota biroo Eeshiyaa, Afrikaa fi Ameerikaa Kibbaa jiraatan kiyyootti galchaafi salphisaa jira.
Yoo xiqqaate lammiileen Hindii 60 ta’an miidhaa fi doorsisa erga gahe booda of ajjeesan.
Qorannoo BBC’n gaggeesse namoota gowwoomsaa lubbuu namaa galaafatu kanarraa Hindii fi Chaayinaa keessatti bu'aa argatan saaxileera.
Astaa Sinhaa akka hirribaa dammaqxeen sagalee adaadaashee bilbilaan dhageesseen rifatte.
"Haatikee manaa akka hin baane" jedhamte. Hirribaarraa rifattee kan dammaqxe shamarreen ganna 17 kun mana kutaa isheetti aanu keessa haati ishee Boomi Sinhaa wayita boochuu fi dhiphattu arguun heddu ishee naasise.
Haatishee nama qoostu fi sodaa hin qabne, ogeettii seeraa Mumbaayi keessatti kabajaa qabdu, abbaan manaa duunaan intala ishee kophaa guddiftedha.
"Haadha kiyya kanatu hubame," jetti Astaan. Haati ishee Boomiin rifatuu guddaa keessa turte.
sanadoonni fi bilbilli barbaachisoo ta'an hundi eessa akka jiran itti himuu jalqabde.
Haati ishee kun balbala manaallee gadi bahuuf waan dadhabde fakkaatti. Astaan ishee dhaabuu akka qabdu beekti turte.
"Isheen ijakee duraa akka hin fagaanne" jettee adadaan ishee Astaatti himtee turte. Sababnisaa 'of ajjeefti,' jedhame itti himameera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Astaan maallaqa liqeeffatteen walqabatee haadha isheetiif bilbilli hin beekamne muraasni bilbilaamafii akka ture ni beekti turte.
Haata’u malee, Boomiin ji'ootaaf qoccolamaa turuu fi dararaan xiinsamuu irraa gahaa turu quba qabdu turte.
Boomii gowwomsitoota sadarkaa addunyaa yoo xiqqaate biyyoota 14 keessatti namoota salphisaanii fi bu’aa argachuuf namoota doorsisanitu ishee mudate. Jarri kana raawwatan adeemsa kanaan jireenya namaa balleessu.
Tooftaan daldalaa kun gara jabumaan kan guutame ta’us salphaadha.
Appilikeeshiniiwwan daqiiqaa muraasa keessatti liqii bilisa ta'e isniif kennina jedhanii waadaa galan hedduutu jiru.
Hundi isaanii garuu namoota biroo miidhuuf hin adamsan. Garuu baay'een isaanii - erga bilbilarratti buufamanii booda -lakkoofsota bilbilaa, suuraalee fi waraqaalee eenyummaa keessanii sassaabbatu.
Sana booda odeeffannoowwan sana fayyadamuun isaanuma deebisanii doorsisu.
Maamiltoonni maallaqa liqeeffatan yeroon maallaqicha yoo hin deebisne, akkasuma yeroo tokko tokko yeroon yoo kaffalanillee - odeeffannoo kana dargaggoota laaptoppi fi bilbila qabatanii, namoota qoccolaa fi salphisuun kaffaltii deebisa jedhanitti dabarsu.

Madda suuraa, PRARTHNA SINGH/BBC
Xumura bara 2021tti Boomiin aappii liqii hedduurraa Ruuppii 47,000 ($565)
liqeeffattee turte.
Maallaqni sun battalumatti dafee ishee qaqqabe, garuu maallaqni guddaan irraa hir'ifamee ishee qaqqabe.
Guyyaa torba booda kaffaltii deebisuu eegaluu qabdi turte, garuu baasii hojii kaffaluuf isheen barbaadde haguuguf hin dandeenye.
Sababa kanaaf aappiiwwan biraarraas maallaqa liqeeffatte.
Liqii fi dhalli mallaaqa liqeeffattee dabaluun hanga Ruuppii miliyoona lamaa (Doolaara 24,000) gahe.
Utuu baay'ee hin turin warrii maallaqni liqeeffame deebisan bilbiluufii jalqaban.
Jarri warri maallaqni akka deebi’u gaafatan kun dafanii Boomiin waliin wal dhabuun arrabsuu fi qoccoluu eegalan.
Yeroo isheen maallaqa liqeeffatte kaffalaa turtellee nu sobaa jirti jedhuun.
Guyyaatti hanga si'a 200 itti bilbiluuf.
Bakka isheen jiraattu waan beekaniif doorsisuuf suuraa reeffa nama du'ee isheef ergan.
Qoccollaan sun hammaataa adeemuun, lakkoofsa bilbila namoota 486 moobayilasheerra jiran hundaaf Boomiin hattuu fi ejjituu ykn sagaaltuudha jennee ergina jedhanii doorsisan.
Kana qofaa miti, maqaa intala isheellee xureessuuf doorsisan, Boomiin sana booda hirriba dhabde.
Boomiin hiriyoota, maatii fi aappiin maallaqa irraa liqeeffatte walumaagalatti 69 qaqqabe.
Halkan akka hin bariine kadhataa turte. Ganama bariirraa kaasuun bilbilli ishee iyyuu eegala.
Dhumarratti Boomiin maallaqa liqeeffatte hunda deebisuu dandesse.
Haata’u malee, addatti appiin tokko - Asan Loan – isheetti bilbiluu dhiisu dide.
Sababa kanaaf hojiitti xiyyeeffachuu waan dadhabdeef garmalee nahuu eegalte.
Guyyaa tokko hiriyyaan ishee tokko gara minjaala isaatti ishee waamee, bilbilarraa qullaa qaama agarsiisu(pornographic picture) itti agarsiise.
Suuraan sun footooshoppiin hojjetamee ture, mataan Boomii qaama nama biraa irratti maxxanera.
Garuu baayyee aarte, akkasumallee ni qaanofte.
Achuma minjaala hiriyaa ishee biratti kufte.
Suuraa sana lakkoofsa bilbilaa namoota moobayilii ishee keessa jiru hundaaf warra maallaqa liqeessuu ‘Asan’ jedhamutu erge ture.
Yeroon sana Boomiin of ajjeesuu yaadde turte. Gowwoomsaan akkanaa dhaabbilee adda addaa addunyaa guutuurra jiraniin akka gaggeeffamu ragaa argineerra.
Garuu Hinditti qofa aappii liqiitiin qoccolamnaan, yoo xiqqaate namoonni 60 of ajjeesuu isaanii BBC’n ragaa argateera.
Irra caalaan isaanii namoota umriin waggaa 20 fi 30 keessa turan - nama ibiddaa dhaabsu, muuziqeessaa badhaasa mo'ate, haadha fi abbaan ijoollee durbaa isaanii waggaa sadii fi shanii, akaakayyuu fi ijoollee akkawoosaanii, kanneen iyyannoo liqii irratti waliin hirmaatan dhiisanii du’an.
Namoota kana keessaa afur ijoollee ol adeemaa jiran turan.
Miidhaamtoonni baay'een isaanii waa'ee gowwoomsaa isaan mudatee dubbachuuf baay'ee qaana'aa turan.
warri yakka kana raawwatan ammoo, irra caalaan isaanii, maqaan isaanii kan hin beekamnee fi kan hin mul'anne turan.
BBC’n nama dhimma kana keessa beeku ji'ootaaf erga barbaadee booda, dargaggeessa giddugala bilbila liqii deebisuu danuu keessa hojjate adda baasuu danda’eera.

Rohan - maqaan isaa dhugaa miti -Rohan qoccolaa irra gaheen akka jeeqame nutti hime.
Maamiltoonni hedduun boo'aniiru, gariin of ajjeesuuf ka’ani jedha.
"Halkan hunda na yaaddessa ture" jedhe ofisaatiif waanta isa mudate yeroo himu.
BBC'n gowwoomsaa kana akka saaxilu nan tumsa jechuun dubbate. Giddugala bilbilaa adda addaa lamatti qacaramuuf gaafatee ture- Majesty Legal Services fi Callflex Corporation - keessatti hojiif iyyatee torban hedduu dhoksaadhaan waraabaa ture.
Viidiyoon inni waraabe dargaggoonni dhaabbata liqiif hojjatan wayita maamiltoota qoccolan agarsiisa.
"Amala godhadhu yookaan sin caccabsa" jetti dubartiin tokko yeroo dhaadattu.
Dubartiin kun maamila itti dubbattu sana firakee waliin saalqunnamtii raawwatte jechuun himattee, yeroo inni bilbila cufummoo kolfuu jalqabde.
Rohan taateewwan doorsisaa fi qoccollaa 100 ol waraabee, saamicha raaawatamu yeroo jalqabaaf kaameeraadhaan waraabe.
Miidhaan hamaan inni arge Callflex Corporation, bakka Deliin alatti argamutti raawwatame.
Bakka sanatti hojjattoonni maamiltoota salphisuu fi arrabsoo akka idileetti fayyadamu turan.
Giddugaleessa bilbilaatti hoggantootatu qajeelcha, akkasuma qindeessa.
Rohan amantaa Churasiyaan kan argate yoo ta'u, gaazexeessaa invastara fakkaate tokko waliin ta'uun walgahii qopheessee akkaataa gowwoomsaan kun itti hojjetu sirriitti akka ibsu isa gaafatan.
Isaan keessaa Vishal Churasiyaan nama tokkodha.

Maamilli tokko liqii yeroo fudhatu, aappiin liqii lakkoofsa bilbilasaaniirratti argamu akka gargaaramu eeyyamuuf jechuun ibse.
Callflex Corporation -maallaqicha deebisuurratti hojjata – yeroon kaffaltii yoo darbe dhaabbatichi maamila dararuu jalqaba.
Amma maallaqni kaffalametti hojjettoonni isaa waanuma fedhan jechuu danda'u jechuun Churasiyaan kan itti hime.
"Maamilli sana booda salphachurra jedheetu maallaqicha kaffala," jedha.
"Yoo xiqqaate nama tokko lakkoofsa bilbilaa nama liqaa fudhatee keessaa kan lubbuu isaa balleessuu hin dhabamu" jedha.
Churasiyaan dhimma kanarratti kallattiin gaafaneerra garuu yaada kennuu hin barbaanne.
Dhaabbata Callflex Corporation qunnamuuf carraaqqii goodhamus, dhaabbatichi deebii hin kennine.
Namoota hedduu sababa kanaan lubbu dhaban keessaa tokko Kirni Moonikaa turte.
Hojjettuu mootummaa umrii ganna 24 kan turteMoonikaan maatii isheef nama jabduu turte.
Mana barumsaa isheen itti baratte keessatti ishee qofatu hojii mootummaa argate ture.
Abbaan ishee qonnaan bulaa jabaa ture, Awustiraaliyaatti barnoota digirii lammaffaa akka barattu ishee deeggaruuf qophaa’aa ture.
Barattuun kun waggaa sadii dura of ajjeeste.
"Nama gammadduu turte," jedha abbaan ishee Kirni Boopani jedhaman. Poolisiin bilbilaa fi herrega baankii Moonikaa yeroo ilaalu aappii liqii adda addaa 55 irraa maallaqa liqeeffachuu ishee mirkaneesse.
Jalqaba Ruuppii 10,000 ($120) kan liqeeffatte yoo ta'u, liqiichi dachaa 30'n ol guddate.
Yeroo of ajjeesuuf murteessitetti Ruuppii 300,000 ol ($3,600) deebiftee turte.
Poolisiin akka jedhutti, appilikeeshiniiwwan liqii kunneen bilbilaa fi ergaa gabaabaan ishee qoccolaa turan- akkasumas lakkoofsa bilbila namoota isheen qabduuf dhaamsa erguu jalqabaniiru.

Kutaan Moonikaa amma mana qulqullummaatti geeddarameera. Waraqaan eenyummaa isheen waajjira mootummaa ittin seentu balbala cinatti fannifamee jira
Boorsaan haatishee cidhadhaaf qabatte akka deemtuuf qopheessaniif ammallee achuma jira.
Waanti abbaa ishee baay'ee aarsu ammoo waan ishee mudate itti himuu dhabuu isheeti.
"Silaa maallaqa sana salphaatti walitti qabuu dandeenya turre," jedha imimmaan ija isaa irraa haxaa'aa.
Abbaan Moonikaa namoota gocha kana raawwatanitti aareera.
Osoo inni reeffa intala isaa hospitaala irraa gara manaatti geessu bilbilli ishee bilbilame.
"Kaffaluu akka qabdu nutti himan," jedhan. "Du'uu ishee itti himne" jedhan.
Warri wanbadeen kun eenyu ta'uu danda'u jedhee yaade.
Harii -maqaa isaa dhugaa miti - wiirtuu bilbilaa tokko keessatti aappii Moonikaaf maallaqa liqeesse keessaa tokkoo kan ta’eef hojjechaa ture.
Mindaa gaarii kaffaluuf ture, garuu yeroo Moonikaan duutu waan keessa hojjatu sanatti gammaduu dhabu hima.
Ofii isaatii garuu bilbilan nama arrabsee hin beeku jedha – inni garee bilbilan jalqabaa sirnaan namoota dubbisan keessa akka ture dubbata.
Hariin akka jedhutti, hojjettoonni namoota akka arrabsanii fi doorsisan qajeelfama kennuuf jedha.
Namoonni dhaabbata liqiif hojjatan kun bilbila namoota namni maallaqa liqeeffate qabuu hundatti erguun, nama gocha akkasiin miidhame sana hattuu fi nama maallaqa nama biraa miliqsu fakkeessu.
"Namni kamiyyuu maatii isaa fuulduratti maqaa gaarii qabu ittifusiisu barbaada.
Namni kamiyyuu maallaqa xiqqaa Ruuppii 5,000’f kabajaa ofii dhabuu hin fedhu," jedha.
Liqichi deebinaan sirnichi "Milkaa'e!"
Sana booda gara maamila birootti ce’u.
Maamiloonni ofin ajjeesa jechuu yeroo jalqaban namni akka waan guddaatti hin ilaalu - sana booda of ajjeesuu jalqabani jedha.
Hojjettoonni hogganaa isaanii Parshuram Takve jedhamu bilbilanii doorsisuu dhiisnumoo ittifufna jedhanii gaafatan.
Guyyaa itti aanutti Takvee waajjira dhufe . Innis ni aare. "'Waan sitti himame hojjedhuutii maallaqa deebisi'jedheetu aariin dubbate," jedha Hariin.
Kanaaf hojjattoonni dhaabbatichas gocha kana raawwatan.
Ji'oota muraasa booda Moonikaan duute.
Takveen gara jabeessa. Garuu waanta dalagu kana kophaa isaa gaggeessaa hin turre.
Hariin akka jedhutti yoo ta’e, yeroo tokko tokko afaan mosaajicha akeekkachiisa tokko malee gara afaan Chaayinaatti jijjiirama.
Takve dubartii Chaayinaa Liyang Tiyan Tiyan jedhamtu fuudhe. Jarri lamaan waliin hojii liqii deebisuu Jiyaliyang jedhamu bakka Pune jedhamu , iddoo Hariin hojjetaa turetti hundeessan.

Muddee 2020 keessa Takvee fi Liyang poolisii dhimma doorsisaa qorachaa turaniin to'annoo jala oolanii, ji'oota muraasa booda mirga wabiitiin gadhiifaman.
Ebla 2022 keessa humnaan maallaqa fudhachuuf yaaluu, sodaachisuu fi of- ajjeesuu jajjabeessitan jedhamuun himataman. Dhuma bara 2022tti baqacha ykn miliqaa turan.
Takve hordofanii qabuun hin danda’amne. Garuu aappii Jiyaliyang keessa hojjetaa ture yeroo qorannu gara daldaltuu Chaayinaa Li Xiyang jedhamutti nu geesse.
Sana booda Takve toora interneetiirratti ni dhabame.
Haata’u malee, lakkoofsa bilbilaa hojjettoota isaa keessaa tokko waliin walqabatee argannee, invastaroota fakkeessuun Li Xiyang walgahii qophaa'etti affeerame.
Innis kaameeraatti dhihaatee, waa'ee daldala isaa Hindii keessaa jajee dubbate.
"Ammallee hojjechaa jirra, lammileen Hindii dhaabbata Chaayinaa ta'uu keenya akka hin beekne," jedhe.
Bara 2021tti dhaabbileen Lii lama poolisii Hindii aappii liqiitiin qoccolaa turan qorachuuf sakatta'aa ture. Herreegni baankii isaaniis ni uggurame.

"Invastimantii keenya dafnee deebifachuuf waan kaayyeffanneef, gibira biyya keessaa akka hin kaffalle beekamaadha, dhala nuti kenninus seera biyya keessaa kan cabsu ta'uu isaa hubachuu qabdu," jedha.
Lii dhaabbati isaa Hindii, Meeksikoo fi Kolombiyaatti aappii liqii ofisaatii akka qabu himeera.
Kibba-Baha Eeshiyaa keessatti tajaajila to'annoo balaa fi liqaa walitti qabuu irratti indaastiricha akka hoogganu kan hime.
Lii amma tajaajillisaa Laatiin Ameerikaa fi Afrikaatti babal'achaa jira jedha.
Paakistaan, Baanglaadeesh fi Hindii keessatti hojjettoonni 3,000 ol "tajaajila liqiin boodaa kennuudhaaf qophaa'aniiru,'' jedha.
Sana booda dhaabbati isaa liqii deebifachuuf maal akka hojjete ibse.
"Yoo liqii hin deebisne ta'e WhatsApp irratti si dabaluu dandeenya, guyyaa sadaffaattimmoo sa'aatii wal fakkaatutti WhatsApp irratti bilbillee ergaa siif ergina, akkasumas namoota bilbilasaanii qabduuf bilbilla.
Sana booda, guyyaa afraffaatti warri ati bilbilasaanii qabdu kaffaluu yoo baatan, hojimaata bal'aa addaa ta'e qabna jedha.
"Galmee bilbila isaarraa odeeffannoo isaa hedduu ni qabanna.Haala kanaan yoo ilaallu akka waan qullaa nu fuuldura jiruuti" jedha.
Boomi Sinha qoccollaa, doorsisa, miidhaa fi dadhabbii irra gahu irra to'achuu ni dandeessi, garuu suuraa poornoogiraafii to'achuun itti jabaatera.
"Ergaan sun dhugumatti addunyaa guutuu fuulduratti qullaa na baase," jetti. "kabajuukoo dhabe, hamilee koo, waan hunda sekondii tokko keessattin dhabe."
Abbootii seeraa, arkiteektoota, qondaaltota mootummaa, firoota maanguddootaa fi hiriyoota warra isheetiif qoodame.
"Eeenyummaakoo xureesse, akka yoo borcoqqoo cabee walitti qabsiiste ammallee baqaqaan irraa mul'ata" jetti.
Hawaasa waggoota 40'f keessa jiraatte keessatti ollaa isheetiin adda baafamtee jirti.
"Har'a irraa eegalee hiriyyoota hin qabu. Ana qofa jedheen tilmaama," jette.
Maatiin ishee muraasni ammallee ishee hin dubbisan. Akkasumas dhiironni isheen waliin hojjettu qullaadha jedhanii yaadu laata? jettee yeroo hunda of gaafatti.
Ganama intalli ishee Astaan otoo Boomin gadda cimaa keessa jirtu argite turte. Garuu yeroo isheen ofirraa ittisuuf murteessitees tureera. "Ani akkasitti du'uu hin barbaadu" jettee murteessite.

Madda suuraa, PRARTHNA SINGH/BBC
Boomiin poolisitti iyyata galfatte garuu ergasii homaa hin dhageenye. Waanti isheen gochuu dandeessu lakkoofsa bilbilaashee jijjiirtee, sarara bilbilaa keessaa baaste gatuu qofa ture.
Astaan bilbilamuuf wayita jalqabamu isheenis sarara bilbilaa ofii balleessite.
Hiriyoota, maatii fi waahillan hojii ishee bilbilaa fi dhaamsa ergamuuf akka tuffatanii dhiisan itti himtee, dhumarratti, bilbilichi hunduu adda cite.
Boomii obboloota, hogganaa ishee fi hawaasa onlaayinii namoota biroo appii liqiitiin miidhaman irraa deeggarsa argatte. Garuu irra caalaa intala isheetu onnachise.
"Intala akkanaa argachuu kootiif ani waan gaarii hojjedheera jedheen yaada" jetti. "Osoo isheen na cinaa hin dhaabbanne ta'ee silaa namoota hedduu sababa iyyannoo liqiitiin of ajjeesan keessaa tokkon ta'a ture."
Gabaasa kana keessatti himanni Asan Loan - akkasumas, Liyang Tiyan Tiyan fi Parshuram Takve, kanneen dhokatanii jiranitti kaa'a. Dhaabbatichis taʼe warri wal fuudhan kunneen deebii hin kennine.
Lii Xiyang yaada akka kennu gaafatamee BBC'tti akka himetti, inniifi dhaabbileen isaa seeraa fi dambiiwwan biyya keessaa hunda akka eegan, aappii liqii saamtota ta'e hojjetanii akka hin beekne, dhaabbata liqii deebisuu Liyaang Tiyaan Tiyaan fi Paarshuram Takveen geggeeffamu Jiyaliang waliin tumsa akka dhaaban, akkasumas odeeffannoo bilbila maamiltootaa akka hin sassaabne ykn itti hin fayyadamne hime.
Giddu-galli bilbilaa liqii deebisuurratti hojjatu ulaagaa kaa'ame akka eegu ibsuun, gidiraa lammilee Hindiirraa bu'aa argachuu haale.
Tajaajilli Seeraa Majesty liqii deebisuuf ragaa bilbila maamiltootaa fayyadamuu haale.
Hojjattoonnisaanii bilbilan akka nama hin arrabsine ykn doorsisne qajeelchuu himan, namni imaammata dhaabbatichaa cabse kamuu hojiirraa ari'ama jedhan.
Gabaasni dabalataa kan Roni Sen, Siwtika Pirashar, Seyid Hasan, Ankur Jayin fi garee BBC Eye. Akkasumas gabaasota nageenya isaaniif jecha maqaan isaanii dhahamne ni galateeffanna.












