Dhiironni karaa aappii jaalallee baafachuun wal arguuf deeman ukkaamfamuun akka malee dabalaa dhufe

App beekamaa jaalalleewwan walitti fidu Tinder

Madda suuraa, Reuters

Namichi tokko karaa aappii jaalallee ittiin barbaadatan dubartii tokko waliin erga dubbatee wal arguuf wal beellaman.

Bakka jedhan sana yeroo gahu dhiirota meeshaa waraanaa hidhataniin ukkaamfamee fudhatame.

Waanti guyyicha jaalalaan guuta jedhamee eegame al takkaatti abjuu guyyaa tahuun guyyootaaf ture.

Biraazil magaalaa guddoo fi soorettii taate São Paulo keessatti yakki akka kanaa hammaataa dhufeera.

Barreessaan Dhimma Nageenya Uummataa biyyattii BBCtti akka himanitti, yakka ukkaamsanii fudhachuu hanga ammaa gabaafame keessaa %90 kan tahu aappii jaalalleewwan wal qunnamsiisu akka Tinder fayyadamuun kan raawwatedha.

Miidhamtootni baankii isaanii qullaa hafee dabalataan, miidhaan qaamaa fi xiinsamuus isaan irra gaheera. Bara 2022 keessa qofa São Paulo keessaa poolisoonni farra ukkaamsaa himata 94 irratti hojjechuun shakkamtoota 250 tahan to'annoo jala oolchaniiru.

Dhiirotni bultii hin qabne umuriin isaanii waggaa 40 ol tahe yakka kanaaf saaxilamoodha.

Miidhamtoota keessaa tokko hakiima hospitaala beekamaa magaalicha keessaa das Kilinikaas jedhamuu yoo tahu, ji'a sadaasaa keessa dubartii tokko karaa appii waliin dubbatee wal arguuf beellama qabatanii haaluma kanaan ukkaamfamuun sa'a 14'f ture.

Yakkamtootni isa ukkaamsan baankii isaa fayyadamuun maallaqa doolaara 14,000 tahu bifa liqaa, bittaa fi daddabarsa biraan erga baafatanii booda isa gadhiisan.

Miidhamtoonni akkamiin filatamu?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhimmi nageenyaa magaalittii akka jedhetti yakkamtootni jalqaba ragaa oonlaayinii nama irratti xiyyeeffatanii hordofu.

''Fayyadamtoota miidiyaa hawwaasaa dhimma dinagdee isaanii beeksisan hordofu. Sana booda wal argina jechuun bakka qopheessan sanatti beellamu,'' jechuun poolisiin maqaan isaa akka ibsamu hin barbaanne tokko BBCtti hime.

Aappii jaalalleewan wal qunnamsiisu Tinder nageenya fayyadamtootaa tiksuuf maaltu hojjetamuu qaba kan jedhu akka deebisuuf gaafatamus yeroo odeeffannoon kun barraa'etti deebii hin kennine.

Poolisiin Kaaba Saa'oo Pooloo keessa hojjetu tokko akka jedhanitti miidhamtootni dhiirota umuriin isaanii deeme qabeenya gaarii qabanidha.

"Dhiirota umuriin isaanii waggaa 40 tahee fi gaa'ila hin qabne, garuu qabeenya qabanidha.

Yakkamtootni miidhamtoota kanneen irra caalaa karaa Tinder ofitti harkisu.

Ergaawwan nama harkisanii fi gowwoomsan barreessaniifii qaaman wal argina jedhanii beellamu,'' jedhan.

Yakkamtootni odeeffannoo dhuunfaa waa'ee miidhamtootaa himu jalqaba ilaalu. Keessumaa konkolaataa gatii qaalii isaan qabatanii fi imala addunyaa irratti isaan taasisuun maxxansan fa'aa hordofu.

''Beellamni yeroo baay'ee bakka fagoo ollaa jiranitti gara galgalaa qindeeffamu, jedhan poolisiin Kaaba Saa'oo Pooloo.

"Dhimma ani hordofe keessaa tokko, namichi tokko dubartii tokko waliin moolii [gamoo gabaa] keessatti wal arguu wal beellama. Booda anoo na dhukkubee dhufuu hin dandeenye isa jette.

Kanumaan ishee arguuf jecha gara mana ishee deemee achumatti ukkaamfame.''

Beellamni kun karaa aappii guyyaa tokko ykn lama erga haasa'anii qabama. Inni dhiiraa dubartiin kun na arguuf ''qophiidha'' jechuun bahee deema, jedhe poolisiin.

mobaayila suurri onnee irra jiruufi buna

Madda suuraa, Getty Images

Yakka hin gabaafamiin

Poolisiin gara biraa tokko ''ukkaamsaan aappii beellamaa’’ sababoota garaagaraan akka barbaadamutti hin gabaafamne jedhan.

Sababni jalqabaa ammoo miidhamtootni gara poolisii deemanii dhimma kana gabaasa gochuu qaana’uudhaani.

Kaan ammoo hariiroo biraa keessa waan jiraniif jaalallee isaaniitti akkuma yakka yeroo kaan raawwatuu ukkaamfame jedhanii himatu.

Waan poolisii tokko raajeffachiise ammoo irra deddeebiidhaan isa namootni baratanii fi qabeenya qaban jaalallee barbaacha jecha magaalaa guddaatii fagaatanii bahanii wal arganidha.

Irra caalaa namootni kunneen dhabamuun isaanii kan baramu yeroo firootni poolisiitti gabaasa godhanidha.

Namootni yakka akkanaa fayyadaman yeroo baay’ee sagalee fi suuraa isaanii nama waliin haasa’an kanaaf ergu.

Ogeessonni yakka karaa intarneetii raawwatu ittisuu irratti hojjetan, kaampaaniin jaalalleewan walitti fidu kun kan itti gaafatamu waan achi keessatti tahe qofa jedhan.

Erga karaa aappii waliin dubbatanii yakka alatti raawwatu to’achuun rakkisaa tahuu himuun, fayyadamtootni eeggannoon fayyadamuu akka qaban dhaamu.

Ogeessonni mallattoolee yakka tahuu malan jedhan yoo himan akkas jedhu. Namni waliin dubbatan sun erga guyyaa jalqaba wal argitanii pirofaayilii isaa/ishee yoo aappii sana irraa balleessite/sse odeeffannoo dhoksuuf tahuu shakkaa.

Dabalata haasaa dhuunfaatiin karaa WhatsApp fa'aa gaggeeffamu dhiisaa. Ragaa waliin dubbii keessanii kuusaatii kaa'aa.