Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tigraayitti mormitoonni marii ummataa mootummaa ce'umsaa hundeessuurratti hin hirmaannu jedhan
Paartiileen mormitootaa naannoo Tigraay marii ummataa mootummaa yeroo ce'umsaa hundeessuuf gaggeeffamu irratti hin hirmaatiin hafan.
Marii ummataa kun har’a Bitooteessaa 1, 2023 kan eegale yoo ta’u, koree humdeeffama bulchiinsa yeroo ce'umsaa irratti gaaffilee walabummaafi hirmaachisummaa qabaachuu kan himan paartiilee mormitootaa naannichaa adeemsicha keessatti akka hin hirmaannee beeksiisan.
Dura taa’aan Koree qindeessituu hundeeffama Mootummaa yeroo Letanaal Janraal Taaddasaa Warradaa akka dubbataniitti, sanadii marii kanarratti bakka bu’iinsa, kaayyoo mootummaa yeroo ce'umsaa, qoodiinsa aangoofi naamusa korichaa dhiyaachuun raggaasifama.
Bulchiinsa yeroo hundeeffamu keessattis bakka bu’iinsa jiraatu ilaalchise harki 30 TPLF, harki 25 raayaa Tigraayiif, harki 15 paartilee mormitootaaf akka kennamu ibsamulleen, paartiilee mormitootaa garuu maricha irratti hin argamne.
Suuraaleen teessoo galma marii keessatti paartiilee mormituuf qabamee ture duwwaa ta’ee kan agarsiisan qoodamaa turan.
Paartiilee mormituu kanaan dura koree mootummaa yeroo ce'umsaa Tigraay hundeeessuuf dhaabbate akka hin fudhannee beeksiisanii turanis, miseensoonni korichaa kan TPLF qofanna filatamaniidha jechuun qeequ.
Korichis ajajaa humnoota Tigraay Jeneraala Taaddasaa Warradaa fi Obboo Muluuwarq Kiidaanamaariyaam dabalatee, miseensoota sagal kan qabu yoo ta’u, sadii humnoota Tigraayirraa, sadii TPLF fi sadii ammoo waldaalee sivilii irraa kan babahan ta’uu ibsaniiru.
Marii kanarratti akka hirmaataniif waamichi taasifamuuf kan dubbatan gaggeessaan Paartii Baayitoonaa Dr Tsaggaa Za’aab Kaahisuu, adeemsichi hammaataafi hirmaachisaa miti jedhan.
"Adeemsa koreen kun dursu keessatti hirmaachuun kaayyoo dhaabbata tokkoo fiixaan baasuufi milkeessuudha jennee amanna. Adeemsicha keessatti hirmaachunis jijjiramni fidnu hin jiru. Yaada kamuu kennuufis carraa hin arganne,’’ jedhan.
Kanaan duras koreen hundeessituu kun paartii tokkichaan kann hundaa’e ta’uu ibsuun, kan sanada waliiggaltee Piritoriyaa hordofes miti jechuun qeeqaa turan.
Koreen mootummaa yeroo ce'umsaa hundeessu kunis, kan beekkamtii seeraa fi ummataanis ta’e qaamoolee gahee qabaniin fudhatama hin qabneedha," jedhu.
Itti-gaafatamaan dubbi-himaa Ummataa fi Miidiyaa Saalsaay Wayyaanee Tigraay Obbo Kinfee Haaduush gamasaanitiin, Korichi kanqaama tokkichaa waan ta’eef hirmaachisaafi hammataa akka hin taane dubbatu.
Kanaan duras adeemsi korichi ittiin hundeeffamee ifa ta’uu dhabuusaarratti gaaffii kaasanilleen, korichi yaada dhiyaate dhaggeeffachuuf qophii miti jedhu.
‘‘Qindeessitoonni korichaa irra deddebiin miidiyaarratti bahuun kan nu gufachiisu omtuu hin jiru. Gara fuulduraatti ilaalla jechuun gaaffii nuti dhiyeessinu fudhachuuf fedhii osoo hin agarsiisiin hafaniiru," jedhu.
Gaaffiin kunis kan paartilee mormitootaa qofaa osoo hin taane, kan hayyoota Tigraay, kann waldaalee sivilii bilisa ta’anii, fi namoonni dhunfaa dhiibbaa gochuu danda’an osoo hin hafne korichi, “adeemsa seeraa fi fudhatama hin qabne akka sirreessuuf irra deddebiin waamicha dhiyeessanii tura‘n,"jedhu Obbo Kinfeen.
Mariin uummataa dhaaba tokkoon kan qophaa’edha jedhani akka amanan kan dubbatan Doktar Tsaggaa Zehaab, waltajjii sanadiin yaadawwan paartilee mormitootaa osoo itti hin dabalamiin qophaa’e irratti hirmaatamees jijjiiramni dhufu akka hin jirre dubbatan.
Mormii isaanii waltajjii irratti argamuun dhageessisuu hin wayyuu gaaffii jedhu BBCn gaafateef dura ta’aan kun akkas jedhe: “Wanti jijjiiramu hin jiru kan isiin jenne fudhadhaa jedhamne. Kanaaf, itti bareechuufi ho’isuun alatti waltajjichi kan yaadni irratti dhiyaatu ykn falmiiwwan kan irratti gaggeeffaman miti waan ta’eef kan dhumatedha.”
Obbo Kinfeen gama isaaniitiin mootummaan yeroo ce’umsaa qaamolee dhimmi ilaallatu, keessumaa humnoota siyaasaa Tigraay keessa socho’an kan hammateefi hirmaachise ta’uu qaba jechuun dubbatan.
“Mootummaan yeroo ce’umsaa ol-aantummaa qama tokkoon karaa hin malleen hundaa’u ummatichaaf kan fayyadu miti. Mootummaa yeroodhaafii hundeessuudhaaf, akkasumas ol-aantummaa fudhachuudhaaf paartiin socho’aa jiru dogoggora hojjechaa jiru akka sirreessuuf dhiibbaa taasisuun ni barbaachisa,” jedhan.
TPLF adeemsa hammataa ta’eefi walqixxummaa irratti hundaa’e akka hordofuuf hundumtuu dhiibbaa taasisuu akka qabu Obo Kinfeen ni ibsu.
Kanaan dura L/Janaraal Taaddasaan mootummaa yeroo ce’umsaa hundeessuudhaaf adeemsa jiru giddu-seentummaa siyaasaarraa haala wallaba ta’een gaggeessuudhaaf akka carraaqqiin taasifame dubbataniiru.
Adeemsichis ummata Tigraayiif adeemsa seena qabeessa ta’a jedhanii akka amananillee dubbatanii turan L/Janaraal Taaddasaan.
Haasaa gareen marii mootummaa Federaalaafi Tigraay bakka MM Abiy Ahmad argaman irratti tureen dhimmi baajataa wayita ka’etti dursa mootummaan yeroo ce’umsaa Tigraay hundeeffamee booda akka gadhiifamu ibsamee ture.
Baajata waliin walqabatee hundeeffamni mootummaa yeroo ce’umsaa akka haal-dureetti taa’uu isaa Obbo Getaachoo Raddaa dhiyeenya kana ibsanii turan.