Hoggantoonni dhaabbilee Basaasaa US fi Raashiyaa waliin mari'atan

Hoggantoonni dhaabbata basaasaa Ameerikaa fi Raashiyaa fuulaa fuulatti wal arguun dhimma Moskoon Yuukireen keessatti nuukilera fayyadamuuf doorsiftuu fi lammiilee US, ''dabaan’’ Raashiyaatti hidhamanii irratti mari’atan.

Mariin daariktera CIA, Wiiliyaam Barnisii fi gita isaanii Raashiyaa Sergee Naarshikiin magaalaa Tarkii, Ankaaraatti Wiixata darbe wal arguun mari’atan.

Kireemiliin mari’chi ''kakka’umsa gama Ameerikaan dhufeen’’ gaggeeffame jette.

Erga Raashiyaan Yuukireen weerartee as marii sadarkaa olaanaatti gaggeeffame isa jalqabaati.

Waayit Haawus, Obbo Barnis kan bara 2005-2008'tti Raashiyaatti, ambaasadara Ameerikaa tahan Raashiyaan waliin waa’ee xumura waraanichaa miti kan mari’atan jedhe.

Ergaan isaanii ''Raashiyaan nuukileera yoo fayyadamte miidhaa akkamii akka qabuu fi ''tasgabbii fiduuf’’ rakkoo akkamii qabaata kan jedhu irratti akka tahe Waayiy Haawus himteetti.

Ji’oota dhiyoon as US, Mooskoon nuukileera taaktikaa Yuukireen irratti akka hin fayyadamne irra dedeebiin akeekkachiisaa turte.

Kireemiliin ammo yoo barbaachisaa tahe ni fayyadamna kan jedhu ibsiteetti.

Ji’a Fulbaanaa darbe keessa pirezidaanti Puutiin biyyootni Lixaa Raashiyaa barbadeessuu barbaadu jechuun himatan.

Daangaa biyya isaa tiksuuf ''tooftaa jiru hundaa’’ fayyadamuu akka danda’an ibsaniiru.

Hoggantootni dhaabbilee basaasaa biyyoota lamaanii Turkitti wal arguu isaanii dubbii himaa pirezidati Resip Taayib Erdohaan kan tahanii lamaan isaanii mariisisaa turantu mirkaneesse.

Ibsi Waayit Haawus irraa bahe Obbo Barnis marii waraanaa kamiyyuu hin goone’’ ''qajeeltoo keenya bu’uuraa irratti cichina: Waa’een Yuukireen Yuukireeniin ala homaayyuu miti’’ jette.

Pirezidaanti Joo Baayiden gita isaanii Chaayinaa Shi Zhinpingi waliin marii G20 Indoonezhiyaa magaalaa Baalitti gaggeeffamu dursuun wal arganii waliin dubbataniiru.

Lamaan isaaniiyyuu ‘’nuukileera Yuukireen keessatti fayyadamuu ykn ittiin doorsisuu irratti mormii akka qaban’’ ibsi Waayit Haawus bahe eerera.

Ibsi Ministera Dhimma Alaa Chaayinaas irraa bahes Shi fi Baayiden nuukileera akka hin fayyadamuu akka hin qabnee fi waraanni nuukileeraa ka’uu akka hin qabne walii galuu ibse.

Hoggantootni dhaabbilee basaasaa biyyoota lamaanii waa’ee lammiilee US ''dabaan’’ ji’a Hagayyaa keessa Raashiyaatti hidhamtee mari’ataniiru.

Taphattuun kubba Kachoo Biriitinii Giriner zayita kanaabis daddabrsiti jedhamuun qabamtee hidhaan waggaa sagalii irratti murtaa’eera.

Kanaabisiin fayyadamuun Raashiyaa keessatti seeraan ala tahus Moskoon aadde Giriineriin ‘’meeshaa siyaasaaf’’ godhatte jedhamuun komatamti.

Bulchiinsi Baayideen Raashiyaa waliin hidhamtoota wal jijjiiruuf mari’atanii ture.

Ameerikaatti ambaasadara Raashiyaa kan tahan, Anaatoolii Antoonoov qondaalota Waayit Haawus waliin dhimma qabinsa hidhamtoota Raashiyaa US keessa jiranii irratti mari’atu, jedhe imbaasiin Raashiyaa.

Mariin qondaalota dhaabbata basaasaa US fi Raashiyaa garuu maal akka tahe Kanaan ala waanti barame hin jiru. Garuu yeroo murtaa’aa si’a loltootni Raashiyaa Kehersanii bahanii fi deebiin Raashiyaa maal tahuu mala jedhamee eegamutti gaggeeffamuun isaa waan gaariidha jedhame.