Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hoogganaan fonqolcha mootummaa Burkinaa Faasoo Ibraahim Tirawoore eenyu?
Hogganaan juntaa Burkiinaa Faasoo haaraan, Kaapteen Ibraahim Tirawoore, naannichatti hoogganaa dargaggeessa umurii waggaa 34ti. Innis dirree waraanaarratti loltuu cimaafi hogganaa isa dura ture sababii milishoota Bulchiinsa Islaamaa fi al-qaayidaa irratti “tarsimoowwan hin milkoofne” fudhate jechuun qeeqaa turedha.
Duree Tirawoore Fulbaana 30 irratti Lt Kol Pool-Henrii Daamiibaa kan karaadhuma fonqolchaatiin aagnoo qabte angoorra fonqolcheera.
Kunis fonqolcha mootumma lammaffaa baruma kana keessatti biyyattiin keessummeesite yoo ta’u, kunis adeemsa bulchiinsa siviliitti dabarfamuuf ture duubatti harkisuu mala.
Kaapt Tirawoore, loltummaa kan eegale bara 2009’tti yoo ta’u, naannolee lixaa fi kaaba Burkiinaa Faasoo keessatti human waraanaa keessa tajaajileera.
Akkasumas fonqolcha pirezdaantii biyyatti ummataan filatame Rooch Kaboree wayita Amajjii 24 irratti Lt Kol Daamibaa aangoorra fonqolcheetti, loltoota isa deeggaran keessa tokko Kaapt Tirawore ture.
Ta’us garuu ji’a saddeeti booda, garee juntaa Patriotic Movement for Preservation and Restoration (MPSR) jedhamukeessatti wal qoodiinsi uumamuu eegale.
Humna ittisaa human waraanaa deeggaru keessatti jijjirama umuu, naannoolee hokkorri itti baayyatanitti bulchitoota humna waraanaa muuduu fi naannoo kaabaa fi lixa biyyattiitti tarkaanfiiwwan waraanaa fudhachuu dabalatee bulchiinsi waraanaa Lt Kol Damiba maalota adda adda hojiirra olchus, haleellaa hidhattonni lammilee nagaa fi qamoolee nageenya irratti taasisan hir’isuu hin dandeenye.
Akka xinxala dhaabbata odeeffannoo waraanaa qoratu ACLED jedhamuutti, Burkiinaa Faassoon bara kana okkooraan biyya ollaa kan taate Maalii bakka buute, kunis hiriira mormii akka Lt Kol Daamibaa aangoo gadhiisuuf gaafatu uumeera.
Fonqolchi inni haaraa kun nama rifaasise ta’us, erga yaalii fonqolchaa bara 2015 hin milkaa’in hafeen humnootiin olaanoo erga gargar ba’anii booda, humni waraanaa Burkiinaa Faaoo yeroo dheeraaf amantaa dhabuu fi fedhii dhabuu keessa turaniiru.
Darbeeyyuu hamileen humnoota nageenya haleellaa hidhattootaa irra daddeebiin uumamuu fi haala hojii hamaa keessummaa naannolee daangaarra jiranitti uumamuun gadi bu’eera.
Kapt Tirawore erga aangoo fudhate booda, hordooftoota isaa fi kan Lt Kol Damiba gidduutti arrabsoon kan ka’eeru yoo ta’u, kun ammo aangoo qabachuuf gara lolaatti galu soda jedhu uumeera.
Lt Kol Damiba Dilbata irratti aangoo gadhiisuun isaa, Kapt Tirawore human nageenya diigamaa, hidhattoota qamoolee Burkinaa Fasoo hedduutti miidhaa geessisa jiru loluuf rakkachaa jiru akka to’atu isa taasiseera.