Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yeroon Lammeechaa Girmaa Itoophiyaaf warqee argamsiisu ammaa?
Itoophiyaan dorgommii atileetiksiin Olompikaa hanga shaampiyoonaa addunyaa fageenya dheeraafi giddugaleessaa gubbaatti maqaa meedaaliyawwaniin faayame qabdi.
Olompiikaa fi dorgommiiwwan akka qaxxaamura biyyaa dhiisnee, Shaampiyoonaa Atileetiksii addunyaa amma Budaapestitti gaggeefamaa jirurraa qofa baroota darban meedaaliyaawwan 95 argatteetti.
Kanneen keessaa 33 warqeedha.
Seenaa shaampiyoonaa kanaa keessatti fageenya Itoophiyaan ittiin hin beekamneefi meedaaliyaaf hin abdatamne yeroo itti seenaa ta'an turaniiru.
Akka fakeenyaattis shaampiyoonaa Mooskoo Raashiyaa bara 2013 gaggeeffame irratti Mohaammad Amaan meetira 800 seenaa Itoophiyaa keessatti meedaaliyaa warqee jalqabaa argamsiiseera.
Atileet Ganzabee Dibaabaas bara 2015'tti shaampiyoonaa Beejiingitti qophaaye irratti fiigicha meetira 1500'n yeroo jalqabaaf Itoophiyaaf warqee argamsiifteetti.
Amma ammoo dabareen seenaa haaraa galmeessu kan Lammeechaa Girmaa ta'uu akka hin oolle agarsiistuuwwan heddutu jira.
Atileet Lammeechaa Girmaa dorgommii fiigicha meetira 3000 gufachiisaa, yeroo dheeraaf atileetotni Keeniyaa mootii itti ta'anitti mootii haaraa ta'aa dhufeera.
Atileetiin kun bara kana keessa riikardii addunyaa dorgommii kanaa barootaaf qabamee ture cabsee amma dorgomaa fageenya kanaan mo'ichaaf maqaan isaa jalqabarra dhahamu ta'eera.
Dorgommii dhuunfaa irratti riikardii haa cabsu malee Lammeechaan baroota darbanis fageenya kanaan Itoophiyaaf meedaaliyaa argamsiisee beeka.
Warqee garuu dorgommii galgala kana Budaapestitti gaggeefamu irratti biyya isaa Itoophiyaaf yeroo duraaf argamsiisa jedhamee eegama.
Shaampiyoonaa Atileetiksii addunyaa Budaapestitti erga eegalee har'a guyyaa arfaffaa isaaa qabate irratti dargaggoon ganna 22, Lammeechaa Girmaa gufachiisa meetira 3000 seenaa haaraa galmeessuuf ni fiiga.
Dorgommiin kun galgala keessaa sa'aa 4:42 irratti kan eegalu yeroo ta'u Lammeechaatti dabalataan, atileet Geetinnet Waalee Itoophiyaa bakka bu'uun ni hirmaata.
Galgaluma kana sa'aa 4:31 irraa egale ammoo dorgommii fageenya meetira 1500 dubartootaa gaggeefamu irratti Itoophiyaan Dirribee Waltajjiifi Birqee Haayiloomiin bakka buufamtee hirmaatti.
Atileetotni Lammeechaa morkatan eenyu?
Galgala kana atileet Lammeechaa Girmaa seenaa haaraa galeessuurraa atileetota isa danquu danda'an keessaa tokko shaampiyoonaa bara darbee Suufiyaan El Bakaaliidha.
Atileetiin kun shaampiyoonaa atileetiksii bara darbe Ameerikaa Origanitti gaggeefame irratti tokkoffaa ture.
Suufiyaan waliin dorgommii calallii irratti kokkeetti walqabee tokkoffa ta'uun ramaddii isaa keessaa xumuraaf kan darbe atiletiin lammii US Keneet Rooksiis morkataa meedaaliyaa isakan biroodha.
Atileetiin inni biroon Itoophiyaa bakka bu'u Geetinnet Waalees alallii irratti yeroo saffisaa ta'e galmeessuun tokkoffaa ta'ee darbeeera. Morkattoota meedaaliyaa keessaas isa tokko ta'a tilmaama jedhu argateera.
Geetinnet ammaan tana akka addunyaatti figicha kanaan sa'aatii saffisaa isa arfaffaa ta'ee galmaahe qaba.
Atileetotni Kaanadaa, Niiw Ziilaand, Keeniyaafi, Jappaanis calallii irratti sa'aatii saffisaa warra galmeessan keessaati.
Lammeechaan eessaa ka'ee as gahe?
Atileet Lammeechaa Girmaa naannoo Oromiyaa Godina Arsiitti dhalate. Imalli isaa atileetummaa kan eegalu Kilaba Atileetiksii Xirunash Dibaabaa magaalaa Asallaatti argamutti yeroo makamu ture.
Leenjii atileetummaas kan eegale fageenya 1500m leenji'uuf ture.
Haa ta'u malee, leenjisaan kilabichaa Kaffiyaalewu Alamuu hojjaafi utaalchoo isaa erga hubatanii osoo gufachiisaan leenji'e gaarii ta'a jedhanii yaadan.
Boodarra Lammeechaan Akkaadaamii Ispoortii Itoophiyaa Magaalaa Finfinnee argamu seenuun leenjisaa gufachiisaa biyyaalessaa Tashoomaa Kabbadaa jalatti leenji'uu eegale.
Achirraa jalqabee dorgommii biyya keessaa garagaraa irratti hirmaatuu eegale. Sadarkaa idil-addunyaatti dorgommiin jalqabaa irratti hirmaate Daayimandi ligii Paaris bara 2019 irrattidha.
Dorgomee sadaffaa bahe. Itti aansees Daayimandiligii Biraasalsitti fiigee sadaffaa bahe.
Barua walfakkaatu, 2019'tti Shaampiyoonaa Atiletiksii Addunyaa Doha irratti Lammeechaan yeroo duraaf Itoophiyaa bakka bu'ee hirmaate.
Fageenya kana irratti biyya bakka bu'e hirmaatee ofiifi biyyaafis medaaliyaa isa jalqabaa argamsiisuun seenaa haaraa galmeesse.
Medaaliyaan meetii yeroos Lammeechaan gonfate medaaliyaa jalqabaa Itoophiyaan Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaarratti fageenya kanaan argattedha.
Kanaanis bara 2019 Konfedereeshinii Atileetiksii Afrikaa irraa badhaasa 'Atileetii dargaggoo waggaa kanaa' jedhamuun badhaafame.
Olompiika irrattis Itoophiyaaf meetii
Atileet Lammeechaa Girmaa Dohaatti medaaliyaa erga mi'eeffate, achumaan hin banne.
Olompiika Tookiyoo bara 2021 (bara darbe gaggeefame) irrattis lammaffaa bahuun Itoophiyaan fageenya kanaan olompiika irrattis waggoota 41 booda meedaaliyaa ishee jalqabaa akka argattu gargaare.
Waggoota 41 dura atileet Ishetuu Turaa Itoophiyaaf fageenya kanaan maaldaa jalqabaa argamsiisaniiru.
Lammeechaan sana dura shaampiyoonaa mana keessaa Beelgireed irrattis hirmaatee lammaffaa bahe.
Shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa Origoonitti bara darbe gaggeefame irrattis Lammeechaan sadarkaa lammaffaa argachuun xumure.
Bara 2022 bara Lammeechaan dorgommiiwwan irratti hirmaatu irra aanuu jalqabe ture.
Dorgommii Ostrava Golden Spike 2022 irratti ammoo fiigicha gufachiisaa meetira 3,000'n tokkoffaa bahuun rekordii biyyoolessaa haaraa galmeesseera.
Riikardii addunyaa
Atileetiin bara 2019 keessa ija addunyaatti bahe, amma dorgommii fageenya meetira 3000 gufachiisaan riikardii addunyaa harkaa qaba.
Atileet Lammeechaa Girmaa dorgommii daayimand Liigii Faransaay magaalaa Paariis keessatti Waxabajjii darbe gaggeefameeni riikardii baroota 19'f qabame kan cabse.
Yeroon riikardii addunyaa ta'ee qabaamee ture bara 2004 lammii Kaataar Sa'iif Sayiidiin kan galmaahe 7:53.63 ture.
Lammeechaan fageenya kana 7:52.11 fiiguun fooyyesse.
Riikardii addunyaa cabsuu booda yaada kenneen Lammechaan dorgommicha dura guyyoota sadiif waayee riikardii addunyaa kana yaadaan ture. Obboleessi koo leenjisaa kooti. Kan keeti naan jedhe, anis nan amane.Yeroon leenjiirra ture gaariin ture, haala gaarii akkasiirra argamee hin beeku ture'' jedhe.