Noorweey akkamiin Konkolaataa Elektirikii fayyadamuun Addunyaaf fakkeenya taate?

Noorweey biyya konkolaataa elektiriikaa qofa fayyadamtu tahuufi.Kanaanis biyyoota addunyaa dursaa jirti.

Konkolaataa biyyattiitti gurguramu kudhan keessaa sagal kan elektiriikiidhaan hojjetu dha. Biyyooti kaan irraa barachuu danda'u?

Dhaabbati daldala konkolaataa biyyattii Harald A Møller jedhamu waggoota 75'f Voolsiwaagen biyyattii galchaa ture. Bara 2024tti garuu konkolaataa boba'aan hojjetuun nagaa itti dhaameera..

Yeroo ammaa kutaa agarsiisa konkolaataa keessa kan elektiriikiidhaan hojjetu qofatu jira.

''Egereen konkolaataa elektiriikaa gatii taheef maamilootni as dhufanii kan boba'aan hojjetu akka argatanitti hin beeksifnu,'' jedhu hogganaan olaanaa dhaabbatichaa Ulif Toor Heekinibaay. ''

"Fageenya dheeraa deema, saffisaan chaarjeeffama, kana booda gara duubaatti deebi'uun hin danda'amu,'' jedhan.

Magalaa guddoo Noorweey Osloo keessatti konkolaataawwan baatiriidhaan hojjetan arguun waan dinqii miti.

Konkolaataa tokko darbitani, isa tokko yoo ilaalatan gabatee eeyyamasaa irratti elektiriikiin akka hojjetu agarsiisuuf qubeen 'E' maxxanfameera.

Biyyi saba Noordiik miiliyoona 5.5 tahu qabdu konkolaataa elektiriikii biyya kaanirra daftee fayyadamuu jalqabde, konkolaataa boba'aan hojjetu gurguruu dhaabuutiinis kan jalqabaa tahuuf jirti.

Bara darbe konkolaataawwan daandii Noorweeyirra yaa'an yeroo jalqabaaf kan elektiriikaa kan boba'aan hojjetan caalan.

Bara 2024 konkolaataawwan gurguraman keessaa %88.9 kan elektiriikiin hojjetan ture. Bara 2023 ammoo %82.4 kan tahutu gurgurame jedha Federeeshiniin Daandiiwwanii Noorweey.

Ji'oota muraasa keessa gurgurtaan konkolaataawwan elektiriikii %98 gahuufaa danda'a, haala kanaan konkolaataa boba'aan hojjetu kan bituyyuu hin turre.

Faallaa kanaan UK keessa konkolaataawwan elektiriikii haaraa bara 2024tti galmaa'an %20 qofa. Tahus lakkoofsi isa bara 2023tti 16.5 turerraa daballii agarsiiseera.

Ameerikaa keessa bara darbe konkolaataa elektiriikiin %8 qofatu hojiirra oole.

Noorweey shakkii tokko malee fakkeenya konkolaataa elektiriikii dha, garuu kuni jijjiirama waggaa soddomaaf adeemaa jiru dha.

Hoggantuun Waldaa Konkolaataa Elekitiriikii Kiristiinaa Buu, ''bara 1990 keessa jalqabe,'' jetti.

''Suuta suutaan konkolaataawwan boba'aan hojjetan irratti gibira dabaluun akka qaala'an, kan elektiriikiin hojjetan ammoo gibirri akka itti hin kaffalamne godhame,'' jetti.

Jalqaba oomishtoota konkolaataa elektiriikii Baadii fi TH!NK City jedhaman deeggaruun jalqabamuus dhaabbilleen kunneen garuu daldalaa ala tahan, oomishoota 'magariisaa'(jijjiirama haala qilleensaa waliin wal siman) deeggaruun garuu itti fufe.

''Galmi keenya waan faalama qilleensaa fidu gara zeerootti gad buusuuf filannoowwan hunda fayyadamuu dha,'' jedhan Ministarri Ittaantuu Ministeera Geejibaa Sisiilii Niibee Kirooglaand.

Noorweey biyya boba'aa badhaate taatus konkolaataawwan faalama naannoo hin qabne guutumaatti oomishuuf kaayyeeffattee jirti.

Bara 2017tti dhimma kana bara 2025tti hojiirra oolchuuf kaayyeeffattee amma fiixaan baasuuf kan geesse fakkaata.

''Galma keenya biraan gahuuf jirra jechuu dandeenya,'' Geejjiba gama uummataan jiruun guutumaan gara konkolaataa elektiriikiitti geeddarree jirra jette.

Milkaa'ina Noorweey kanaaf imaammata yeroo dheeraafi fiixaan bahuu danda'u dha jechuunis ibsiti.

Konkolaataa boba'aan hojjetu dhorkuu mannaa mootummaan filannoo maamilootaa geeddare jetti.

Kanneen boba'aan hojjetan gibira itti baay'isuun dabalataan warreen faalama zeeroo qaban irraa qaraxni irraa hir'ate.

Lafa paarkiingii bilisaa, kaffaltii daandii hir'ateefi kaan konkolaataan elektiriikii akka jajjabeeffamu godheera.

Gamtaan Awurooppaa gurgurtaa konkolaataa boba'aan hojjetuu bara 2035tti dhorkuuf jira.

Noorweeyitti buufatni itti boba'aa guuttatan baayyeen chaarjariiwwan saffisaan bakka buufameera. Yeroo ammaa chaarjarooti konkolaataa 27,000 uummata tajaajilu.

Buun akka jedhanitti, ''biyyooti kaan waan Noorweey gochaa jirtu dhimmatti hin rawwanneef hin jiru.'' jechuun dabaluunis, ''tahus akka gabaa biyya isaaniif tahutti hojjechuu qabu,'' jetti.

Lammiileen Noorweey addatti waa'ee eegumsa naannoo quuqama hin qaban. ''Waa'ee jijjiirama qilleensaaf uummanni quuqamuu caalaa imaammata gaariifi hawaasni immoo boodarra konkolaataa elektiriikaa oofuun akka danda'amu amanaa dhufuu dha,'' jetti.

Tahus Noorweey biyya soorettii waan taateef doolaara tiriiliyoona 1.7 addatti qabdi. Kunimmoo bu'uuraalee misoomaafi kaan gurgurtaa boba'aa irraa fayyadamtu bakka buusuu dandeessi.

Kana malees biyyattiin haaydiroo elektiriikii haarofamu humna oomishtummaa isheettii %88 dabala.

Yeroo ammaa konkolaataawwan biyyattii keessa jiran tokko sadaffaa tahaniiru, waggoota dhihoo keessatti %50 ni darba jedha qorannoon biyyattiitti geggeefame.

Mootummaan ammaaf konkolaataawwan boba'aafi elektiriikii walakeessa fayyadaman eeyyameetu jira. Nama konkolaataa boba'aan hojjetu bituu barabaaduf garuu gatiin akkaan hir'afeera.