Naannoleen Yukireen Raashiyaan humnaan to'atte 'rifarandamii' gaggeessaa jiru

Naaannolee Raashiyaan humnaan Yukireen irraa fudhatte keessatti Raashiyaatti makaamuu fi dhiisuu murteessuf 'rifarandamiin' gaggeeffamaa jira.

Rifarandamii gaggeessuf sagalee kennuun Jimaata Fulbaana 23 eegalee jira.

Biyyoonni michuu Yukireen ta’an kun fedhii Raashiyaan lafa namaa humnaan fudhachuuf qabduudha waan ta’eef bu’aa filannoo kanaaf beekamtii hin laannu jechuun mormaniiru.

Ministeerri Dhimma Alaa US Antoonii Biliinkan kun “adeemsa hamaadha” jechuun ibsan.

Raashiyaan lafa Yukireen humnaan fudhattus mirga Yukireen of-ittisuuf qabdu wanti daangessuu akka hin jirre Biliinkan Fulbaana 22 Mana Maree Nageenyaa UN'tti dubbatan.

Naannolee Baha Yukireen bulchiinsa Luhaanisk fi Doneesk jedhamanitti akkasumas kibba biyyattiitti kan argaman Zaporizhzhia fi Keersonitti rifarandamii gaggeessuf torbee darbe waamichi godhamee ture.

Akka gabaasa Rooyitarsitti, naannoleen arfan Raashiyaatti dabalamuuf rifarandamiin itti gaggeeffamaa jiru kun daangaa Yukireen keessaa dhibbeentaa 15 ykn lafa hanga biyya Hangarii gahuudha.

Akkaataa sagantaan qabametti sagalee kennuun guyyaa shaniif itti fufa.

Miidiyaaleen Raashiyaa akka gabaasanitti hojjattoonni boordii filannoo mana manarra deemuudhaan sagalee nama kennisiisu.

Sababa rakkoo nageenyaaf buufataaleen filannoo guyyaa dhumaa gaafa Fulbaana 27 qofa banamu jedhame.

Bulchiinsa Luhaanisk fi Doneesk keessatti waraqaan filannoo afaan Raashiyaa qofaan kan barreeffamu yoo ta’u bara 2014 irraa kaasee finciltoota Raashiyaadhaan deeggaraman jala jiru.

Bakki Zaporizhzhia fi Kersoon ammoo walakkaa isaa Raashiyaatu humnaan qabatee jira.

Raashiyaan akka karoorsitetti ‘rifarandamii’ kanaan milkoofnaan, haleellaa kana booda naannichatti Yukireen gaggeessitu akka waan biyya isheerratti gaggeeffameetti malee haleellaa waraana isheerratti gaggeeffame gootee hin ilaaltu.

Kuni ammoo waraanni haalaan akka hammatu godha jedhamee yaadamaa jira.

Bifuma wal-fakkaatun bara 2014 Raashiyaan maqaa ‘rifarandamii’ jedhuun Kirimiyaa Yukireen irraa fudhattee turte.

Yeroo sanas hawaasni idil-addunyaa akkuma ammaa mormii dhageessisanii turan.