Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kooriyaan Kaabaa himannaa Raashiyaadhaaf meeshaa waraanaa dhiheessite jedhu waakkatte
Kooriyaan Kaabaa gabaasa meeshaa waraanaa Raashiyaaf dhiyaassaa jirti jedhu haalte.
Kooriyaan meeshaa waraanaa gonkumaa dhiyeessee hin beeku akkasumas gara fuulduraattis dhiyeessuuf karooras hin qabu jechuun waakkatte.
Kana dura qondaaltoonni Ameerikaa Raashiyaan rookkeettiiwwan Kooriyaa Kaabaa irraa bitachaa jiraachu hin oollee jechuun gabaasuun keenya ni yaadatama.
Kooriyaan Kaabaa garuu deebii amma kenniteen gonkumaa dhiyyeessee hin beeku, gara fuuladuraattis dhiyyeessuuf karoora hin qabu jette.
Kooriyaa Kaabaatiin alattis Iraan irraas bittaa meeshaa waraanaa raawwattee jirti kan jedhamte Raashiyaan qoqqobbaan biyyooti lixaa Raashiyaa irra kaa’an waraana Yukireen keessatti gaggeessitu gufachiisaa jirachuu kan agarsiisuudha jedhame ture.
Raashiyaanis meeshaa waraanaa bitattee jirti himannaa jedhu waakkatee turte.
Jijjiirraan meeshaalee waraanaa biyyoota lamaan jidduutti taasifamu kamuu kan qoqqobbii mootummoota Gamtomanii diiguudha.
Miidiyaan Kooriyaa Kaabaa KCNA guyyaa Kamiisaa ibsa gabaaseen, Ministeera Raayyaa Ittisaa Kooriyaa Kaabaatti aanga’aan maqaansaa hin eeramne tokko ‘‘kanaan dura gara Raashiyaatti meeshaa waraanaa ergine beekna. Gara fuula duraatti erguuf garuu karoora hin qabnu,’’ jedhan.
Ameerikaafi kanneen ‘’humnoota diinaa’’ jedhanii waamaniin, oduu holoolaa haala siyaasaa fi loltummaa tamsaasaa jiru jechuun himatan.
Baatii kana keessaa dubbii himaan Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa akka jedhniitti, Raashiyaan meeshaaleen waraanaa Kooriyaa Kaabbaa irraa bitte ‘‘rookkeetiiwwanii fi meeshaalee jajabaa kaan’’ akka ta’an himaniiru.
Haata’u malee, Gorsaan Mana Maree Nageenya Biyyaaleessaa Ameerikaa, Joon KIrbii bittaa kun akka hin xumuramnee fi meeshaalee waraanaa bitaman jedhaman waraanaa Yukireen irratti faayyidaarra oolfamu isaanii kan agarsiisuu raga homaatu akka hin qabne himan.