Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Pirezidaantiin Yuukireen Zeelenisikiin adunyaan Raashiyaa 'akka adabduuf' gaafatan
Pirezidaantiin Yukireen Volodimiir Zelenskii Yaa'ii Waliigala Mootummoota Gamtoomanii kan Niiw Yookiitti gaggeeffamaa jiru irratti Raashiyaan weerara raawwatteef ''adabamu qabdii'' jedhan.
Haasaa viidiiyoo dura waraabameen taasisaniin, hogganaan Yukireen kun akka dhaddachi waraanaa addaa hundeeffamuu- gaafatanii himannaa yakkaa Raashiyaan raawwatmera jedhanis tarreessaniiru.
Akkasumas deeggarsa waraanaa dabalataa fi Raashiyaan waltajjii addunyaa irratti akka adabamatu gaafachu dabalate 'tarsiimoo' nageenyaas kaaseera.
Haasaan isaa kunis hirmaattoota walgahichaa baayyee irraa simannaa gaarii argate.
Haasaa baniinsaa isaa kaanis Aab Zelenskiin Raashiyaan 'waraana seeraan alaa' isheetiin badii olaanaa qaqqabsiifteetti jirti jechuun himatan.
Haasaan Zelenskii kunis guyyaa walfakkaataa hogganaan Raashiyaa Vilaadmiin Putiin loltoota of eeggannoo 300,000'f waamicha itti taasiseetti dhagahame. Sababii waamicha kanaatinis mormiin daandiiwwan Raashiyaa irratti taasifamee ture.
Zelenskiin tarkaanfiin Raashiyaa ammaa kunis diinnisaa waa'ee marii nageenyaatiif fedhii akka hin qabne agarsiisa jedhe.
Akkasumas labsii Raashiyaan eddoowwan dhiheenya qabattee keessatti rifarandamii gaggeessuuf labsitees balaalleeffateera. Karoorri Raashiyaa kun guyyaa Kibxataa Mootummoota Gamtoomanis balaaleeffatameera.
Dhaddacha addaa hundeessuun Mooskoon daangaa hatuufi namoota kumaatama ajjeessuu isheetiif itti gaafatamtu taasisuuf ni gargaara, jedhan Aab Zelenskiin. Eddoowwan dhiheenya kana harka Raashiyaatii deebiifaman Izyum keessatti eddoowwan awwaalchaa haaraan 445 argamuu kaaseera.
Aab Zelenskiin yakkawwan waraanaa magaaloota keessatti raawwaman, kan akka nama qaamni irraa muramuun booda ajjeefamee dabalatee, himannaawwan yakkaa Raashiyaan raawwataman jedhe tarreesseera.
''Loltoonni Raashiyaa maaliif dhiiroota qaama isaanii muruu amaleeffatanii?'' jechuun gaafate.
Haasaa Zelenskiin taasisee kana keessatti addunyaan ''addabbii'' kaa'u qabdi jechi jedhu yeroo 15 kaafameera.
Raashiyaan gochaa isheetiif addabamuu qabdi kan jedhan Zelenskii, karaa addabbiiwwan dabalataa fi Mootummooti Gamtooman gahee olaantummaa Mooskoon Miseensa Mana Maree Nageenya keessatti karaa dhaabbataatiin qabdu akka irraa mulqamu gafate.
Akkasumas lubbuun lammiilee Yukireen akka eegamuuf waamicha kan taasise yoo ta'u, daangaan biyyattii addunyaan beekkamtii qabuuf akka ittifamuuf gaafateera.
Addunyaanis tokkummaan waraana Mooskoo akka balaaleeffatuuf gaafateera. Gaafa Roobii ammoo, Dureen Imaammata Biyya Alaa Awuurooppaa, gamtichi Raashiyaa irra qoqqoophaa haaraa kaa'uuf waliigalaniiru jedhee ture.
Jooseef Booreel gaazexessitootatti akka himaniitti qoqophaa haraan kunis kan namoota dhuunfaa Raashiyaafi kutaalee diinagdee biyyatti irratti xiyyeefatu ta'a jedhan.