Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhalachuu daa'immanii jajjabeessuuf Chaayinaan maatiif $1500 kennuuf
Chaayinaatti deeggarsa mootummaan akka biyyaalessaatti yeroo jalqabaaf taasifameen lakkoofsa daa'imman dhalatanii jajjabeessuuf maatiif qarshiin kennamuuf.
Haala kanaan maatiin daa'imman waggaa sadii gad qaban waggaatti doolaara 1,500 argatu.
Paartiin Kooministii imaammata falmisisaa daa'ima tokko qofa qabaachuu yeroo waggaa 10 as akka hafu godhus hammi daa'imman biyyattii keessatti dhalatanii hir'isaama deemaa jira.
Qarshiin kennamu kuni maatii miiliyoona 20 tahan guddisa ijoollee irratti ni gargaara jechuun miidiyaan biyyattii gabaaseera.
Bulchiinsota Chaayinaa danuu keessatti qarshii kana kennuun biyyi addunyaa diinagdee isa guddaa lammaaffaa qabdu rakkoo lakkoofsa uummataa ishee mudate furuuf maatiin ijoollee dabalataa akka godhatan yaalaa jirti.
Sagantaan Wiixata kaleessaa labsame kuni maatiin daa'ima tokkoon qarshii Chaayinaa yuhaan 10,800 akka argatan godha.
Imaammatni kuni jalqabaa waggaa kanaa qabee hojiirra ooluun akka kaffalamu miidiyaan Beejiing CCTV'n gabaaseera.
Maatiin bara 2022-2024 keessatti ijoollee godhatan deeggarsa maallaqaa walakkaa argachuuf iyyata galchuu ni danda'u.
Tarkaanfiin kuni qaama tattaaffi mootummaan lakkoofsi ijoollee dhalatanii akka dabalu godhu keessaati.
Bitootessa darbe bulchiinsi Hoohoot- naannoo kaana Chaayinaatti kan argamtu - maatii ijoollee sadii ol qabaniif yuhaanii 100,000 kennuu jalqabdeetti.
Sheenyaang magaalaan biraa ammoo yuhaanii 500 maatii daa'ima sadaffaa waggaa sadii gadi qabaniif ji'atti yuhaanii 500 kennaa jirti.
Torbee darbe ammoo Beejiing bulchiinsoti naannoo imaammata haaraa barnoota oolmaa daa'immanii bilisa akka godhan gorseera.
Dhaabbanni Chaayinaa waa'ee uummataa qoratu Population Research Institute birqabaan biyyattiin akka addunyaatti daa'imman guddisuuf akkaan qaalii taate dha.
Chaayinaatti daa'ima hanga waggaa 17tti guddisuun doolaara 75,700 gaafata jedha qorannichi.
Amajji darbe lakkoofsi uummata Chaayinaa bara 2024 waggaa sadiif walitti aansuun hir'achaa jira.
Chaayinaa keessatti bara 2024 daa'imman miiliyoona 9.54 akka dhalatan Waajirri Istaatiksii Biyyaalessaa beeksiseera.
Kan bara duraaniirraa hanga tahe dabalus garuu lakkoofsi uummata waliigalaa biyyattii hir'isaa jira.
Uummanni biyyattii biiliyoona 1.4 tahus baayyeen umriin jaaraa jiraachuun yaaddoo Chaayinaa isa biraa dha.