Dubartoota Chaayinaa maallaqa qusachuuf nama wal hin beekne waliin michooman

“Waggaa waggaan maallaqa gahaa harkarraa hin qabu. Nageenyi natti dhagahamu baatullee maal gochuu akkan qabu hin beeku ture’’ jetti Shiiyaawo Shiiwo. Shiiyaawo haadha ijoollee lamaa yoo taatu dubartii umuriin wagga 36, magaala kibba-baha Chaayinaa tokko keessa jiraattudha.

Tibba weerara Covid’tti, Shiiwoo fi abbaan warraashee mindaan isaanii %50 jalaa hirrate. Kunis maatii isheetiif rakkoo guddaa ture, sababii waggoota darban shaniif haadhashee kaansarii dhukkubsatan kunuunsaa jirtuuf.

Dargaggoota Chaayinaa biratti malli haaraan ‘‘da zi’’ ykn gargaaraa (gargaartuu) intarneetii gubbaatti fedhii wal fakkaatu qaban, jedhamu baramaa dhufeera. Kunis waliin imaluu ykn ispoortii hojjechuuf osoo hin taane, namoota maallaqasaa qusatan barbaaduudha.

Shiiyaawo Shuuwo kana kan barbaadduu qofaashee miti. Yeroo jalqabaatiif jechi "saving da zi" jedhamu mataansaa kan mul’ate Instagraama Chaayinaa Xiaohongshu irratti ture. Guraandhala 2023 irraa hanga ammaatti namoota miiliyoona 1.7 fayyadamaniiru.

Miidiyaan Hawaasaa Chaayinaa Weeyiboo (Weibo) jedhamu irratti miliyoonoonni mata duree walfakkaatu ilaalu. Lakkoofsa walfakkaatu argamu baatulleen, namoonni kumaatamaan lakkaa’amu miseensa garee qusannaa miidiyaa hawaasaa akka ta’e tilmaama.

Miseensoonni baayyeen dubaroota umuriinsaanii wagga 20-40 jiruudha. Baayyeen isaaniis haadholiidha. Baayyeen akka jedhaniitti maallaqa kan qusatan kanfaltii mana barnootaa ijoolleesaanitiif. Kanfaltiin mana barnootaa ammoo dabalaa dhufeera.

Kaan isaanii ammo sheerii bitachuudhaan jireenya egeree fooyya’aa jiraachuuf yaalu. Kaan ammo diinagdeen dadhabaa waan dhufeef, maallqa qusachuun qophaa’uuf barbaadu.

Chaayinoonni ummata addunyaa kanaa maallaqa qusachuun beekaman keessaa dursarratti eeramu. Akkasis ta’e, lammiileen qusannaa caalaa cimsuun isaanii ‘‘amantaan diinagdeerratti qaban laaffataa dhufuu agarsiisa’’ jedhan Pirofeessarri Yunivarsitii Biyyaaleessa Siingaapoor, Luu Shiin.

Chaayinoonni bara 2023 keessa maallaqa biyyattii Yuwaani tiriliyoona 138 qusataniiru. Kunis gara doolaaraatti yoo jijjiramu tiriliyoona 19.1 ta’a. Maallaqa kanas baankiitti galchan. Qusannaan kunis kan bara duraarra %14n guddateera.

Chaayinaan erga Covid to’achuuf imaammata cimaa baafteen booda, gara diinagdee idileetti deebii’uuf baayyee yaalte. Diinagdeen biyyattii rakkoolee hedduun xaxameera.

Chaayinaatti dubartoonni hedduun qusannaa aadaa godhataniiru jechuun hojii dhabdummaan babal’ataa dhufeera jechuu ta’uu kaasu Dr Luun.

Hangi hojii dhabdummaa baatiiwwan sadan darban waliitti fufiinsaan baayyataa dhufeera jedha ragaan mootummaa Chaayinaarraa argame.

Lammiileen aadaa qusannaa cimfataa dhufuunsaanii ammo mootummaa biyyatiif danqaa gara biraati. Lammiileen baayyee qusatu jechuunis mootummaan diinagdee wal siimsiisuuf ni rakkata jechuudha.

Guddinni bara darbee kan ijaarsa bu’uraalee misoomaa fi mi’oota gatii gadaanaan oomishaman qofarratti hundaa’e ture. Haata’u malee ogeessoonni diinagdeen Chaayinaa guddachaa yoo dhufe fayiidaan biyya keessaa dabalu qabaata jedhu.

Dr Luun akka jedhaniitti, Chaayinaan akkuma rakkoo diinagdee baroota 1990mota keessa Jaappaaniitti mudatee mudatchu danda’a. Lammiileen maallaqa baasuu ykn invasti gochuu yoo dhaaban, diinagdeen sochii dhaaba jechuudha.

Dhiphinaa fi hiriyummaa

Shiiyaawoo Shuuwoo damee inarjii qulqulluu (clean energy) jedhamurratti waan hojjattuuf akka carraa gaarii argateetti of ilaalti. Dameen kunis bara darbe diinagdee biyyattiif %40 gumaacheera. Ta’us, ‘‘yeroo rakkootiif qophaa’un’’ akka barbaachisu yaaddi.

Sababiinsaas kan biraa hafee, maatiifi hiriyoonni ishee hospitaalotaafi manneen barnootaa hojjattan yoo hojiisaanii dhaban agarte jirti.

Guraandhala darbe Shuuwoon gareewwan qusannaa jajjabeessan garaa garaatti makamte. Miseensoonni garichaa bajataafi baasii saanii maxxansu. Kana malees akka baasii hin barbaachifne hin baafneef ni gorsu.

Miseensi waldichaa tokko boorsaa bareedaa Yuwaan kuma shan baasu tokko bitachuuf yaaddee erga miseensoota waldichaa mariisiiftee booda, boorsaa moofaa ‘second hand’ Yuwaan kuma tokkoo gadiin bitattee jirti.

Appii qusannaa Chaayinaa boca onneetiin hojjatame

Shuuwoon waldicharraa malawwan qusannaa adda addaa barattee jirti. Fakkeenyaaf appiin qusannaa boca onnee qabu tokko bufteeti. Appiin kunis kan attamiin guyyoota 365 keessatti maallaqni itti qufatamu kan agarsiisuudha. Waggaa tokko keessatti Yuwaan kuma 35 qusachu dandeessi.

Namoonni kaanis akkumashee maallaqa qusachu akka barbaadan hubachuunshee ishee dinqisiiseera. Miseensoota waldichaa waliinis hiriyummaa uummachu dandeessee jirti.

Keessattuu miseensa "da zi" barsiiftuufi mucaa ishee jalqabaa kan garaatti baattuu tokko waliin hiriyaa taatee jirti.

Shuuwoon qusannaa ji’aashee wayita milkeessiteetti, daraaraa bittee hiriyaashee fageenya km kuma 2 irratti argamtuuf ergiteef.

Kanaan dura baasiiwwan haala hin barbaachifneef baasaa turte hir’isu dandeessee jirti. Duraan gabaa baatee kan agarte hunda bitaa turte. Amma garuu waan bituu barbaaddu galmeessitee baati malee akkuma agarteen hin bittu.

Erga hiriyoota qusannaa horatteen booda baasii ishee ji’aa %40n hir’isu dandeessee jirti. Waggaa tokkoon booda ammoo Yuwaan kuma 100 qusachuuf karoorfate jirti.

Shuwoon qofas osoo hin taanee dubartoonni hedduun “da zi”n qusannaa isaan barsiisuu dubbatu. Miseenso tokko akka jettuutti, ammatti mana keessatti bilcheessuun soorachuufi baasiin hin barbaachifne hir’isu dandeessee jirti.

Dubartiin tokko ammoo, ofiishee hojii of ko’ommachiisuu fi wantoota baasii hin qabne hojjachuun qusachu dubbatti.

Maallaqni mootiidha

Dubartoonni tokko tokkos mala qusannaa aadaa jedhamu hojiirra oolchu. Kunis maallaqa mana keessa olkaa’uudhaan. Kunis biyya Chaayinaa kan maallaqni callaan baayyinaan faayidaarra hin oolfamneetti kan barame miti.

Akka odeeffannoo dhaabbata Istaatistaa jedhamu tokkootti, lammiileen Chaayinaa %70 ta’an karaa moobaayilaatiin malee maallaqa callaatti hin fayyadaman.

Dubartiin umuriin waggaa 32 fi Cheen jedhamtus ‘‘maallaqni callaa yoo baayyatu yoo argu gammachuun natti dhagahama’’ jetti. Cheen Heenaan keessatti mana rifeensaa qabdi.

Ji’aan maallaqashee baankii baasuun saanduuqa furtuu qabu keessa oolkeessi. Yoo Yuwaan kuma 50 ta’u ammo ‘akkaawunsii sochoosuun danda’amu (fixed deposit) keessa galchiti.

Diinagdeen dadhaabaa wayita adeemu ammoo, maamiltoota qusachuu barbaadan baayyee dhabde. Cheeniifi abbaan warraashee maatii isaaniitiif ijoollee isaan qofaati. Kana jechuunis maatiisaanii arfan kunuunsuu qabaatu.

Cheen ijoollee dhiiraashee lamaaf waggaatti yuwaanii miiliyoona tokko qusachu barbaaddi. Chaayinaa keessatti dhiiroonni yoo mana dhaabbatan mana qabaachu qabu. Maatiin ijoollee dhiiraa saanitiif mana bituun kan barameedha.

Akka tilmaamasheettis, maatiinshee yoo xinnaate qusannaa yuwaanii miiliyoona shanii barbaadu. Ammaan tanas ofiisheetiif garaatti waan baattuuf sun gahaa ta’u dhiisuu danda’a.

‘‘Yeroo darbe, karoora qusannaa omaatu hin qabun ture, garuu ammalleen maallaqa hafe xiqqoo qaba. Amma, qusachuun caalaa rakkiisaa ta’aa jira. Harkaa maallaqa qabaachun akkan hin dhiphane na taasisa.’’