Malli qusannoo jaarraa tokko lakkoofsise akkamiin hojjeta?

Shamarree saantima qaruuraatti naqaa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Kaakiyeeboon mala qusannaa Jaappaan jaarraa tokko lakkoofsiseefi maallaqa kee akka to'attu si dandeessisu dha.

Baasii kee irratti murtoo of eegannoon guutame akka taasiftu akkasumas faayinaansii kee to'attu si gargaara.

Haruumii Maaruyaamaa mala Kaakiyeeboo fayyadamuun qarshii ishee qusachuuf meeshaalee murteessoo lama fayyadamti isaaniis kobbee fi baruullee yaadannooti.

Mala kana hamma fayyadamuu jaqlabdeetti qarshii qusachuun akka ishee rakkisaa ture dubbatti.

''Amma waggaatti qarshii yeenii Jaappaan miiliyoona lama qusachuu nan danda'a,'' jette.

Haruumii Maaruyaamaa dhimma faayinaansii irratti gorsa kenniti.

Mala Kaakiyeeboon baasii ishee tokko tokkoon faana bu'uu akka dandeesse dubbatti.

Malli Kaakiyeeboo kuni sirna qarshii ofii baajata itti baasuu, qusachuufi to'achuu dabalata.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Keesumaa baasii kee akka to'achuu dandeessuuf mala salphaa sii kenna.

''Kaakiyeeboon baajata murtaa'aan baasii kee akka to'attu akkasumas akka malee qarshii akka hin baasneef si gargaara,'' jetti Haruumiin.

Qarshii mana keessatti bahuuf Kaakiyeeboon bu'uura akka taheefi qusannoofis akka gargaaru himti.

Malli qusannoo kuni gaazexeessituu baruullee dubartootaa Jaappaanin bara 1904 jalqabame.

Gaazexeessituu Haanii Motokoon dubartoonni maallaqa isaanii akka to'achuu danda'an gargaaruu barbaaddeetu sirna kana uumte.

Jaappaan keessatti ammallee dubartoonni baayyeen maallaqa qusachuuf mala kana fayyadamu.

Zuun dubartii ijoollee afur qabdu yoo taatu mala kana waggaa 12 dura fayyadamuu jalqabde.

''Qarshii qusatteettaa jettee yoo na gaafatte, eeyyee sirriitti kan jedhu dha deebiin koo,'' jetti.

Falaasamni faayinaansii kuni karooraan qasrhii baasuufi qusachuu irratti xiyyeeffata.

Ilaalcha ati baajata baasuu irratti qabdu sirreessuu irratti akka hojjettus si qajeelcha.

''Baasii kee yoo qajeelchite, qusannoo kee tolfatta,'' waan jedhu si barsiisa.

Saantimni qodaa bishaanii keessaa yoo nam'u

Madda suuraa, Getty Images

Kaakiyeeboon akkamiin hojjeta?

Haruumiin mala kana gaafa hojiirra oolchitu waan gochuu qabdu himti.

Walumaagala baajatni mana keessaa dhimmoota sadii of keessaa qaba: galii, baasii dhaabbataa, qusannoofi baasii jireenyaa dabalachuu himti.

Kaakiyeeboon ramaddii kunneenin faayinaansii kee akka faana buutu si gargaara.

Baasii kee ramaddii murteessoo afuriin qooduu dandeessa: waan si barbaachisu, waana ati barbaaddu, waan bashannanaafi baasii hin eegamne dha.

Ji'a, ji'aan qarshii harkatti qabdu baruullee yaadannoo irratti barreeffadhu. Achiin baasii dhaabbataa ykn waan kaffaluu qabdu kan akka kiraa manaa fa'i keessaa hir'isi.

Kana raawwannaan hanga qusachuu qabduufi hanga baasuu qabdu irratti akka murteessitu sigargaara.

Haruumiin mala kana yoo xiqqaate ji'a sadiif yaaluun barbaachisaa akka tahe gorsiti.

Adeemsa mala kana hojiirra oolchuu irratti waraqaa irra barreessanii qabachuun murteessaa akka tahes himti.

Waa harkaan barreessuun sammuun odeeffannoo tokko tokkoon akka yaadatu akka gargaaru qorannoowwan ni ibsu.

Zuun, ''yeroon harka kootiin waa waraqaa irratti barreessee qabadhu odeeffannoon salphumaan naa qabama,'' jetti.

Kana malees waan bitte akka yaadattu akkasumas qarshii akka malee baasaa jirta yoo taheef akka of gaafattu sigargaara jechuun ibsiti.

Gara duubaatti deebitee baasiiwwan kee ilaaluufi madaaluus dandeessa jetti Zuun.

Haruumiin danda'ama taanaan guyyaatti daqiiqaa shan ramaduun sa'atii wal-fakkaataatti barreessuu gorsiti.

Kuni tahuu baannaan garuu torbeetti al-tokko ykn gaafa wayii bittu akka barreessitu himti.

Malli kuni maaliif akkati wayii bittu akka of gaafattu si jajjabeessa.

Qarshiin waan daangaa hin qabne miti, qarshiin waan dhumu dha. Qusachuu fi mancaasuun filannoo keeti.

Galiin kee xiqqoo tahullee qusannoo fi baasii kee to'achuu hinuma dandeessa jechuun ibsiti Haruumiin.

Zuun, ''waanti ani bitachuu barbaade akka malee qaalii yoo tahe bituu nan dhiisa,'' jetti.

Iddoosaa waan walitti siquufi gatiinsaa irra xiqqaatu bitachuun akka bakka buufattu himti.

''Baasii waliigalaa gaafan ilaalu garuu waan barbaade sana akkan bitachuu danda'u nan bare,'' jetti.

Maallaqa ni to'atta taanaan waan bitachuu barbaadduufis akkasuma bilisummaa argatta jechuun himti.

Haalli kuni ammoo maallaqashee of eeggannoon akka baastu akka ishee gargaaru himti.

Ogeessonni diinagdee kaardii fayyadamuurra qarshii waraqaa fayyadamuun maallaqa keef irra caala itti gaafatamummaa fudhachuu irratti si gargaara jedhu.

Jijjiirama agarsiiste of duuba deebitee ilaaluu hin dagatiin bu'aa argatteen gammaddaati jetti Haruumiin

Maallaqa kee to'achuun galii guddaa argachuurra baayyee murteessaa akka tahes himti Zuun.

''Qarshii hubannoo fi of eeggannoon fayyadamuun jireenya keetti akka gammaddu si gargaara jetti.