Pirezidantii Itti aanaan Sudaan Kibbaa to'ataman, yaaddoon waraanaa hammaate

Pirezidantii Itti aanaan kan jalqabaa Sudaan Kibbaa Reek Machaar, kan yeroo dheeraaf morkataa pirezidant Saalvaa Kiir ta'an to'annoo jala oolfamuu paartiinsaanii beeksise.

Roobii har'aa Ministira ittisaa biyyattii dabalatee qaamoleen nageenyaa olaanoon magaalaa guddoo biyyattii Jubaa keessatti kan argamu mana Reek Maachaar konkolaattota waraanaan seenuun eegdotasaaniirraa meeshaa hiikaniiru jedha dhaabni isaanii Sosochii Mormii Bilisummaa Uummata Sudaan (SPLM/IO).

Dura taa'aan Koree hariiroo alaa dhaabichaa Reet Mooch Taang,''Dr Machaar manuma isaaniitti hidhaa jira. Jalqaba garuu qaamoleen nageenyaa isa fudhatanii deemuuf turan,'' jedhan.

Ammatti mootummaan Sudaan Kibbaa waan jedhe hin qabu.

Torbanoota darban keessa dhibdeen Machaariifi Saalvaa Kiir gidduutti hammaachaa adeemuu hordofee Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii biyyattiin fiixee waraana waliiniitti ishee deebisurra geesseetti jechuun akeekkachiisee ture.

Aanga'ootni lameen waraana waliinii lubbuu namoota 400,000 galafaateef sababa ta'an bara 2018tti waraana waggaa shaniif ture goolabuuf waliigaltee raawwatan.

Haata'u malee waggoota torba darbaniif hariiroon aanga'oota lamaanii dhibdee sabummaarratti ka'uufi walitti bu'iinsaan qoramaa ture.

Machaar mana isaaniitti to'annoo jala kana argaman haadha warraa isaanii ministira dhimma biyya keessaa ta'an Angelinaa Teeniy waliin ta'uu dhaabni isaanii beeksisee jira.

Taang ibsa baasan keessatti akka jedhanitti ''ajajni hidhaa irratti bahus himannaan dhiyaate ifa miti.''

Gocha kanaan heera mootummaa kan cabseefi waliigaltee nagaa bara 2018 kan sarbeedha jedhan.

''To'atamuun pirezidantii itti aanaa kan jalqabaa kun adeemsa seeraa kan hin hordofne, olaantummaa seeraa kan hin kabajneefi tasgabbii biyyaa kan balaarra buusudha'' jedhaniiru.

Egamni Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Sudaan Kibbaa jiru ''biyyi haaraan Afrikaa adeemsa kanaan wantoota waggoota torba darban argatte dhabuuf deemti, waraanattis deebi'uuf jetti'' jechuun hidhamuu Machaar booda akeekkachiisa baaseera.

''Galgala kana hooggantootni biyyattii qilee lola hamaatti galchurra dhaabataniiru'' jedha ibsi akka lakkoofsa Juubaatti Roobii galgala bahe.

Waliigaltee nagaa bara 2018 cabsuun Sudaan Kibbaa qofa osoo hin taane naannicha guutummaatti miidhuuf ta'a jedheera.

Biritaaniyaafi Yunaayitiid isteets sochii dippiloomaatota isaanii xiqqeessanii, lammiileen kaan biyyattii keessaa akka bahan dhaamaniiru. Embasiiwwan akka Noorweeyiifi Jarman ammoo Juubaa keessaa hojii qaban ada kutaniiru.

Machaariifi Saalvaakiir gidduu muddamni kan hammaate humnoota aanga'oota lamaaniif amanaman gidduutti kutaa boba'aan badhaadhe apper Naayilitti walitti bu'insi dhalachuu boodadha.