Erga Roobarti Mugaabeen du'anii as Zimbaabweetti maaltu jijjiirame?

Erga Zibaabween gita bittaa jalaa baatee kaasee waggoota hedduuf bulchaa kan ture Roobarti Mugaabeen, waggaa shan dura du'aan boqatee booda waanti jijjiirame homtuu akka hin jirre himu lammiilen biyyattii.

Keessumaa sarbama mirgoota namooma fi jireenya lammiilee fooyyessuu irratti mootummaan Mugaabee booda dhufe waan jijjiire homaa akka hin qabne dubbatu.

"Namoonni waan isaanitti dhagahame dhugaa dubbatan mana hidhaatti darbatamu. Kanaaf, kan garaa garaadhuma kootti qabadheen jiraachuf hojii koo hojjadha," jechuun namni karaa irra taa'ee waa gurguru tokko BBCtti hime.

Erga Mugaaben sokke waanti jijjiirame muraasa. Ogeessi seeraa mirgoota namoomaa tokko akka jedhutti, ammayyuu namnii pirezidaantii qeeqe ykn arrabse ni hidhama.

Tendaayi karaa irrati waan akka saamunaa uffataa fi ittiin mana qullessan, zayita nyaata fa'aa gurgura. Yuunivarsiitii irraa Markeetingii fi bulchiinsa humna namaatin digriidhan eebbifamus karaarra irra taa'ee waa gurguruun ala filannoo akka hin qabne hima.

Zibaabweetti amma qaala'iinsi jireenyaa 268% ta'eera- kana jechuun kan yeroo Mugaaben pirezidaantii turee harka dachaa jechuudha.

Kun ammoo namoota heddu abdii kutannoo keessa galcheera.

Magaalan Hararee daldaala al-idilee karaa irratti gurguramuun guuttetti. Namni hunduu karaa irra dhaabbatee waa gurgura. "Dubartiin tokko konkolaataa ishee dhaabdee namoota foon bitachuu barbaadanitti foon gurgurti. Namoonni tokko tokko $0.50 ol kaffalanii bituu kan hin dandeenyetu jira.

"Anii namoota gaafa Mugaaben angoo irraa kaafame dhiichisan keessaa tokko hin turre. Namoonni gidiraa isaanitti dhufu argaa hin turre," jechuun dubbatti dubartiin foon karaa irratti gurgurtu kun.

"Erga inni bu'een booda, daabboo margariiniidhaan, hanqaaquu fi annaan waan argatan isaanitti fakkaate- garuu kan ta'e faallaa isaati," jetti.

Waadaa galamee ture

Mugaaben Sadaasa 21, 2017 gaafa aangoo irra ka'u namoonni daandii magaala guddoo biyyattii Haraaretti bahanii gammachuun lafa dhiitan.

Ittaanaa Mugaabee kan ture Emersan Minangaaguwaan Mugaabee dura dhaabbatee aangoo irraa kaase jechuun akkaan jajame.

Siyaasa fi sirna diinagdee biyyattii wal xaxaa ta'e nan fura jedhee dhaadate. Walitti dhufeenya biyyoota lixaa wajjin dhibamee tures nan sirreessa jedhee waadaa gale pirezidaantin Zimbaabwee Mugaabetti aanee aangoo qabate Emersan Minangaaguwaan.

Qeeqxoni isaa akka jedhanitti isas taanan waggoota hedduuf harka mirgaa Mugaabee ta'ee hojjataa waan tureef waan Mugaaben balleesse hunda keessaa harka qaba jedhu.

Kanarraa ka'uunis Zimbaabwee keessatti nama jijjiirama fiduu danda'u miti jechuun qeequ.

Jilli Common Wealth torbee darbe Zimbaabwee daawwachuun isaanii biyyattiin gara Common Wealth tti deebi'uu dandeessi kan jedhu abdii agarsiisa kan jedhanis jiru.

Bara 2003 Zimbaabwee hin fayyadu jechuun Mugaaben Common Wealth keessaa bahee ture.

Gama diinagdeen garuu bara Mugaaberra jijjiiramni akka jiru ni dubbatama. GDPn biyyattii bara 2017 dolaara bilyeena 17.5 irraa bara 2021 tti gara dolaara biliyeena 20.2 tti guddateera.

Investimentii irratti mootummaan dolaara miliyeenan lakkaa'amu akka dhufu gochuu danda'uun isaas Mugaabee booda akka milkaa'inaatti ilaalama.

Editara barruu biizinasii 'Newswire' kan ta'e Rangaa Mibeerii, "Baankin Addunyaa Zimbaabween biyya galii giddu galeessaa argattu keessa lixxeetti jechuun baasera," jedhga.

Keessumaa albuuda irratti biyyattiin jijjiirama guddaa akka fiddetu gabaafama.

Albuuda qofaa osoo hin taane keessumaa rakkoo nyaata irratti mudatee jiru furuun ijoo akka ta'e dubbata Rangaa Mibeerii.

"Qaala'iinsi jireenya baay'ee ol ka'eera, uummanni ammoo kanaan isa (Emersan Minangaaguwaa] madaala," jedha.