Irbuu Doboqaa- Kitaabi yaadannoo artist Daadhii Galaaniif barraa'e maal qabate?

Arstist Daadhii Galaan waggoota jaha dura ture kan ajjeefame. Umurii gabaabaa jiraatetti sirboota heddu kan sirbe yoo ta'u, bara 2019 ture rasaasa "gammachuuf dhuka'e jedhameen" kan du'e.

Amma maatinsaa yaadannoosaaf jecha kitaaba 'Irbuu Doboqaa' jedhu barreessanii gabaarra oolchuuf akka jedhan BBCtti himan.

Obboleessa Daadhii Galaan kan ta'e Taaddasaa Galaan BBCtti akka himetti, kitaabicha hojiiwwan aartii Daadhin hojjataa ture itti fufsiisuuf, akkasumas haqa isaa barbaachaaf barreessuu hima.

Kitaabichi yaada maatiin hundi irratti hirmaate ta'uu kan himu Taaddasaan, "Itti gaafatamummaa fudhatee kan barreeesse obboleessa koo Barsiisaa Tuujii Galaaniifi ana [Taaddasaa Galaan]," jedha.

Daadhiin erga du'ee waggaa jaha ta'us, aartii Oromoo keessatti gumaaci inni buuseefi erga inni du'ee waa'eensaa baay'ee ka'uu dhabuun maatiin waan inni ittiin yaadatamu kitaaba qopheessuuf akka murteessan hima Taaddasaan.

"Waanti silaa nama kanaaf malu hin godhamneef. Akk inni nuuf ta'e ta'uufii hin dandeenye. Haata'u malee, akka maatiitti maal gochuu qabnaa, maaltu nurraa eegama jennee [kitaaba kana qopheessine].

"Waan Daadhiin irraa wareegame baay'etu jira," jechuun kana hawaasa Oromoo biraan gahuuf kaayyoo godhatanii kitaabicha akka barreessan BBCtti hime.

Daadhiin dargagummaasaarraa kaasee bara bulchiinsa sirna EPRDF keessa si'a hedduu hidhamaafi rakkoo garaa garaaf saaxilamaa akka tureefi manneen hidhaa Bishooftuufi Baatuu keessatti waggoota hedduu gidirfamaa turuus hima.

Daadhii Galaan sirboonnisaa hedduun miidhaafi sarbama hawaasa Oromoorratti gaggeeffamu kan balaaleffatudha. Viidiyoofi sagaleedhan sirboota 15 hojjateera.

Sirboota isaa keessaa jalqaba kiliippin hojjatee daawwattootan kan gahe "Doboqaa" kan jedhu yoo ta'u, mata-duree kitaaba yaaddannoosaa "Irbuu Doboqaa" jedhus kanummarraa akka fudhatan hima obboleessi isaa.

Doboqaan mana hidhaa bara Dargii keessa namoonni hedduun itti gidirfamaniifi lafa gammoojjitti argamu jedhamee akka beekamus kaasun, Daadhiinis turtii manneen hidhaa garaa garaa keessatti dabarseen waan isarra gaheen wal-fakkeessee sirbuus kaasa.

"Daadhiin sirba isaa keessatti Doboqaa kana sirriitti ibsee jira. Inumaayyuu Daadhii kan sirriitti beeksise sirba Doboqaa inni yeroo jalqabaaf kiliippin naannoo bara 2001tti hojjateedha," jedha Taaddasaan.

Daadhiin sirba isaa Doboqaa jedhu keessatti akkas jechuun sirba:

Bakka hamaa ta'e tokkotti moggaasan maqaa, mana hidhaa diinqa jira Doboqaan...

Dhiirri ciinca'ee gubatee baqe, haadhaafi abbaa boochise Dargiin fuudhee duulatti naqee... jechuun gidiraa sirni Dargii namarraan gahe ibsa.

Daadhiin sirboota biroo hedduu kanneen akka: Gaaffin qaba...Nadhii Gammadaa goota ija barbadaa yaadadhee garaan na badaa,...

Imimmaan hiyyeessaa, Yaa ejersa mana duubaa fi kaanis sirbeera.

'Daadhiin artistii qofa osoo hin taane barreessadhas'

Daadhii Galaan miidhaa hawaasa irra gahu sirbaan ibsuun alatti kitaabota afur barreessee gabaaf dhiyeessee akka ture hima obboleessi isaa Taaddasaa Galaan.

"Daadhiin artistii qofa osoo hin taane barreessadhas," kan jedhu Taaddasaan, "Daadhiin sirboota 40 olitti siqan kan qabuufi kitaabota afur barreessee qaba," jechuun kitaabota hedduullee barreessuuf osoo kaayyoo qabuu karaatti akka hafe hima.

Kitaabonni inni barreesse "Aangoo Sanyiin Dhaalan, Boolla Nugusa Nyaatte, Aartiifi Artistii, akkasumas Liiban Liibiyaa Taate kan jedhu kitaabonni afur gabaarra oolaniiru," jedha.

Daadhin maatii isaa keessaa nama jahaffaa ta'uu kan himu Taaddasaan, daa'imummaatti ilma tokko godhatee akka tureefi amma ilmisaa imaanaa abbaansaa irraa du'e dhaalee hojii aartii abbaansaa irraa du'e akka itti fufsiisu gochaa jiraachuu hima.

"Daadhin yeroo qeerrummaasaatti kan godhate ilma tokko qaba, osoo mana baruumsaa jiruu kan godhate ima dargagaggeessa qaba. Ilmisaa Imaanaa ykn Taliilaa Daadhii Galaan jedhama.

"Erga abbaan kee saba kanaaf osoo dhama'uu wareegamee atimmoo imaanaa abbaa kee sana qabdee galmaan ga'uu qabda jennee waggoota sadan arfan darban mucaa kana artistoonnis uummanni bal'aanis gara aartitti fidan," jechuun ilmi Daadhii Galaan sirboota sadi hojjachuu hime Taaddasaan.

'Haqasaa dabalatee Daadhiin waan isaaf malu hin arganne'

Artist Daadhii Galaan Gurraandhala 4 bara 2011 ALItti Aanaa Liiban Cuqqaalaa bakka Ashuffee jedhamutti sagantaa eebba hoteelaa irratti rasaasa "gammachuuf dhukaafame" jedhameen rukutamee du'e.

Daadhin yeroo du'u nama ganna 43 ture. Obboleessi isaa Taaddasaan akka jedhutti, qabiyyee kitaaba yaadannoo Daadhiif barreeffame keessaa tokko waa'ee haqa Daadhii akka ta'e BBCtti hime.

"Xiyyeeffannoo barruu keenyaa keessaa tokkoyyuu waa'ee kanaati. Daadhin akkuma artistoota biroo Oromoodhumaaf sirbe, garuummoo haqasaa dabalatee waan isaaf malu hin arganne.

"Siidan gooticha tokkoof malu [hin dhaabanneef], inni haa hafuutii barjaan taappeellaan [barjaan] tokko illee maqaasaa qabu hin dhaabbanne," jechuun dagatame hima.

Du'a artist Daadhii Galaanin wal-qabatee haqa kennametti maatin akka hin quufnefi haqa kennamerra kan hafe akka caalu hima.

Akka Taaddasaan jedhutti, nama artist Daadhii ajjeese jedhametti murtii kennamerraa kaasee mormii qaban maatin waggaa jaha dura ibsatanii akka turan kaasa.

Guyyaa dhimma ajjeechaa Daadhii irratti murteen kennamu artistoonni akka Hacaaluu Hundeessaa fa'aa argamanii akka turan kan yaadatu Taaddasaan, "Murteen qaama kana godhe jedhamerratti karaa mana murtiitin [kennamu], murteen kun gahaa miti, namni as keessatti qabame [namni himatame] kana miti, wantoota baay'etu jira jennee matin dabarfannee turre gaafa sana," jedha.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook gubbaa hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.