Waa'ee waliigaltee dhukaasa dhaabuu Gaazaa waan beeknu

Madda suuraa, Getty Images
Israa'eliifi Hamaas waraana Gaazaa xumuruufi lammilee Israa'el ugguramaniifi hidhamtoonni Filisxeem akka hiikaman waliigalteerra ga'uu isaanii warri araarsan Ameerikaa fi Qaataar ibsaniiru.
Waraana ji'oota 15f ture kan yeroo gareen hidhate Filisxiin Hamaas Onkoloolessa bara 2023 Israa'el haleelu jalqabe keessatti boqonnaa guddaa ta'a.
Waliigaltee dhukaasa dhaabuu Israa'eliifi Hamaas gidduutti maal ta'uu danda'a?
Bal'inni karoora kanaa, kan qaamota lachuutiin raggaasifame jedhamee gabaafame, hanga ammaatti hin ibsamne.
Ministirri Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun ammallee dhimmoonni furmaata hin arganne hedduun akka jiran kan dubbatan yoo ta'u, hanga Roobii galgalaatti ni xumuramu jedhanii abdatan.
Waliigaltee xumurame kanaan waraanni Gaazaa dhaabbachuufi namoota buatamanii fudhatamaniifi hidhamtoota wal jijjiiruun ni mul'ata.
Hamaas Onkoloolessa bara 2023 Israa'el yeroo haleelu namoota 251 butee ture.
Ammallee namootni 94 ugguramanii kan jiran yoo ta'u, Israa'el garuu kan lubbuun jiran 60 qofa akka ta'e amanti.
Israa'el ammoo bakka Hamaas namoota Israa'el butaman kana hiikuu hidhamtoota Filisxeem gara 1,000 ta'an, kanneen keessaa gariin waggootaaf hidhamanii turan, ni hiikti jedhamee eegama.
Dhukaasa dhaabuun akkamiin hojiirra oola?
Dhukaasa dhaabuun kun sadarkaa sadiitti kan raawwatamu ta'a jedhamee eegama, erga walii galteen kun labsamee booda.
Akkasumas amma gama lachuu irraa walii galteen kan taasifame yoo ta'u, karoorri kun hojiirra ooluu isaa dura kaabineen nageenyaa fi mootummaan Israa'el raggaasisuu barbaachisa.
Ministirri Muummee Qaxar Sheek Mohaammad Bin Abdul Rahman Al Thani waliigaltichi yoo ragga'e Wiixata irraa hojiirra oola jedhan.

Madda suuraa, AFP
Tarkaanfii jalqabaa
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Marsaan jalqabaa torban jahaf kan turu yoo ta'u, ''dhukaasa guutuu dhaabuun'' kan mul'isu ta'uu Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayiden Roobii darbe waliigalteerra ga'amuu isaa wayita mirkaneessan dubbataniiru.
Dubartoota, maanguddootaa fi dhukkubsattoota dabalatee namoota Hamaas bute fi hidhamtootni Filisxeem dhibbaan lakkaa'aman akka gadhiifaman Baayiden himaniiru.
Marsaa jalqabaa kana keessatti namootni butaman meeqa akka gadhiifaman hin dubbanne - garuu Ministirri Muummee Qaxar Sheek Mohaammad ibsa gaazexeessitootaaf kenneen 33 akka ta'an dubbateera.
Dubbi himaan mootummaa Israa'el Deeviid Menger kanaan dura daa'imman dabalatee namoota 33 ugguraman keessaa harki caalaan isaanii lubbuun akka jiran amanama jedhan.
Namoonni booji'aman sadan hatattamaan akka hiikaman qondaalli Falasxiin tokko kanaan dura BBC'tti kan himan yoo ta'u, mariin dabalataa torban jaha keessatti gaggeeffama.
Yeroo kanatti loltoonni Israa'el naannoo daangaa Gaazaa ummanni itti baay'atu keessaa ni ba'u jedhan Baayiden, "Lammileen Filasxeem naannoo Gaazaa hunda keessaa gara naannoo isaaniitti deebi'uu danda'us" jedhan.
Uummanni Gaazaa miliyoona 2.3 ta'an haleellaa Israa'el fi lola lafoo banuuf jettuuf ajaja Israa'el akka baqatan kennite irraa kan ka'e qe'ee isaaniirraa baqachuuf dirqaman.
Gargaarsi namoomaa gara Gaazaatti geeffamus ni dabala, guyyaa guyyaan konkolaattonni fe'umsaa dhibbaan lakkaa'aman akka seenan ni hayyamama.
Qondaalli Filisxeem tokko kanaan dura tarkaanfii lammaffaa fi sadaffaaf mariin bal'aan guyyaa dhukaasa dhaabuu 16 booda eegala jedhan.
Baayiden dhukaasa dhaabuun kun ''hanga mariin itti fufutti'' itti fufa jedhan.

Madda suuraa, Reuters
Tarkaanfii lammaffaa
Tarkaanfiin lammaffaan ''waraana dhaabbataadhaan xumuruu'' ta'a jedha Baayiden.
Dhiirota dabalatee kannen Hamaasin butamanii ugguraman kanneen lubbuun hafan hidhamtoota Filisxeem keessatti hafan dabalataaf hiiksisuuf ni gadhiifamu.
Hidhamtoota Filisxeem 1,000 Israa'el gadhiissuuf walii galte jedhamee yaadamu keessaa gara 190 adabbii waggaa 15 fi isaa ol adabamuuf turan.
Qondaalli Israa'el tokko kanaan dura BBC'tti akka himanitti, namoonni yakka ajjeechaa raawwatan West Baankii dhuunfatame keessatti akka hin hiikamne ibsee ture.
Loltoonni Israa'el Gaazaa keessaa bahuunis ni jiraata.
Tarkaanfii sadaffaa

Madda suuraa, Reuters
Tarkaanfiin sadaffaa fi dhumaa Gaazaa irra deebiin ijaaruu kan dabalatu yoo ta'u, kunis waggoota fudhachuu danda'a.
Waliigalticha ilaalchisee gaaffiiwwan deebii hin arganne maali?
Sadarkaa kanarra ga'uuf marii al-kallatti cimaan ji'ootaaf kan fudhate yoo ta'u, sababni isaas Israa'elii fi Hamaas dhuguma wal hin amanne ture.
Hamaas namoota butamana gadhiisuu isaa dura waraanni guutummaatti akka xumuramu barbaade, kunis Israa'el biratti waan fudhatama hin qabne ture.
Dhukaasa dhaabuun kun yeroo haala itti waraannichi xumuramu miijessuu danda'a. Garuu waraanni guutummaatti xumurame jechuu ta'uu fi dhiisuun isaa ifa miti.
Kaayyoowwan gurguddoo waraana Israa'el keessaa tokko dandeettii waraanaa fi bulchiinsa Hamaas balleessuu ture. Israa'el miidhaa hamaa geessiftus, Hamaas ammallee socho'uu fi of gurmeessuu danda'a.
Akkasumas booji'amtoonni kamtu lubbuun akka jiru ykn du'e akkasumallee Hamaas eessa akka jiran kanneen ammallee kanneen hin beekamne hunda beekuu fi dhiisuun ifa miti.
Hamaas gama isaatiin hidhamtoota Israa'el hin gadhiifnu jettu tokko tokko akka hiikaman gaafateera. Namoota haleellaa Onkololeessa 7 raawwatame keessatti hirmaatan ni dabalata jedhamee amanama.
Walii galteen dhukaasa dhaabuu kana dura Israa'elii fi Hamaas gidduutti taasifame waldhabdee uumameen cabee gara waraanatti deebi'uun kan yaadatamuudha.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.












