Itoophiyaan warqii jalqabaa har'a galmeessuu dandeessii?

Madda suuraa, Getty Images
Atileetiksiin erga olompikii Paarisitti eegale torban tokko darbuus Itoophiyaan ammallee medaaliyaa warqii galmeessuu hin dandeenye.
Dorgommiiwwan hafan medaaliyaan itti eegamu keessaa tokko galgala har’aa fiigicha 10,000m dubartootaan ni dorgomama.
Atileetota dorgoman gaafa ilaalan falmiin jabaa akka taasifamuuf jedhu tilmaamuun hin rakkisu.
Shaampiyoonaan addunyaa, shaampiyoonaan Olompikiifi abbaa riikardii addunyaatu wal falma.
Fageenya kanaan abbaan riikardii addunyaa Biyaatiras Chibeetidha. Atileetiin Keeniyaa kuni fageenya 5000m’n jalqaba torban kana shaampiyoonaa Olompikii taatetti.
Riikardiin Olompikii garuu kanuma atileetiin Itoophiyaa Almaaz Ayyaanaa waggoota saddeet dura Olompikii Riyoorratti galmeessitedha.
Itoophiyaarraa fageenyichaan shaampiyoonaa addunyaa kan taate Gudaaf Tsaggaay, atileet Tsiggee G/Salaamaafi Footiyan Tasfaay waliin biyya bakka buuti.
Kuni Olompikii Paaris irratti fageenya sadaffaa Gudaaf Tsaggaay hirmaataa jirtudha.
Fageenya 5000m irratti erga atileetii Keeniyaatti buutee duubatti hafte booda carraan biraa qabdu fiigicha har’aafi boru 1500m’n irratti hirmaattudha.
Mo'achuu danda'uu?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dorgommii gareen Itoophiyaa abdatu keessaa tokkodha. Garuu waan ta’uf deemu tilmaamuun ni rakkisa.
Gudaaf fageenyichaan yeroo ammaa sadarkaa addunyaan tokkoffaarra jirti. Garuu waltajjii addunyaa guddicha Olompikii waan ta’ef atileetiin hin beekamnes injifatuu mala.
Atileetiin Itoophiyaa guyyaa har’aa fageenya kana yoo mo’atte garuu seenaa kana dura atileetonni Itoophiyaa galmeessan kan irra deebitu ta’a.
Kana dura Daraartuu Tulluun Baarseloonaafi Siidniitti, Xurunash Dibaabaa Beejingiifi Landanitti akkasumas Almaaz Ayyaanaa Riyootti fageenyichaan shaampiyoonaa Olompikii ta’aniiru.
Daraartuufi Xurunash akkasumas Geexee Waamii fi Latasanbat dabalatee medaaliyaa meetiifi nahasa waljajjii Olompikii kanarratti injifachuun biyya boonsaniiru.
Gudaafi Tsiggee G/Salaamaa Olompikiif haaraa miti. Gudaaf Riyoorratti 800m dorgomte, Tookiyoorratti immoo 5000m'n nahaasa injifatte.
Tsiggeenis Olompikii Tookiyoorrattis hirmaatteetti. Garuu dorgommii xumuruu hin dandeenye ture. Yeroos miidhamaan akka ta’e ibsame.
Olompikiif haaraa kan taate Footiyan Tasfaayidha.
Morkattoonni isaanii eenyu?
Atileetiin Keeniyaa Chibeet barana Caamsaa keessa ture riikardii addunyaa kana Ameerikaa, Yuujinitti cabsite.
Ga’umsa cimaarra jirti. Milkaa’ina 5000m’n gonfatte 10,000m’n dabalachuun tarree atileetota maqaa guddaa horatanii seenuu feeti. Atileetonni Keeniyaa biroos jiru.
Olompikii tokkorratti fageenya lamaan milkaa’un immoo waan atileetiin kamuu hawwudha.
Waggaa sadii dura Tookiyootti atileetiin Itoophiyaatti dhalattee yeroo ammaa Nezarlaandisiif fiigdu, Siifan Hasa, fageenya lamaaniinuu shaampiyoonaa Olompikii taatee turte.
Dorgommii har'aan isa kabachiisuu feeti. Torban kana 5000m'n medaaliyaa nahaasa argatteetti medaaliyaa biraa dabalachuu barbaaddi.

Madda suuraa, Getty Images
Guyyaa Dilbataa maaraatoonii kan fiigdu Siifan, suuta suuta gara maaraatoonii qajeelaa waan jirtuuf medaaliyaa olompikii biraa injifachuuf dorgommiin har’aa carraa gaarii ta’uufi mala.
Walumaagala atileetoni 25 kan fiigan yoo ta’u Ertiraarraa Raahel Daani’e ni dorgomti. Atileetiin kuni Shaampiyoonaa Atileetiksii Yuujinitti 10,000m 5ffaan xumurte.
Atileetiin Xaaliyaanii torban kana 5000m’n 4ffaan xumurte Naadiyaan, akkasumas lammiileen biyyoota kanneen akka UK, US, Ugaandaa, Jaappaan, dabalatee ni hirmaatu.
Medaaliyaa xiqqaataa jiru
Qabxiin Itoophiyaa Olompikiirratti galmeessitu keessumaa waggoota 12’n darban gaduma xiqqaataa adeemee.
Fakkeenyaaf Olompikii Landan bara 2012'tti irratti Masarat 5000m’n, Xurunash 10,000m'n, Tikkii Galaanaa maaraatooniin warqii injifatanii turan.
Meetiin lamaafi nahaasi sadiis achuma Landanitti galmaa’eera. Olompikii Riyoo bara 2016 dorgomameen immoo Almaaz Ayyaanaan 10,000m warqii tokkicha gonfatte.
Meetii lamaafi nahaasi shanis argameera. Olompikii Tookiyoo 2020’n immoo Solomoon Baaraggaan 10,000’n warqii takkattii biyyattiif argamsiise.
Tookiyootti osoo waltajjii Abbabaan miilaan fiige waan ta’ef qabxii fiduuf osoo yaadamuu maaraatoonidhaan medaaliyaa miti atileetonni fiiganii xumuruu rakkataniiru.
Warqii Solomoonin ala medaaliyaawwan kaanis lakkoofsi isaanii xiqqaateera – meetii tokkoofi nahaasa lama qofa turan.
Barana Paarisitti fiigicha 10,000m dhiirotaan meetii argameefi Tsiggee Dhugumaan 800m’n medaaliyaa jalqabaa biyyaaf injifatteen ala Itoophiyaan medaaliyaa biraa hin qabdu.
Qabxiin kuni hawaasa atileetiksii jaalatu biratti yaaddoo jabaa uume. Dorgommiin har’aa warqiif karra banuu malaa?












