Waa'ee Gudaaf Tsaggaayii fi Feeyiz Kiipyeegoon waan beeknu

Medaaliyaan Feeyiz Kipyegon mulqame deebi'eef

Madda suuraa, Geetty Images

Eda galgala Itoophiyaaf guyyaa gaariidha jechuun hin danda'amu. Fiigicha medaaliyaa irratti argachuun beekamtu meetira 5000 irratti osoo hin milkaa'iin hafan.

Ammoo waan ittiin hin beekamnee fi medaaliyaa irratti hin eegne meetira 800 atileet Tsiggee Dhugumaa lammaffaa bahuun medaaliyaa argamsiifte. Kun ammoo miira gammachuu guddaa biraa qaba.

Lammiileen Keeniyaas miira lama keessummeessan. Warqee argataniif gammaaduun, atileetii jabduu isaanii Kipyeegoon medaaliyaa mulqamuun ammoo gadda qabatee dhufee ture.

Fiigicha meetira 5000 gaggeeffame atileetiin Keeniyaa Biyaatiris Chibeet ltokkoffaa bahuun medaaliyaa warqee biyya isheef argamsiifte.

Fiigicha atileetiin Keeniyaa Biyaatiris Chibeet 14:28:56’n seenuun mo’atteerratti Feeyiz Kipyeegoon lammaffaan xumurte.

Haa tahu malee jalqaba irratti Feeyiz Kipyeegon fiigicha 5000m irratti atileetii Itoophiyaa Gudaaf Tsaggaay irratti balleessaa raawwachuun himatamtee medaaliyaa mulqamte.

Kunis, fiigicha keessatti keessumaa xumuramuuf marsaan lama wayita hafu walitti bu'iinsa atileetii Itoophiyaa waliin qunnameen wal qabata jedhame.

Websaayitiin qabxii Olompikii ibsu Feeyiz qabxiin ishee hin qabamne (DQ - Disqualified) jechuun ibseera.

Akkaataa qabxiin ibsameen atileetiin Keeniyaa Chibeet yoo injifattu, sadarkaa sadaffaan kan xumurte Siifan Hasan lammaffaatti ol baatee ture.

Atileetiin Xaaliyaanii Naadiyaa Baatosoleetii sadaffaa ta'uuun nahaasa argatti jedhamuun ibsamee ture.

Feeyiz Kipyeegoon dorgommii booda yoo boossu kan mul'ate yoo ta'u gareen Keeniyaa murtee kana akka ol iyyate ibsameera.

Miira gaddaa guddaa keessa turte. Lammiileen Keeniyaa karaa X [Tiwiiterii] fi miidiyaalee hawwaasaa duula banan.

Dorgommii gidduutti Gudaaf yoo gatantartuufi miidhama ishee qunname fakkaatun fuula yoo guurtu mul'ateera.

Osooo hin turiin ol iyyanni isaanii ilaalamuun balleessaa Kipyeegoon hojjetteef kaardii akeekkachiisaa kennuun akka medaaliyaan ishee deebi'uuf koreen murteesse.

Miidiyaan Keeniyaa Neeshin jedhamu ibsa Siifan Hasan kennite wabeeffachuun akka gabaasetti, ''Feeyiz medaaliyaa ishee argachuutti gammadeera. Isheef taha. Ani sadarkaa kamittuu xumuru medaaliyaa siheen argachuu qabdu kun anaaf taha jedhee hin yaadu, isheef gammadeera,'' jette.

Dorgommii 10,000m’nis kan qabdu Gudaaf, miidhamni yoo ishee qunname jiraate ammatti ifa miti.

Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaas ta'e Koreen Olompikii Itoophiyaa ammatti waan dubbate hin qabu.

Atileetiin Keeniyaa Feeyiz fageenya 1500 si'a lama shaampiyonaa Olompikiidha. Barana 5000m'nis warqii injifachuu yaaddee turte.