Keeniyaatti xiyyaarri kufee lubbuun nama ja'aa darbuu aanga'oonni himan

Xiyyaara Keeniyaa kufee caccabe

Madda suuraa, Reuters

Magaalaa guddoo Keeniyaa, Naayiroobiitti xiyyaarri xiqqaa qabeenyummaan isaa kan dhaabbata gargaarsaa ta'e tokko kufee caccabuudhaan lubbuun namoota ja'aa darbuu aanga'oonni naannichaa beeksisan.

Dhaabbanni gargaarsaa Amiref jedhamu Kamisa waaree booda xiyyaarri buufata xiyyaaraa Keeniyaa Wilsan irraa ka'ee gara Somaaliyaa Hargeessaatti imaluu jalqabe gamoo mana jireenyaarratti kufee abiddi itti qabachuu beeksiseera.

Komishinariin Kaawontii Kiyaambuu Henerii Waafuulaa paayiletii (balaliisaa) dabalatee harkiimonniifi narsoonni lubbuun isaanii darbuu kan beeksisan yoo ta'u, dabalataanis namoonni biroo lama naannawaasana turan lubbuun isaani darbuu dubbataniiru.

Namoonni lama ammoo miidhaan cimaa irra gahuu Komishinarichi ibsaniiru.

Sababa balaa kanaa baruudhaaf qorattoonni gara bakka sanaatti ergamuun beekameera.

Xiyyaarri kun akkuma ka'een daqiiqaa sadii keessatti qunnamtiin raadiyoo fi raadaariin warra qilleensa to'atan waliin qabu addaan cituu abbaan taayitaa ibseera.

Xiyyaaricha keessa kan turan hojjetoota dhaabbata gargaarsaa Amirefakka turan beeksiseera.

Hoji-gaggeessaan Amiref Isteefen Gitawu, "sa'aatii kanatti aanga'oota aveeshinii dhimmi isaa isaan ilaallatuu fi garee yeroo balaa waan mudate kana qorachuuf waliin wal tumsinee hojjechaa jirra," jedhaniiru.

Hojii barbaachaa fi lubbuu baraaruu raawwachuuf humni waraanaa fi poolisiin biyyaalessaa Keeniyaa naannoo sanatti ramadamaniiru.

Dubartiin Petiriishiyaan Komboo jedhamtu waan mudate kana ijaan argite gara bakka sanaatti taaksiin hiroyyootashee waliin deemaa osoo jirtuu dhohinsa guddaa fi abidda fuula isaanii duratti arguu BBCtti himteetti.

"Bilbila kiyya baasee waraanbuun dura abiddichi ni bade; aarri garuu walitti aansee bahaa ture. Isaan booda ammoo namoonni yeroo iyyanii fi fiigan agarre; nutis karaa deema aturre addaan kutne.

"Isaan booda balaa xiyyaari kufee caccabuu ta'uu isaa barre. Lafa balaa sanaan qotamee fi boolla uumame argine," jechuun waan ijaan argite dubbatte.

Balaa biraatiin magaalaa Naayiroobiitti dhiyoo argamtu Naayivaashaatti baaburrii fi atoobisiin walitti bu'ee lubbuun namoota afurii darbuu hpojjetoota Fannoo Diimaa waabeffachuun Roohitars gabaaseera.