Magaalaa Waldiyaatti hidhattoonni mana hidhaa cabsuun hidhamtoota baasan

Magaala Waldiyaa

Madda suuraa, WOLDIA COMMUNICATION

Naannoo Amaaraa, magaalaa guddoo godiina Wallo Kaabaa kan taate Waldiyaatti hidhattoonni mana hidhaarratti haleellaa banuun hidhamtoota baasuu jiraattonni BBCtti himan.

Haleellaa kana kan raawwate hidhattoota Faannoo ta'uu kan himan jiraattonni kun, guyyaa kaleessaa, Kamisa, halkan mana hidhaa seenuun hidhamtoota dhibbaan lakkaa'aman baasan.

Jiraataa magaala Waldiyaa kan ta'aniifi nageenyasaanif maqaansaanii akka hin dhahamne kan gaafatan BBCtti akka himanitti dhukaasni halkan sa'aatii 5:45tti ta'uufi naannoo mana hidhaa Waldiyaa, mana hidhaa Godiina Wallo Kaabaa kan ta'etti, sagaleen dhukaasaa sa'aatii muraasaf ture gaggeeffamaa ture.

Jiraattonni akka jedhanitti, namoonni mana hidhaa kana keessa turan tilmaamaan 600 akka ta'aniifi haleellaa hidhattoonni Faannoo gaggeessaniin booda hunduu miliquu himu.

Boodarra qaamoleen nageenyaa hordoffii taasisaniin muraasni qofti to'atamuus himu.

Jimaata, Sadaasa 24, 2023 ganamarraa kaasee humni nageenyaa namoota mana hidhaatii baafaman barbaachuutti bobba'ee jira jedhame.

Jiraataan biraa maqaansaanii akka hin dhahamne gaafachuun BBCf yaada kennan, hidhattoonni mana hidhaa Waldiyaarratti xiyyeeffachuun haleellaa banuunsaanii "miseensota humna addaa naannichaa kanneen turaniifi mana hidhaa Bahiir Daar turan gara Waldiyaatti dabarfamaniifi dargaggoonni haala yeroon qabamanii hidhaman jiraachuusaanin" ta'uu akka hin oolle himan.

Haleellaa hidhattoonni mana hidhaa Waldiyaarratti raawwataniin poolisoonni eegumsarra turan sadi miidhan qaamaa irra gahuun alatti namni du'e akka hin jirre jiraataan naannoo mana hidhichaatti dhihoo ta'an BBCtti himan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hidhattoonni kun poolisoota eegumsa mana hidhaarra turan kaan fudhatanii erga deemanii booda, Jimaata, ganama gadi lakkisuus himu.

Poolisootaan alatti magaalattii keessa raayyaa ittisaa, humni addafi poolisiin federaalaa jiraachuu kan himan jirattonni kun garuu haleellaa hidhattoonni mana hidhaa Waldiyaarratti gaggeessan dhaabuu hin dandeenye.

Hidhattoonni Kamisa halkan haleellaa gaggeessanii hidhamtoota mana hidhaatii baasanii deemanis, har'a ganamaa kaasee magaalattiin sochiidhuma idileerratti akka argamtu jirattonni magaalattii BBCn dubbise himaniiru.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf BBCn qondaaltota naannoofi godinaatti bilbilus hin milkoofne.

Bara darbee kaasee naannoo Amaaraa keessatti walitti bu'iinsi hidhattootafi humnoota mootummaa gidduutti gaggeeffamu ammayyuu hin dhaabbanne.

Sochii hidhattootaa dhaabsisuuf mootummaan naannoo Amaaratti labsii yeroo muddamaa labsus garuu walitti bu'iinsi godiinota naannichaa heddu keessatti gaggeeffamaa akka jiru jiraattonni ni dubbatu.