Zakkaa: Tola-ooltota lammiilee Israa'el du'aniif kabaja horaa jiran

Akeekkachiisa: Gabaasni kuni qabiyyee miira namootaa jeequu malu qaba

Ija namaarraa goranii duuba mandara waraanaa Israa’el kan jiddugala biyyattii keessatti argamuufi dallaa dheeraa qabutti loltoonni, qondaaltonni poolisiifi hojjattoonni qorannoo reeffaa hojii alaa tilmaamuun nama dhibuu cimanii hojjataa turan. Kunis, namoota haleellaa Hamaasiin ajjeefaman adda baasuu ture.

Hanga halkan qixxeetti ibsaa haalaan ifuufi fagoodhaa mul'atu jalatti isaan waliin hojjataa kan ture gareen biraas ture. Kunneen uffata dambii keelloo uffataniin adda baafamu.

Isaaniis Zakkaa jedhamu. Dhaabbata amantaa erga haleellaan sun raaawwatamee kaasee hojiiwwan cimaa Israa’el keessatti raawwataman muraasaaf itti gaafatamoo turaniidha.

Hojiin Zakkaa qaama namoota ajjeefamanii, dhiigasaanii dabalatee, waliitti qabuudhaan, haaluma seera amantaa Jewuushiin akka awwaalaman taasisuudha.

Dhaabbatichi taateewwan balaa uumamaa, du’a gamoowwan irraa mudateefi shororkeessummaan qaqqabe dabalatee, mudannoowwan sukkaneessoo ta’aniif waamamu.

Miseensi dhaabata kanaas hundisaanii hanga jedhamuutti hordoftoota amantaa Jewuush (Ultra-orthodox Jews) jedhamu yoo ta’an, hundi saanii tola ooltota.

Gaafa Sambataa yeroo Hamaas Kaaba Israa’eliitti haleellaa isaa eegalu, tola ooltummaan Zakkaa keessa kan hijjatu Baaroch Firaankel, kan umuriin waggaa 28, mana jireenyaasaa Bineeyi Biraak keessatti akkuma yeroo biraatti, Sambata kabajataa ture.

Magaalli Bineeyi Biraak magaalaa Ortodoksii dhiheenya Teel Aviivitti argamtuufi tola ooltonni hedduun keessatti argamaniidha.

Gara barii keessa raadiyoo qunnamtii dhaabbata isaa irraa haalli muddamaa ta’e jiraachuu dhagahe.

Boodarras Firaankeel bilbilasaa ilaaluun haalli haleellichaa cimaa akka ta’e hubachuu danda’e.

Inniis meeshaalee isa barbaachisan qabatee, korojoo reeffa keessa kaa’an, waan harkatti haguuggatan, haguuggii kophee fi waan ittiin dhiigni haxaa’amu qabatee konkolaataa keessaa bu’e. ‘‘Calliseetuman konkolaachise’’ jedha.

Dhaabbanni Zakkaa bara 1995 seeraan hundeeffame.

Haa ta'u malee, dudduubeen isaa bara 1989 yeroo hundeessitoota dhaabichaa keessaa tokko haleellaa namni bade balleessaan Israa’el keessatti atobisiin ummataa gara qileetti akka kufu taasiseen booda tola ooltota reeffa baasuuf walitti qabaman keessaa tokko tahee ture.

UK biyya reeffi namaa ogeessota poolisiiin kaafamuutti dhaabbanni kana fakkaatu hin jiru.

Garuu, aadaa Jewushiin, hanga danda'ameetti reeffi namaa sirriitti guutummaan walitti qabamuun kan argame hundi waliin awwaalamu qabaata.

Tola ooltonni Zakkaas kun raawwatamuusaa mirkaneessuu kan qaban yoo ta’u, dhaadannoon isaaniis ‘‘ulfina dhugaa’’ (true grace) kan jedhudha.

Gaafa Sambataa bakka qophii muziqaatti, tola ooltota kanneen waan sukanneessaatu isaan mudate.

Firaankel wayita achi qaqqabuutti ganaa dukkana ture. Loltoonni Israa’elis hidhattoota waliin walitti dhukaasaa turan. Hanga nagaa ta’uttis cirracharraa ciisaa ture. Achiinis hojiisaa eegale.

Tola ooltonni Zakkaas bakka taateen haleellaa mudate hundatti hojjataa turan. Hojiichi cimaa waan ta'eef dabaree sa'aatii lamaatiin reeffa kaasaa turan.

Reeffa daa’immanii kaasuun hunda caalaa cimaa ta’u dubbata Firaakel. Guyyaa Sambataa bakka qophii muziqaatii gara lafa dhiheenyatti argamu Kibbutiz yoo deemu ammoo, poolisiin miseensota garee baay'ee beekamoo kanneen akeekkachiise.

Achi keessattis daa’imman gubatan, kanneen fanjiin itti dhoheefi maatiiwwan mana isaanii keessatti rasaasaan ajjeefaman arguu dubbata Firaankel.

‘‘Reeffa meeqa akka ta’e hin beektu. Namoota awwaallee meeqan lakkaa’a. Yoon sitti dubbadhu fakkiisaaniin deebisee argaa jira ija koo fulduratti,’’ jedha.

Hojii kanaaf keessattuu yeroo kanatti, tola ooltonni Zakkaa yeroo tokko tokko namoota uffata dambii isaanii waliin daandiirratti isaan arganiin galateeffamu.

Torban kana Firaankel osoo ollaasaa keessa darbuu ummataan leellifamuu dubbata.

‘‘Zakkaan hojii qulqullaa’aadha sababii galata itti hingaafanneefu,’’ jedha. ‘‘Kanneen du’an oolmaa siif baasuu hin danda’an.’’

Guyyaa Roobii galgala, tola ooltonni Zakkaa hojii kibba Israa’eelitti reeffa namoota ajjeefamanii walitti qabuu isa dhumaa akkuma xumuraniin, Firaankel buufata waraana Kaaba bakka reeffi itti adda-baafamu dhaquuf sa’aatii tokkoof konkolaachisaa ture.

Buufaticha keessattis, kutaalee qaama cabbeessu gurguddoo 20, kan konteenara fe’umsaa fakkaataniifi reeffi keessa olkaa’amuti jira.

Hojjattoonni Zakkaas dandeettii qaban hundaan, haalli hojii baay'atuufi reeffi namoota tokko tokkoos rakkisaa ta’ulleen, namoonni du’an hundi kabaja argachuu qaban akka argatan gochaa jiru.

Isaaniis reeffa namoota hundaatiif takka dhaabbachuun kadhannaa taasisu. Hojjattoota keessaas kanneen Ortodoksii ta'an daqiiqaa 15’n walitti qabamuun kadhannaasaanii erga taasisaniin booda hojii itti fufu.

Yaaqob Zakkaariyaas dargaggoo waggaa 39 fi itti-aanaa kantiibaa magaalaa Firaankel keessa jiraatu kan Bineeyi Biraak jedhamuuti.

Innis hojii tola ooltummaa Zakkaatiif waliitti aansuun dabaree halkan shanaffaarratti argamu.

‘‘Osoo addaan hin cinne sa’aatii sa’aatiitti hirriiba malee reeffa baachuun qaamaaf baay'ee cimaadha. Garuu hojjataa jirra,’’ jedhan.

Zakkaariyaas abbaa ijoollee shanii, reeffa ijoollee haala sukanneessaan miidhameefi gubatanii arguu dubbatu.

Reeffi daa’imman ajjeefaman muraasni, harkiifi miillisaanii funyoo bilbilaatiin kan hidhameedha jedhan.

Zakkaariyaas qabduu reeffaa kan maqaan maatii isaanii irratti barraa’e konkolaataa keessaa fuudhan. Reeffi itti aanuus maqaa wal fakkaatu qaba, kan itti aanus akkasuma.

Miseensota maatii tokkoo konkolaaticha keessa fuudhan. Isaaniis haadhaafi abbaafi ijoollee sadiitu bakka tokkootti Hamaasiin mana isaanii kibbatiz keessatti ajjeefame.

‘‘Maatii guutuun bakka tokko yoo ajjeefaman arguun waan namummaa balleessuudha’’ jedhu Zakkaariyaas.

‘‘Ani ijoollee mataa koo shanan qaba. Nuti namoota amantaa waan taaneef, wanti hundi Waaqarraa dhufa. Garuu ammo hubachuun nuuf baay'ee rakkiisaadha.’’

Zakkaariyaas sa’aatii muraasaan booda, akka sa’aatii biyyatti 5:00 irratti dabaree isaanii xumuruun boqachuuf gara konkolaataa deemuun buna dhugani sijaaraa xuuxan.

Achiinis sa'aatii walakkaadhaaf erga konkolaataa oofan booda gara mana maatii isaaniitti deebi’uun sa’aatii lamaaf rafani.

Isaan booda gara Galma Magaalaatti qajeelanii hojii ittaanaa kantibummaa isaanii idilee hojjachuutti deebi’an.

Buufatichaan alatti, bakka haala suukaneessaan raawwate sanarraa fagaatee, miseensonni maatii namoota ajjeefamanii teessuma qarqara daandiirra taa’uun, waan jiraattota naannichaafi konkolaataa nyaataatiin dhufeerraa deeggarsa argataa jiru.

Ortaal Asuuliin erga guyyaa Sambataa obboleessi ishee, taphataa kubbaa miilaa duraanii Laayoor Asuuliin, haleellichaan bakka bu’ee dhabdee kaasee daandiirra bulaa jirti.

‘‘Kan deebii naaf kennu homtuu hin jiru. Keessa burjaajii olaanaatu jira,‘‘ jetti abdii kutannaadhaan. Daqiiqaa shan shaniin gaafataa jirra.

''Asitti hundu maqaa keenya, lakkoofsa bilbilaa keenya, maqaa obboleessakoo fi suuraa isaa ni beeku. Innis taphataa kubbaa miilaa beekamaa ture. Isa ta’usaa adda baasuuf nama tokko qofaatuu ilaaluu danda'a ture.‘‘

Yeroo sanatti, Firaankel ishee dhagahuun maqaa obboleessa ishee yaadate. ‘‘Argeeraan’’ jedheen Firaankel. ‘‘Fuulasaa argeera, sirriittin yaadadha.’’

Ortaal battalumatti lafarratti kuftee boohuu eegalte. Miseensi maatii kaanis Firaankelitti marsan osoo inni waahilasaa keessa jiruu irraa Liiyoor jiraachu mirkanneefachuuf yaaluu.

Poolisiinis odeeffannoo homaa akka hin qabneefi maatiin keessa seenuuf akka hin hayyamne itti hime.

‘‘Ammatti reeffa adda baasuun salphaa miti,’’ jedhan miseensii poolisii tokko.

''Dhumarrattis adda baasu. Waan danda’amuuf hunda raawwataa jiru. Garuu ammo yeroo kennamuuf qabaata,'' jedhan.

Miseensi poolisii maqaa himachuu hinbarbaadne kan biraas, ‘‘reeffa namoota hedduutu keessa jira garuu %100 mirkaneeffachuu barbaadna osoo maatiitti hin himiin dura,’’ jette.

‘‘Erga haleellichi raawwatamee amma guyyaa shan. Kunis mataansaa reefficha irratti dhiibbaa qaba, Ni hubbatta miti? Dogongora hin qabnu.’’

Ummata Yuhidotaaf, reeffa tursiisanii awwaaluun gadda gara biraa itti uuma. Isaaniis lubbuun nama du’ee daftee akka du’aa kaatuf battaluma du’etti akka awwaalamu amanu.

Hanga reeffi nama du’ee awwalamuttis, maatiinis gadduu hin eegalu. Akkumas lubbuu nama du’een isaaniis naasuu keessatti argamu.

Liiyoor Asuutiin taphataan kubbaa miilaa dhumarratti adda baafamuun guyyaa Kamisaa awwaalameera.

Zakkaanis adeemsa kana keessatti hirmaateera. Reeffi baay'eenis buufata waraanaatii gara wiirtuu Zakkaa kan Tel Aviivitti argamu, kan Kamisa tola oolaa Israa’el Haasid isaan simachuuf qophii taasisaa tureetti dabarfaman.

Innis hojiichi Sambbattan dabalatee akka itti fufuu eega. Kanaafu Sambata irrra hojjachuusaatti Rabbii isaarraa hayyama addaa gaafateera.

Jiddugalichatti qorannoo qaccee sanyii fi galmee gaggeessuuf poolisoonni muraasni ni jiraatu.

Sanaan alatti adeemsa reeffa awwaalchaaf qopheessuu barbaachisu hunda Haasidii fi tola ooltonni Zakkaa kaan ni qopheessu.

Isaaniis bishaan laga karaa sanaan yaa’u irraa waraabaniin reeffa qaama dhiquun jirbiidhaan sirriitti qulqulleessu.

Yoo barbaachisees rifeensaafi qeensa isaanis ni muru.

‘‘Haala akkasii kana keessatti, sababii qabatamaa haleellaa kanaatiin, hojii awwaalchaa qopheessuu kun darbee guutuu hin ta’u,’’ jedha Haasiid.

‘‘Garuu nuti kan dandeenyu hunda ni raawwanna.’’

Dhuma adeemsichaarratti, tola ooltonni Zakkaa of eeggannoon reeffa hundaa uffata adiidhaan maruudhaan gara kanneen awwaalcha raawwataniitti dabarsu.

Isaan boodas lubbuun namoota du’anii miliquun maatiinis sirnaan gadda eegalu jedha.