Gareen Abuna Saawiroos murtee Sinoodosiiin irratti dabarse fudhatama dhabsiisan

Garee dureewwan amantii Ortodoksi Tawaahidoo Itoophiyaa dhiheenya muudama kennanii fi fudhatan kan dursan Abbaa Saawiroos, tarkaanfii Qulqulluun Sinoodosii fudhate gatii dhabsiisan.

Abuna Saawiroos tuutasaanii waliin ta'uun ibsa kaleessa galgala- Amajjii 27, 2023 kennaniin, ''Dogoggooraa fi dantaa dhuunfaa luboota lakkoofsaan muraasa ta’anii dhaggeeffachuun Qulqulluun Sinoodosii dhorkaan nurra kaa’e akkanumaan waan hiika hin qabneedha,'' jedhan.

Akeeki dhorkaa kanaa garuu nu irratti qofa osoo hin taane kanneen mana amantii kana keessatti jijjiiramni akka dhufuuf quuqaman hundarratti jedhan.

''Lubootaa fi tajaajiltoota mana amantii kanaa fi mirga amantootaaf quuqaman moggaatti baasuun waan dantaasaanii akkuma kanaan duraa guuttachaa akka jiraataniif haala mijeessuuf murtee darbeedha.''

Qulqulluun Sinoodosii dhorkaa kaa’e kanaaf dhimmoota akka sababaatti kaa’e hunda haalan dureen amantii kun.

''Akka qaamoleen nu himatan jedhan akeeki keenya uummata gosaa fi sabaan qooduu osoo hin taane inumaa abboonni keenya afaan hedduudhaan hawaasa afaan adda addaa dubbatu akka tajaajilaniif muudama kenninedha.''

''Abbootiin keenya wayita kana raawwatan soomanii kadhachuun, afaan hedduu baruuf dhama’uun, iddoo mijataa hin taane lafarra ciisuun akkasumas dhukkubaan dararamaadha," jedhan Abuna Saawiroos ibsa isaanii kanaan.

Abbootiin muudaman kunneen taatee raawwatame kana dura, mana amantichaa keessatti kabajaa fi iddoo guddaa qaban, hawaasa biratti amanummaa fi jaalala guddaa kan qaban turan jedhan.

Aangoo Ququlluu Sinoodosii humnaan qabachuuf barbaadaniiti himati jedhu fedhii fi faayidaa ofiif haala mijeeffachuuf kan dhihaateedhas jechuun ofirraa faccisan.

''Nuti balaa mana amantii kana mudataa jiru guyyuu xalayaadhaanis ta’e qaamaan beeksisuu fi akeekkachiisuurraa of qusannee hin beeknu,'' kan jedhan Abbaa Saawiroos, muudamni kun qajeeltoo amantichaa kan hordofee fi gonkumaa aangoo sinoodosii kan hin qorre ta’uu ibsan.

Bu’uurri barsiisa amantii abboonni kunneen itti jiran qajeeltoo fi naamusa amantichaa kan sarbeedha himati jedhu ''dhara'' jedhan.

‘’Ta’e jedhamee amantoota jeequun hookkara kaasisuuf waan ta’eedha.’’

Kanaafuu dhorkaan kaa’ame kun hiika kan hin qabnee fi abbootiin amantii dhugaan hojjetan gara Qulqulluu Sinoodosii akka hin seenne gochuuf mala maltee uumameedha jedhan Abuna Saawiroos.

Abbootiin keenyaa fi amantoonni isaan jala deeman osoo lubbuun jiraniis ta’e wayita du’an tajaajila amantii kamiyyuu keessaa akka ba’an murteessuun, tuffii amantootaaf qaban agarsiisa jedhan.

''Hundaa ol ammoo namni tokko erga amantii kana fudhatee booda humnaa fi qabeenyasaan mana amantii ijaarrattetti akka hin awwaalamnee fi tajaajila afuuraa akka hin arganne murteessuun, dhimma amantiirra darbee sabummaa kan sarbuu fi lammummaa kan mulquudha.''

Uummata faayidaaf qofa akka barbaadaniif kun agarsiistuu guddaadhas jedhan.

Mana amantii kun adeemsaa fi sirna ittiin qaama feete irra dhorkaa keessu kan mataashee kan qabduu fi wayita kun raawwatus qaamni dhorkamu dhihaatee yaada erga dhiheessee booda yoo of sirreesse irraa ka’ee yoo dide kan ugguramuudha.

''Isaan garuu adeemsa kana keessa osoo hin darbin dhiibbaa karaa miidiyaa hawaasummaa namoonni irraan ga’aniin oofamanii murtee kana dabarsan,'' jedhan.

''Namoonni ariifatanii dhorkaa kaa’an kunneen erga murteen kun darbee booda koree hundeessuun madda rakkoo qorachuutti gadi taa’an.''

''Kana jechuun kaayyoonsaanii atattamaan dhorkaa kaa’uudha malee maddi rakkoo maal akka ta’e dura qoratanii furmaata itti barbaaduu miti,'' jedhan ibsa isaanii keessatti.

Abuna Saawiroos dureewwan amantii kanneen Qulqulluu Sinoodosii dogoggorsuun tarkaanfii dhorkaa isaanirratti dabarsan maqaadhaan waamanii, murteesaanii kana hatattamaan akka haqan gaafatan.

‘’Ta’uu baannaan tarkaanfii isaan fudhatan deebi’ee isaanirratti fudhatama,’’ jedhan.

Namoonni kunneen dhorkaa dabarsan kana hordofuun hambaalee fi qabeenya mana amantii kanaa iddoodhaa akka hin sochoofnee fi kan harkasaanii jirus akka qisaasessineef mootummaa fi amantoonni hundinuu tarkaanfii madaalawaa akka fudhatan akeekkachiisan.

Dureewwan amantii ALI Amajjii 15, 2015 muudaman gara kutaa lallabaatti kan ergaman yoo ta’u, qajeelfama Qulqulluun Sinoodosii kun kennu hordofuun miira tasgabbiin hojiisaanii akka hojjetan dhaaman.

Bakka abbootii dhorkaan irra kaa’amee hanga namni biraa muudamutti hoji-gaggeessitoonni kutaa lallabaa tajaajila keessan akka itti fuftan jechuun ergaa dabarsan.