Shakkamtoonni yakkaa eessatti hidhamuufi haala akkamiin eegamuu qabu?

Lammiileen sababoota adda addaan yakkaan shakkamanii to’annoo jala ni oolfamu. Keessumaa labsiiwwan yeroo muddamaa yemmuu labsamanitti namootni heddu jumlaan qabamanii ni hidhamu.

Namoonni to’annoo jala oolfaman kun manneen kuusaa, buufataalee poolisii, bakkeewwan turtii wiirtuuwwan humna waraanaa keessa jiraniifi darbeeyyu manneen barumsaa keessatti akka hidhaman dhaabbileen mirga namoomaaf falman yeroo adda addaatti gabaasaalee baasan irratti ibsaaniiru.

Waraana kaaba biyyattiitti uumame hordofee yemmuu labsiin yeroo muddamaa labsametti, hidhaan jumlaa eenyummaa irratti hunda’an raawwatamuu isaanii hidhamtoonnifi dhabbileen mirga namoomaaf falman ibsaa turani.

Dhiyeenya kanas hidhattoota Faannoofi Raayyaa Ittisa Biyyaa giddutti waldhabdee uumame hordofee labsii yeroo muddamaa labsameen, miseensotni mana maree bakka bu’oota uummataa, hoggantoonii paartilee siyaasaa, gaazexessitoonniifi namootni biro hedduu bakkeewwan garagaraatti hidhamanii jiru.

Hidhamtoonni sarbamni mirgoota namoomaa akka irra ga’aa jiruufi miidhamaa fayyaa hamaaf saaxilamaa akka jiran irra daddeebiin gabaafameera.

Isa kanaafis hidhamtoonni hedduun haala dhibee daddarbaaf isaan saaxiluu maluun heddumminaan kutaa tokko keessa wal dhibaa taa’uun isaanii, bakkeewwan fayyaaf balaa uumanitti hidhamuun isaanii, nyaataafi bishaan ga’aa argachuu dhabuunsaanii akkasumas tajaajilli fayyaa jiraachuu dhabuunsaa akka sababaatti kanneen ibsamanidha.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Fulbaana keessa ibsa baaseen, bakka namootni daandiirra jiraachaa turan dirqiin akka itti turan itti taasifamu ‘Siidaa Awaash’ jedhamuutti dhiyaate wiirtuu jiru keessatti dhibee golfaan namootni sadii fu’anii namootni 150 ammoo hospitaala seenuu isaanii ibsamuun isaa ni yaadatama.

Ofii shakkamtoonni eessatti hidhamuu qabu? Seerri maal jedha?

Oggeessa seeraafi rogeessa mirga namoomaa kan ta’an Obbo Yaared Haayilamaariyaam akka jedhanitti, hojimaata seeraa idilee keessatti namootni yakkaan shakkaman akka seeraatti yakki isaan ittin shakkaman isaanitti himamee ajaji mana murti isaaniif kennamuu qaba.

Ajaja kanas hordofee qorannoof kan geeffamuu qaban gara buufata poolisii yoo ta’u, sa’aatii 48 keessatti mana murtiitti dhiyaachuu qabu.

Sana booda himatni yoo irratti dhiyaate dhimmi isaanii hanga xumuramutti, murteen yoo itti hinmurteefamnes hanga murtee isaanii xumuranitti mana sirreessa idilee jedhaman keessa akka turaniif seerri ni ajaja.

Koomishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaatti, hoogganaan kutaa qorannoofi hordoffii mirgoota namoomaa Dr Miizaanee Abateenis kanuma himu.

Hojimaata seeraan namni tokko yakkaan shakkamee erga to’annoo jala oolee booda hidhamuu kan qabu bakkeewwan turtii bekkamtiin seeraa kennameef ykn buufata poolisii keessattidha.

Yeroo labsii muddamaatti maaltu adda ta’a?

Oggeessi seeraa Yaared akka jedhutti labsiiwwan yeroo muddamaa akkataa itti shakkamtoonni to’annoo jala oolfaman dabalatee wanta seeraa idileen daangeeffamu kan akka hidhaa jumlaa akka raawwataniif balbala banu.

Humna keessummeessu manneen hidhaafi manneen sirreessa biyyatti keessa jiran qaban caalaa namoota to’annoo jala oolfamantu baayyata.

Dabalataan ammo hojimaati seeraa idilee waan daangeeffamuuf, shakkamtoonni mana murtiitti waan hin dhiyaaneefi adeemsi seeraa ariifate waan hin jiraanneef lakkoofsi hidhamtoota carraa itti hir’isu hin qabu.

Kanaaf sababa dhiphina uumamuun shakkamtoonni bakka banaa argame hunda keessatti akka hidhaman haalotni taasisan ni uumamu jedha oggeessi seeraa kun.

Komiishiniin mirga namoomaa Itoophiyaa dhiyeenya miseensota mana mareefi namoota biroo wiirtuu waranaa Awaash 40 keessatti hidhaman yeroo daawwatatti, sababa “dhiphina” uumameen namootni kun gara Awaashitti geeffamu isaanii poolisiin nuuf ibseera jedhee ture.

Ta’us hidhaan akkanaa dhiphina bakkeewwanii ol kaayyoo biraa kan qabanidha jedhu Obbo Yaared.

“Labsiin yeroo muddamaa labsame jechuun haalli hojimaati seeraa idilee hojiirra hin oolfamne uumamuu isaa kan ibsudha,” kan jedhan oggeessi kun, seerotiifi mirgootni namoomaa yeroo cabsaman arguun waan barame akka ta’e himu.

Shakkamtootta bakka mijataa hin taane geessanii hidhuun, bakka waldhaansa fayyaa hin arganetti, bishaanifi nyaati ga’aa hin jiretti, maatiin isaan hin daawwaneetti, tajaajila seeraa bakka hin arganetti isaan adabuuf mootummootni carraa kana itti fayyadamu jedhu.

Bara 1997’tti filannoo taasifame hordofee namoota kuma hedduu hidhaman keessa tokko akka turan kan himu Obbo Yaared, Zuwaayitti mana kuusaa dhippaafi qorqorroo irra hojjetame keessatti namootni 300 ta’an walitti cuqqaalamanii hidhaman jiraachuu akka wabiitti hima.

Akka inni jedhutti kutaa kana keessatti hidhamtoonni miila isaani diriirfachuu waan hin dandeenyeef ofirra qucuummatani ture kan halkaniif guyyaa dabarsan.

“Sababa walitti cuqqaalamaniif qilleensi hidhamtooti harganan ol hurkee baaxii qororroo irratti kuufamee debi’ee akka bishaanitti rooba ture,” jedha.

Sababa kanaanis dhibeewwan daddarban adda addaa uumamanii hidhamtoonni hedduu dhukkubsachuufi kan lubbuun isaanii darbes akka turan ni yaadata.

Dr Miizaanenis yeroo adda addaatti haalotni namootni itti butamanii fudhataman fakkatu uumamaa akka ture komiishiniichi gabaasasaan ibsaa akka ture himaniiru.

Ta’us yeroo hojimaata seeraa idilees ta’e yeroo labsii muddamaatti lubbuu hidhamtootaa balaaf saaxiluufi dararuun hin eeyyamamu.

Dhiphinni manneen hidhaa maal agarsiisa?

Oggeessi seeraa Obbo Yaared ‘dhiphinni’ mallattoo jeequmsaa akka ta’e hima.

“Sarbamni mirgoota namooma hamaan akka raawwatamaa jiruufi mootummaan seerota idil-addunyaas ta’e dirqamoota mootummaa seeraan eegaa akka hin jirree agarsiisa,” jedha.

Biyya kamittu labsiin yeroo muddammaa kan labsamuu qabu yeroo gabaabaafidha kan jedhu oggeessi seeraa kun, labsii yeroo muddamaa yeroo dheeraaf turu labsuun adeemsaa namoota butuu sirna waraanaa fakkaatu diriirsu jechuu akka ta’e ibsa.

Kanaanis mootummaan “muddama siyaasaa hammaate ture tasgabbeessuuf” rakkoon bakka tokkotti uumamnaan labsii yeroo muddamaa labsuuf akka carraa gaariitti fayyadama jechuun qeequ.

Ogeessi kun akka jedhutti seeraa Itoophiyaa keessatti bal’innni manneen hidhaa bayyinaa hidhamootaa waliin madaalamuun wanti kaa’ame hin jiru.

Akkuma biyyyotii biroo mana hidhaa karee hagamii keessa hidhamtoomtoonni meeqa turuu akka qaban gadi fageenyaan hin ibsine.

Ta’u yeroo labsii muddamaa dabalatee haala kam keessattiyyu hidhamtoonni haala fayyaa isaaniif balaa uumuufi haala kabaja dhala namaaf maluun alatti qabiinsa hamaa keessatti qabamuu akka hin qabne hima.

Namootni haalota hamoo dhukkubaaf itti saaxilaman, bishaaniifi nyaati ga’aan hin jirreefi wal’aansi fayyaa hin jirree keessatti akka hidhamaniif seerotni idil-addunyaa Itoophiyaan mallatteessite hundiifi heerii mootummaa hin eeyyamu.

Wiirtuuwwan waraanaa keessatti namoota hiidhuunis bu’uura seeraa kamiyyuu hin qabu.

Oggeesoti kun akka jedhanitti hidhamtoota waraanaa, booji’amtoota waraanaa ykn namoota dhimmi isaanii mana murti waraanatti ilaalamu yoo ta’an qofadha dhimmi isaanii mana murti waraanaatti kan ilaalamu.

“Namoota nagaa wiirtu waraanaa keessatti hidhuun gocha dararuu qaba,” kan jedhu Obbo Yaared, wiirtulee ykn kaampiwwan kanatti hidhamtooti dabarfamanii kan kennaman hidhamtoota akka eeganiif ykn akka to’ataniif qaamolee eeyyamamuuf alatti waan ta’uuf daraaraa hedduuf akka saaxilaman hima.

Dabalataanis kaampiiwwan kana keessatti ispoortiwwan waraanaa akka dararaatti hojiirra ni oolu.

Kanaan dura hokkora siyaasaa biyyatti keessatti uumaman hordofee namootni hiidhaman dirree cirrachaan guuteerra jilbaan akka daa’imaniifi uffata isaanii baasanii akka gangalatan gochuun leenjiiwwan waraanaa gara adabbiitti geeddaramuun gochi dararaa irratti raawwatamaa akka ture Obbo Yaared ni hima.

Shakkamaan tokko eenyuun to’annoo jala oolfamuu qaba?

Keessummaa yeroo labsiiwwan muddamaa labsamanitti namootni to’annoo jala oolfaman kan qabaman namoota uuffata sivilii uffatanii eenyummaa isaanii ibsuuf waraqaa eenyummaa isaanii agarsiisuu hin feeneefi ajaja hidhaa kanneen hin qabanneen akka to’atam yeroo himan ni dhaga’ama.

Dr Mizaanee akka jedhanitti aangoo seeraafi qajeelfama kabachiisuu kan qabu qaama poolisii yoo ta’u, namootni yakkaan shakkamanii namoota adda addaan yoo qabamnille battaluma poolisiitti dabarfamanii keennamuu qabu.

Qaamolee poolisii leenji’an kanadha dhimmicha qabachuu kan qabaniifi qorannoo akkasumas adeemsa murti hordofuu kan qaban.

Haaluma kamiinu shakkamaan tokko qaamolee nageenya yemmu qabamu shakkiin sababaratti humdaa’ee jiraachuu akka qabu Dr Miizaaneen ni ibsu.

Ta’us labsii yeroo muddamaa ykn haalota adda addaa keessatti qaamoleen nageenyaa mootummaa adda addaa haalli isaan shakkamtoota to’annoo jala oolchan jiraachuu akka danda’anis himu.

Labsiin yeroo muddamaa sarbama mirga namoomaaf carraa kan uumu akka ta’e yeroo hedduu hubachuu isaanii kan himan Dr Miizaaneen, tarkaanfiwwan qamoolee mootummaan fudhataman madaala’oo, sirrii, seera qabeessaafi barbaaachisummaan isaanii qoratamuu akka qabu himu.

Labsii yeroo muddamaa dhiyeenya ji’oota afur dabalataaf dheereffameefi naannoo Amaaraarra kaa’ameen, Finfinneefi wiirtulee magaalota adda addaa jiran keessatti hidhamtoonni hedduun hidhamanii jiru.

Shakkamtoonni meeqa hidhamanii akka jiran gama mootummaan wanti ifa taasisame hin jiru.

Qondaalli Komiishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa Dr Miizaaneenis lakkoofsa namoota hidhamanii sirritti baruu akka hin dandeenye ibsuun, namootni hedduun hidhamanii garuu kan hiikaman akka beekamu ibsaniiru.

Sabama mirga namoomaa hidhamtootarra ga’eera jedhame ilaalchisee irra daddeebiin himata dhiyaatuuf mootummaan deebii kenne hin qabu.

BBC’n dhimma kana irratti qaamolee mootummaa isaan ilaallatu haasofsiisuuf yaaliin taasise hin milkoofne.