'Yuukireen magaalaa Baakmuut keessatti loltootni Raashiyaa 20,000 hanga 30,000 ajjeefamaniiru ykn madaa'aniiru'

Naannoo Baakmuut

Madda suuraa, Reuters

Adda waraanaa Yuukireen magaalaa Baakmuut keessatti loltootni 20,000 fi 30,000 tahan, ajjeefamaniiru ykn miidhaamaniiru jedhan qondaalonni biyyoota Lixaa.

Addi waraanaa kun barbaachisummaa Baakmuut irraa kan ka’e isaan kaan iraa baay’ee addadha.

Waraana hamaa, lubbuu hedduu galaafateen booda ammayyuu Baakmuut garamitti akka kuftu hin baramne.

Uuummanni waraanicha dura magaalicha keessa turan %90 magaalicha keessaa baqatanii bahaniiru.

Magaalaa xiqqoon naannoo Donbaas keessaa kun amma bakka balfa gamoo fi maneen diigamanii taateetti.

Osoo harka Raashiyaa irratti kufe iyyuu yeroo dheeraa kan fudhatudha. Moskoon lafa xiqqoo qabattee bal’aa ammo gadhiifteetti jedhan qondaalonni Lixaa.

Qondaalli Yuukireen tokko ammo, addi waraanaa Baakmuut Yuukireen loltoota Raashiyaa hedduu ajjeesuuf carraa guddaa uumeera, jedhan.

Waraanni Yuukireenis aarsaa guddaa kaffaleera, garuu lakkoofsa Raashiyaan ibsite qondaalonni Lixaa hin fudhanne.

Wal gahii humna waraanaa Raashiyaa irratti Mr Shooguu, Yuukireen waraana 11,000 dhabdeetti jedhan.

Biyyootni Lixaa ibsa Mooskoo kanaaf beekamtii hin laanne.

Faallaa kanaa gareen waraanaa Waagner raashiyaaf lolu magaalaa Baakmuut qabachuuf jedhee hanqina humna namaa fi meeshaa waraanaaf saaxilameera jedhan.

Hogganaan garee kanaa Yeevgeenii Piroogooziin, humni waraanaa Raashiyaa rasaasa barbaachisu nuuf dhiyeessaa hin jiru jechuun komatan.

Dubbiin isaanii kun amoo Moskoon Baakmuut keessatti danqamuu kan agarsiisuu fi fuuldurattis gara gidduugaleessati imaluuf rakkoo itti taha abdii jedhu michoota Yuukireeniif uumeera.

Yuukireen biyyoota Lixaa irraa deeggarsa meeshaa waraanaa akka Taankii fa’aa argachaa jirti. Kun ammo Raashiyaa deebistee waraanuuf humna cimaa tahaaf jedhamee amanama.