Yukireen ajjeechaa loltuu hidhannoo malee qorachuu eegalte

Loltuu osoo dhaabbatee cijaaraa xuuxuu rasaasaan ajjeeffame

Madda suuraa, SCREENSHOT VIDEO

Yukireen erga waraabbiin viidiyoo wayita loltoonni Raashiyaa loltuu booji'amaa Yukireen kan hidhannoo hin qabne ajjeesan mul'atu qorachuu eegalte.

''Kanneen ajjeesan bira geenya'' jedhan Pirezidantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskiin dubbii Wiixata waaree booda dubbataniin.

Viidiyicha irrattis loltuun Yukireen osoo dhaabbatee sijaaraa xuuxuu mul'ata. Innis, 'Ulfinni Yukireeniif haa ta'u!' jedhe osoo itti dhukaafamee hin ajjeefamiin dura.

Gareen waraanaa tokkoos loltuun kan isaa akka ture maqaa dhahe. Garuu ammoo waa'ee enyummaasaa irratti gabaasaalee wal dhahanitu jira.

Wayita itti dhukaasetti loltuun tokko namtichi akka waan loltuu Raashiyaati jedhee waan amaneefu, erga itti dhukaasaniin booda yeroo ''du'i'' jedhuun dhagahama.

Akka ajeesan kan himaman garuu viidiyicha irratti adda hin baafamne. Viidiyichi jalqaba miidiyaa hawaasummaa irratti kan qoodame guyyaa Wiixataa ture.

Haata'u malee, waraabbii vidiyichaa yoomiifi eessatti akka waraabame akkasumas loltuun kun eessatti akka qabame BBC'n addatti hin mirkanneeffanne.

Ajajaan humnoota Yukireen, ''Loltuu boji'amaafi kan hidhannoo hin qabne ajjeesuun faallaa seera namoomaa idil-addunyaafi dudhaa waraanaati,'' jedhan.

''Weerartoonni Raashiyaa irra deebiidhaan galmiisaanii Yukireen keessaa lammiilee Yukireen gara jabinaan fixuu ta'u agarsiisaa jiru.''

Raashiyaan garuu taatee kanarratti ifatti wanti jettee homtuu hin jiru.

Pirezidantiin Yukireen Volodimiir Zeleniskiin haasaa viidiyoon taasisan keessatti, ''weerartoonni loltuu cimaa fulasaaniitti 'Ulfinni Yukireeniif haa ta'u!' jedhe ajjeesan'' jedhan.

''Hundi keenya jecha isaa kanaaf tokkuummaan deebii akka kenninuun barbaada. 'Ulfinni gootaaf haata'u! Ulfni goototaaf haata'u! Ulfinni Yukireeniif haata'u!''

Zeleniskiinis dhaaddannoo waraanaa loltoota Yukireen miiliyoonota biratti baramaa ta'e jedhan.

Akkasumas Ministirri Dhimma Alaa Yukireen, Dimitirii Kulebaan toora tiwiitara isaanii irratti viidiyoon ''waraabame waraanni kun duguuggaa sanyii namaa ta'u kan mirkanneesseedha'' jedhan.

Itti dabaluunis qorannoon atattamaa Mana Murtee Yakka Idil-Addunyaatiin akka gaggeeffamuuf waamicha dhiyeessan.

Hogganaan Qorannoo Yakka Yukireen Andrii Kostin ammoo yakkichii qoratamuu eegaleera jedhan.