Hogganaan olaanaa Iraan waraana Israa'el booda yeroo jalqabaaf ummata duratti mul'atan

Sagantaa TV mootummaa Iraanin tamsa'e irratti.

Madda suuraa, EPA

Hogganaan olaanaa Iraan Ayaatollaah Ali Kaamenii erga waldhabdeen Iraanii fi Israa'el gidduutti uumamee as yeroo jalqabaaf ifatti ummata duratti mul'achuu isaanii miidiyaaleen mootummaa gabaasan.

Viidiyoon televijiinii mootummaan tamsa'e akka agarsiisutti Kaameniin Sambata darbe sirna jala bultii Ashuuraa feestivaala Shi'aa gaggeeffame irratti masjiida keessatti wayita namoota nagaa gaafatan agarsiisa.

Hogganaan kun yeroo dhumaaf kan mul'atan yeroo waldhabdee Waxabajjii 13 jalqabee fi ajajoota waraanaa olaanoo Iraan fi saayintistoonni niwukilaraa hedduun du'uu isaanii irratti haasaa waraabame taasisan keessatti ture

Israa'el haleellaa tasa bakkeewwan niwukilaraa fi waraanaa Iraan keessa jiran irratti xiyyeeffate kan raawwatte yoo ta'u, Iraan booda haleellaa qilleensaa Israa'el irratti xiyyeeffateen deebii kennuu ishee hordofee waraanni biyyoota lamaan giddutti eegaluun ni yaadatama.

Waraanni guyyoota 12 Iraan Israa'el waliin taasisaniin, Hogganaan Olaanaa Iraan Alii Kaameeniin, kilippiiwwan viidiyoo sadii televijiinii mootummaa irratti tamsa'an keessatti mul'ataniiru.

Garuu, dawoo lafa jalaa keessa akka turan tilmaamni kennamaa ture.

Sambata darbe miidiyaalee Iraan irra caalaa ummata duratti mul'achuu hogganichaa bal'inaan gabaasaa kan turan yoo ta'u, suuraa fi viidiyoowwaan deeggartoonni isaanii iskiriinii irratti isaan arguu gammadan agarsiisan ba'aa turan.

Ali Kaameenii gara imaama beekamaa Maahimuud Kariimitti garagaluun faaruu jaalala biyyaa yeroo waldhabdee dhiheenya kana Israa'el waliin uumame turetti jaalala addaa argate "Yaa Iraan'' jedhu akka sirbu yeroo jajjabeessan agarsiifameera.

TVn mootummaa akka ibsutti viidiyoon kun kan waraabame Masjiida Imaam Khoomeenii giddugala Tehraan keessatti yoo ta'u, masjiida maqaa hundeessaa rippabiliika Islaamaa jedhamuun moggaafame keessatti ture.

Kan isaan mul'atan yeroo biyyi Muslimoonni baay'inaan Shi'aa ta'an ji'a kana keessatti yeroo gaddaa, akka aadaa isaanitti hogganaan olaanaan irratti argamuun kabajanitti.

Hogganaan olaanaan Iraan waraana Israa'el booda yeroo jalqabaaf ummata duratti mul'atan

Madda suuraa, EPA

Ashuuraan guyyaa 10ffaa Muharram - bara kana Adooless 6 tti kan gaggeeffamu yoo ta'u, yeroo kanatti Muslimoonni Shi'aa du'a ilma ilma Nabi Muhaammad, Hoseen yaadatu.

Waxabajjii 26, haasaa dursee waraabame televijiinii mootummaa irratti tamsa'e keessatti, Kaameniin akka jedhanitti, Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Iraan akka harka kennattu waamicha dhiyeessanis Iraan Israa'eliif akka hin bitamne cimsanii dubbataniiru.

Ameerikaan waldhabdee kanatti kan makamte waxabajjii 22 dhaabbilee niwukilaraa Iraan irratti haleellaa banuun ta'uun ishee ni yaadatama.

Duulli sun xiyyaarota waraanaa Ameerikaa 125 kan hirmaachise yoo ta'u, dhaabbilee niwukilaraa sadii: Fordow, Nataanz fi Isfaahaan irratti xiyyeeffachuun gabaafamaa ture.

Waraana guyyoota 12f ture kana keessattis namoonni 900 ol akka ajjeefaman qaamni haqaa Iraan gabaase.