Itoophiyaa keessatti sababa haleellaa raawwatamuun bilisummaan bakkaa bakkatti socho'uu yaaddoo keessa jira -KMNI

Konkolaataa ummataa

Madda suuraa, Getty Images

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) sababa tarkaanfii fi haleellaawwan fudhatamaniif bilisummaan bakka tokko gara bakka biraatti socho'uu namoota yaaddoo keessa jira jedhe.

Keessumaa naannolee afur keessatti sababa tarkaanfiiwwan mootumaafi humnoonni hidhatan fudhataniifi haleellaawwan raawwatamaniif mirgi namootaa bakkaa bakkatti socho'uu balaan mudachuu taajjabeera jedheera Komishinichi.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa kana kan jedhe gabaasa qorannoo isaa A L I Ebla 2017 hanga Fulbaanaa 2018tti.

Naannolee Amaaraa, Beneshaangul Gumuz, Gambeellaa fi Oromiyaatti sarbama mirgoota namoomaa keessaa tokko kan ta'e bilisummaa namoonni bakka tokkoo gara bakka biraatti socho'uu "yaaddessaadha" jedhu qorachuu isaa ibseera.

Qorannoon kun daangeffamuu saatii sochii, kellaawwan humnoota hidhataniifi humnoota nageenyaa mootummaa diriirfaman, ajajawwan daandiiwwan cufamuufi tarkaanfiiwwan fudhataman, akkasumas haleellaawwan daandiirratti qaqqaban, namoota butuu, saamicha qabeenyaafi mancaatii mudatuun mirgi bilisaan socho'uu yaaddoo keessa galuun alatti mirgoonni lubbuun jiraachuu, nageenya qaamaafi qabeenyaarratti miidhaa geessisuu qaaqbaa akka jiru mirkaneeffateera.

Magaalaa Asoosaarraan goree daandiin gara magaalaa Finfinnee geessu, akkasumas godina Kamashiirraa gara naannoo Oromiyaa kan geessu sababa Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaan ABO Shanee jedhuun cufamuu kan eere gabaasni kun, daandiin godina Asoosaarraa gara Matakkal geessu ammoo yaaddoo haleellaa hidhattoonni Gumuz araaraan gara nagaatti hin deebi'iin jiraniin cufaa ta'uu ibseera.

Sababa kanaan jiraattonni Beneshaangul Gumuz bilisummaan socho'uu dhabuusaanii kan eere gabaasichi, kunis ummaticha rakkoof saaxileera jedheera.

Butii konkolaataawwaniifi imaltootarratti raawwatamu kan qorate yoo ta'u, naannoo Oromiyaa keessatti gocha butii konkolaataawwan ummata deddeebisanirratti ji'oota Eblaa hanga Adoolessaatti raawwataman torba tarreesseera KMNI.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Naannolee gara garaa bakka gara garaa keessatti aanga'oota godinaafi aanaa dabalatee namoonni 69 butamuusaanii kan ibse KMNI, namoota butuun kun Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaan ABO Shanee jedhuufi hidhattoota "Fannoo" ofiin jedhaniin raawwachuusaa beeksiseera.

Gocha nama butuu gabaasicha keessatti ibsaman keessaa torba keessatti namoonni torba dhukaasa battalumatti ykn osoo miliquudhaaf yaalanii irratti banameen ajjeefamaniiru jedheera.

Namoonni butamnan garri caalan maallaqa ittii gadhiisisan kaffaluun gadhiifamaniiru.

Naannoo Amaaraa keessatti yeroo baayyee godinaalee Gondar keessatti bakkeewwan sadii namoonni itti butaman kan tarreesse gabaasni Komishinichaa, A L I Adoolessaa hanga Hagayya 2017 gidduutti kanneen raawwatamanidha jedheera.

Haleellaa kanaan imaltoonni 13 butamuu kan ibse KMNI, gochi butuu kun hidhattoota Qimaantiifi hidhattoota eenyummaan isaanii hin beekamneen raawwatamuu ibseera.

Gochi nama butuu KMNI eere tokko, kan BBCn ji'a sadii dura gabaase dhimma hojjetoota Waldaa Fannoo Diimaa yoo ta'u, namoota butaman keessaa abbaa ijoollee sadii kan ture, Obbo Honeliny Fantaahun sababa reebichaaf qorra hidhattootaan irra ga'een bakka butamee gadhiifamee sa'aatii muraasa keessatti lubbuun isaa darbeera.

Naannoo Amaaraa keessatti hidhattoota Faannoon konkolaataa bottee boba'aa fe'u sadiirratti haleellaa raawwachuu kan ibse Komishinichi, konkolaataan boba'ee fe'e tokko yoo saamamu, kanneen hafan lamaan ammoo gubachuusaanii eereera.

Gabaasni qorannoo KMNI haaraa kun haala daandiiwwan cufamaniis kan baase yoo ta'u, naannoo Amaaraa keessatti daandiin Mekkaane Salaam (Walloo Kibbaa) irraa gara Marxoolamaariyaam (Goojjam bahaa) geessu, "nageenyaan wal qabatee" mootummaatiin Bitootessa 2017 irraa kaasee (ji'oota saddetiif) cufamuusaa ibseera.

Haaluma wal fakkaatuun daandiin Adeet-Moxaa-Bichena A L I Adoolessa 2017 kaasee jalqabarraa kaasee cufamuu isaa kan ibse yoo ta'u, daandiin Baahira Daar- Dabremaarqos A L I Hagayya 1 hanga hagayya 5 bara 2017 torban tokkoof hidhattoota Faannoon cufamee turuu eereera.

A L I Caamsaa hanga Waxabajji 2017tti imaltoonni hojiif naannoo Amaaraarraa gara naannoo Benishaangul Gumuzitti dhimma hojiif deemaa kan turan waraqaan eenyummaasaanii ilaalamee "saba Amaaraa" warri ta'an gara bakka irraa dhufaniitti akka deebiyan taasifamaniiru jedha gabaasni KMNI.

Qondaaltonni mootummaa KMNI dubbise akka jedhanitti, "weerara lafaa seeraan alaa ittisuuf, akkasumas gareen hidhattootaa yeroo baay'ee "Fanoo" jedhamuun beekamu hawaasa waliin walitti makamuun balaa nageenyaa akka hin taaneef,"tarkaanfiin kun kan fudhatame jedhan.

KMNI akka gabaasetti, hidhattoota Qimaant buufata sakatta'iinsaa godina Gondar Lixaa aanaa Matammaatti argamurraa maallaqa walitti qabuuf socho'aa turan fi humnoota nageenyaa mootummaa konkolaattota kana waliin turan gidduutti walitti bu'iinsa uumameen konkolaachiftoonni fi imaltoonni hedduun ajjeefamaniiru.

A L I Waxabajji 16/2017 haleellaa raawwtaame kanaan yoo xiqqaate konkolaachiftoonni xaa'oo deddeebisaa turan 16 du'uu fi kan lakkoofsi isaanii hin beekamne butamuu BBC'n gabaasee ture.

Haleellaa kanaan konkolaachiftoonni sadii butamanii gadhiifamuusaanii kan ibsu gabaasni kun, A L I Waxabajji 18, 2017 humnoonni mootummaa hidhattoota kanaaf deebii kennuuf socho'an "namoota hedduu" ajjeesuusaanii ibseera.

Gabaasni qorannoo KMNI naannoolee Gaambeellaa, Beenishaangul Gumuz fi Amaaraatti sochii hidhattootaa, doorsisa nageenyaa fi yakka to'achuuf uggurri sochii kaa'amee tajaajila wallaansa fayyaa dabalatee sochii guyyaa guyyaarratti dhiibbaa hamaa geessisaa akka ture ibseera.

KMNI daandii cufuu, sochii dhorkuu, hidhamuu, saamichaa fi barbadaa'uun "amantaa hawaasni bal'aan olaantummaa seeraarratti qabu balleessuuf balaa qaba" jedheera.

Mootummaan yakka ittisuu fi yakkamtoota itti gaafatamoo gochuuf jecha, "karaa olaantummaa seeraa kabachiisuufi sirna guutummaatti eegeefi mirga namoomaa kabajuun gaggeessuu akka qabu jechuun hubachiiseera.