Seenaa maanguddoo waggaa 30'f riqicha jala jiraachaa warra kaan gorsan

Hedduu keenyaaf waqtii roobaa fi qorraati, alatti qofa osoo hin taane mana keessattuu qorri nutti cima. Kanneen mana hin qabnee fi daandiirra bulaniif ammoo haalli kun daran cimaadha.

Haalli jireenyaa tarii guyyoota ykn baatiiwwan muraasaaf dandamachuun qorra gannaa fi bubbee birraa keessa ala bulaa danda'ama ta'a.

Tibbana garuu BBC'n maanguddoo waggoota 30'f riqicha jala jiraachaa dargaggoota jireenya walfakkaatuuf saaxilamun gara isaa dhaqan gorsan tokko waliin turtii taasisee akkasiin qindeesseera.

Maanguddoon umuriisaa walakkaa riqicha jala jiraatu, Liiyaa’u Saa’aduu, namoota mana hin qabne hedduu gara isaatti dabalamaniif "eegduu" akka ta'eetti of ilaalu.

Maanguddoon kun waggaa 30'f riqicha magaalaa guddittii Naayijeeriyaa Leegoos keessatti argamu jala bakka jireenysaa taasisuun dabarse.

Ammaan tanas dhiironni 60 ol ta'an walitti maxxananii- riqichi Obalende kan namni itti baay'atuu fi sagalee wacaa itti baayyatu keessatti argamu jala ala jiraatu.

Kunis sababii qaala'iinsa jireenyaatiin mana kireeffachuu waan hin dandeenyeefiidha.

Aab Saa’aduun namoota haaraa bakka inni jiraatu sana dhaqan, yeroo baay’ee dargaggoota magaalotaa fi gandoota fagoo irraa dhufan, bakka yakkaa fi qoricha sammuu hadoochu keessatti kufuun salphaa itti ta’e fi Leegoos kan saffisaan guddataa jirtu keessatti akkamitti daandii irratti akka of eeggannoon jiraatamu gorsu.

''Umuriinkoo waggaa 60 yoo ta'u, dargaggoonni ji'oota muraasa ykn waggoota muraasa dura as dhufan jiru. Isaan qajeelchuu akka itti gaafatamummaa koottin ilaala,'' jechuun BBC'tti hima.

“As Leegoosatti, keessumaa dargaggootaaf maatiin sochiisaanii to'atan waan hin jirreef, daandiirraa maquun baay’ee salphaadha.”

Akkuma namoota riqicha jala jiraatan baayyeetti, afaan kaaba Naayijeeriyaa keessatti baayʼinaan dubbatamu, Hawusaa, dubbata.

Maanguddoon kun magaalaa xiqqoo Zurmii kan kaaba Lixa bulchiinsa Zamfaraa irraa bara 1994 as kan dhufan yoo ta'u, garuu warri yeroo sana isaan waliin hiriyyaa turan hundi du'aniiru ykn gara magaalaa ykn ganda dhalootasaaniitti deebi'aniiru.

Tukur Gaarbaa kan waggaa shan dura riqicha sana jala jiraachuu jalqabe, gorsi Aab Sa’aaduu gatii guddaa kan qabu ta’uu fi namoota magaala jidduugala diinagdee Naayijeeriyaa taate keessatti carraasaanii yaaluuf dhufan irraa kabaja guddaa akka qaban dubbatan.

Dargaggeessi ganna 31 kutaa kaaba fagoo Kaatsinaa irraa gara km 1,000 (621 miles) fagaatee argamu irraa gara kana dhufe.

''Inni yeroo dheeraaf as waan tureef nuuf akka obboleessa keenya angafaati. Leegoositti rakkina keessa seenuun salphaa waan ta'eef isarraa gorsa ogummaa jireenyaa barbaadna,'' jedha.

"Namoonni as dhufanis nama duraanuu riqicha sana jala buluun jiraachuu beeku ykn odeeffannoo waa'ee Karkashin Gadaa (afaan Hawusaatiin riqicha jala jechuudha) itti hime qabu," jedhu Obbo Sa'aaduun.

"Yeroon ani as dhufu namoonni asi turan 10 gadi turan."

Adaamu Sahaaraa kan waggoota 30 oliif appaarataamaa dhiheenya Karkashin Gadaatti argamu keessa jiraatan, Leegoos keessatti rakkoon mana jireenyaa baay'achaa akka jiru dubbata.

“Nageenya dhabuu [hidhattoota garee jihaadistootaa dabalatee] fi kufaatiin dinagdee namoonni hedduun kaaba Naayijeeriyaatii akka baqatan taasiseera,” jedhu Mr Saharaan.

Sababii butamuu fi hidattoonni dabalaa dhufaniif carraan dinagdee achi jiru dhiphachaa waan jiruuf, jiraattoonni yeroo dheeraaf Karkashin Gadaa keessa jiraataan gara Zamfaraatti deebi'uuf karoora hin qaban.

Hidhattoonni namoota butuudhaan kanfaltii maallaqaa gaafachuun hedduun daldalaa fi qonna isaanii dhiisanii akka baqataniif dirqisiiseera.

Obbo Sa'aaduun haala danda'ameen jireenya riqicha jalaa kana mijataa taasisuuf firaashii, siree, saanduuqa mukaa fi agoobara qabu. Innis firaashasaa saanduqa gubbaa afuun achirra rafa.

Sababii irra caalaansaanii waan lafa diriirsanii irra bulan qooddataniif, Obbo Sa'adu dhiironni riqicha jala jiraataniifi meeshaalee manaa hin qabne tokko tokko caalaa kan haala gaarii qaban keessaa tokkodha.

Galanni "jiraattoota" Karkashin Gadaa tokko tokko kan yeroo baayyee naannoo sana jiran ykn hojii ykn yeroo boqonnaa isaanii gammachuun dabarsaniif haata'utii balaan hannaa xiqqaadha.

Hundisaaniitu mana dhiqannaa fi mana fincaanii dhiyoo jirutti yeroo tokkoof Naayiraa 100 ($0.06; £0.05) kanfaluun fayyadamu.

Gadaa Karkaashin keessatti nyaata bilcheessuun ykn ibidda bobeessuun, tibba gannaa dabalatee, yeroo baayyeen kan hin raawwatamne yoo ta'u, jiraattonni bakkichaa irra caalaansaanii, daldaltoota nyaata ummata kaabaa biratti jaallataman gurguran irraa bitatu.

“Kunis Leegoos keessatti bakka namoota baay’ee kaaba Naayijeeriyaa irraa dhufan itti argitan keessaa tokko waan ta’eef anis furaa [nyaata daakuu misingaan aannaniitti makame hojjatanu] asitti gurgura. Namoonni baay’een hojiin yoo ko'ommatan arguukootti gammadeera,” jechuun BBCitti himte daldaltuun nyaataa Aishaa Haadiin.

Sa'aduunis waggoota 30 darban keessaa Leegoos keessatti kophee qulqulleessuurraa hanga sibilawwan caccabaa daandiiwwan irraa funaanuudhaan kanneen sibiila deebisanii hojiirra oolchanitti gurguruu gaheera.

Innis hojii kanaan guyyaatti jiddugalaan Naayiraa 5,000 ($3; £2) kan argatu yoo ta'u, kunis ulaagaa hiyyummaa garmalee guyyaatti doolaara 1.90 ol ta'us ittiin jiraachuuf gahaa miti.

"Torban torbanitti maatiikoo Zamfaraatti argamaniif maallaqa erguun akkan qabu hin dagatinaa, kanaaf qabsoon kan itti fufuudha," jedhu Obbo Sa’aduun.

Namoonni jireenyasaanii daandii Leegoos irra godhatan meeqa akka ta'an ifa miti, garuu dhaabbileen miti mootummaa hanga walakkaa miliyoonaa akka ta'an dubbatu.

Ji'oota muraasa darban keessa hawaasni Gadaa Karkaashiin dhiibbaa cimaa koree naannoo bulchiinsa Leegoos jala galaniiru

Qondaaltonni magaalattiis namoonni seeraan ala achi jiraachaa jiru jechuun darbee darbee sakatta'iinsa raawwatu.

Kanneen to'atamanis hanga Naayiraa 20,000 ($12; £9) adabaman yoo ta'u, kunis galii namoonni riqicha jala jiraatan hedduun torban tokkotti argataniidha.

''Isaanis halkan naannoo sa'aatii7 ykn 8tti dhufu namoota as bulan hidhuuf. Eessa akka deemnu barbaaduu?” Obbo Garbaan akka jedhanitti, harii'atamanis ganamaatti “jiraattonni” irra caalaan isaanii ni deebiu’u.

Innis mootummaan gara laafina akka agarsiisuuf akkasumas "namoonni hiyyeeyyiin akka keenyaa bakka jireenyaa gaarii akka argataniif dhimma mana jireenyaa akka ilaaluuf" dhaama.

Haata'u malee Naayijeeriyaa keessatti mootummaan namoota mana hin qabneef dahannoo hin kennu. Kana gochuufis karoorri hin jiru.

Inumaayyuu, yeroo ammaatti Leegoos keessatti xiyyeeffannaan jiru namoota mindaa xiqqaa qaban, kanneen akka qulqulleessitootaa, konkolaachiftootaa fi ergamtoota waajjiraalee keessa hojjatan, mana akka bitatan gargaaruudha.

Namoota akka Obbo Sa'aduuiif, gosti mana jireenyaa kamiyyuu Leegoos keessatti waan hin danda'amneedha. Kiraan manaa naannoo qubsama seeraan alaa keessatti waggaatti naannoo Naayiraa 100,000 ($48; £62) kan barbaachisuu yoo ta'u, naannoo sadarkaa hojjettootaa keessatti ammoo, appaartimantiin jireenyaa xiqqoon tokko waggaatti gara Naayiraa 350,000 ($220; £170) ta'a.

Kan caalaa hammaatu ammoo, abbootiin qabeenyaa hedduun yeroo manichatti galamu kiraa waggaa tokkoo akka kafalamuuf kan gaafatan yoo ta’u, kunis ogeessota dargaggoota tokko tokkoof osoo hin hafne kan hin danda'amne ta'ulleen garuu mootummaan haala kana to’achuuf karoora hin qabu.

Sababii kanaatiin, warri akka Obbo Sa’aduu riqicha Obalende jala jiraachuuf of gadi qabuu itti fufaniiru.

"Wantan hojjataa jiru hubannoo keessa galchuudhaan, bakka jireenyaa gaarii argachuuf qusachuun baayyee rakkiisaadha," jedha sagalee konkolaattota riqicha gubbaasaa irraadarbu keessa firaashiisaa irra ciisee.

''Ani duraanuu sagalee konkolaataatti baradheera. Keessattuu guyyaan baayyee dadhabe gale tasumaa hirriba koo na hin jeequ,'' jedhan dabalataan.