Tapha cheeziirratti roobootiin quba daa’ima waggaa torbaa cabse

Dorgommii Cheezii Moskootti adeemsifamaa ture irratti roobootiin harka daa’ima ganna torbaa cabsu maddi oduu Raashiyaa gabaase.

Kun kan mudate torbee darbe yoo tahu, ‘'roobotichi quba daa’imaa cabsee,’’ jechun kan ibsan ammoo Sargee Laazreev, Pireezidantii Federeeshinii Tapha Cheezii Moskooti

Pireezidantichi dabaluunis, ‘’kun ta'uun waan gaarii hin turre,’’ jedhe. Viidiyoon miidiyaa hawaasaa irratti qoodamaa tureen roobootiin mi'a mucaan ittiin taphatu yeroo fudhatu mul’ata.

Daa’imnis taphachuusaa itti fufe, dhumarratti roobootiin qubasaa laqam godhe. Sana booda namoonni afur daa’ima kana gargaaruun erga irraa gadhiisiisaniin booda, isa basaniiru.

Akka Obbo Laazaaree jedhanitti maashiniin kuni kana dura dorgomtoota kaan wajjiin nagaan taphataa ture.

Haata'u malee daa’imini kunis iddoo namoonni kaan wajjin jiranitti dorgommicha xumuruu danda’eera jedhe.