Ronaaldoon garee Waancaa Addunyaa keessaa akka bahu dhaadate oduun jedhu soba - Porchugaal

Kiristiyaanoo Ronaaldoon garee Porchugaal Waancaa Addunyaa hirmaataa jiru keessaa akka bahu dhaadate oduun jedhu soba jechuun Federeeshiniin Kubbaa Miilaa biyattii waakkate.

Barruulen Poorchugaal akka jedhanitti Ronaaldoon tapha nuusa xumuraa Siwizarlaand wajjin taasifame irratti hin akka hin hirmaanne erga itti himameen booda akka bahu dubbate.

Tapha Poorchugaal Kooriyaa Kibbaa waliin taasifte irratti Kiristiyaanoo Ronaaldoo jijjiiramee yeroo bahu miira aarii agarsiisee ture.

Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Poorchugaal, "Turtii Kaataritti taasisaa jiruun Kiritiyaanoo Ronaaldoo yeroon inni garee biyyaalessaa keessaa nan baha jedhe hin jiru," jedhe.

Waancaa Addunyaa dura Ronaaldoon Maanchistar Yunaayitid keessaa walii galteen gadi lakkisuu himeera.

Tapha baniinsaa Poorchugaal Waancaa Addunyaa kana irratti taasifte lamaan irrattuu Kiristiyaanoo Ronaaldoo jijjiiramee dirree keessaa bahe.

Tapha Porchugaal Kooriyaa Kibbaa waliin taphattee 2-1 injifatamte irratti jijjiiramee yeroo bahu miirri inni agarsiise akka itti hin tolle leenjisaan garee biyyaalessaa Poorchugaal Fernaandoo Saantos dubbatanii ture.

Tapha Porchugaal Siwizarlaand wajjiin taasiftee galchii 6-1 mo'atte irratti bakka Ronaaldoo galee kan taphate Gonkaaloo Raamos sadii galche.

Ronaaldoon Porchugaaliif si'a 195 taphatee galchii 118 galchuudhaan taphataa biyyattii dorgomaa hin qabnedha.

"Kiristiyaanoo Ronaaldoo garee biyyaalessaa fi biyyattii keessatti guyyaa kamiyyuu nama waan guddaa gumaachuu danda'uudha, kabajamuutu isaaf mala," jedhe Federeshiniin Kubbaa Miilaa Porchugaal.

"Hangi of kennuu isaa tapha Porchugaal Siwizarlaand mo'atte irratti irra deebiin kan mul'ateedha..." jedhe federeeshinichi.

Mudde 12, 2022 galgala sa'aatii 12 irratti Porchugaal dorgommii nuusa xumuraatiin Morookoo irraa morkii cimaatu ishee eeggata.

Tapha Roobii darbeetiin booda Ronaaldon gareewwan jijjiiraman kaan waliin qophii ispoorti hin goone.