Israa'el keessatti kan mudataa jiru maali, maaliif amma mudate?

Madda suuraa, Reuters
Milishoonni garee Haamaas guyyaa Sambataa hawaasa dhiheenya Sulula Gaazaa keessa seenuun jiraattota irratti ajjeechaa raawwachuun kaan butanii fudhatan.
Waa'ee ummataa fi eddoowwan taateen kun itti raawwate akkasumas taatee kana hubachuuf seenaa duraanii akka asiin gadiitti qindeessineerra.
Haamaas eenyuudha?
Haamaas garee Islaama milishaa Filisxeem kan Sulula Gaazaa bulchaa jirudha.
Haamaas Israa'eeliin barbadeessuuf kan dhaadatu yoo ta'u, erga bara 2007tti Gaazaa keessatti aangoo qabatee kaasee Israa'el waliin waraana hedduu gaggeesseera.
Waraana kanneen jidduuttis, rookkeettiiwwan kumaatama ofiisaatiin ykn gareewwan kaan akka Israa'eelitti dhokaasan godheera.
Haleellaawwan cimaa biraas gaggeesseera. Israa'elis akkasumas haleellaa qilleensaatiin Hamaasiin irra deddeebiin haleellaa turte.
Boodas bara 2007 irraa kaasuun nageenya ofiitiif jechuun Masrii waliin daangaa Sulula Gaazaa cufte.
Haamaas walitti qabaan ykn dameen waraana isaa Israa'el, Ameerikaa, Gamtaa Awurooppaa fi UK akkasumas aanga'oota kaaniin akka garee shororkeessatti farrajameera.
Haamaas ammoo Iraan kan meeshaalee waraanaafi laanjii kenniituunii deeggarama.
Sululli Gaazaa maali?
Sululli Gaazaa Israa'el, Masrii fi Galaana Meeditiraaniyaanii jidduutti dheerina kiloomeetira 41 fi bal'ina daangaa kiilomeetira 10 qaba.
Namoota miiliyoona 2.3f bakka jireenyaa fi bakka namoonni itti baayyiinaan jiraatan kan addunyaa kanaa keessaa tokkoodha.
Israa'el samii qilleensa Gaazaa kan to'attu yoo ta'u, qarqara galaanaa irrattis meeshaaleen eenyuuniifi kamittuu seena jechuun bahaafi gala isaan daangicharratti kan to'attu isheedha.
Masriin ammoo karaa daangaa Gaazaatiin kan bahuufi kan seenu to'atti.
Ummanni Gaazaa harki 70 ta'us deeggarsa idil-addunyaa irratti akka hirkatu UN ni hima.
Isaan keessaayis namoonni miliyoona tokkoo deeggarsa nyaataa guyyaa eeggata.

Israa'eliifi Hamaas maaliif wal waraanu?
Israa'eliifi Hamaas jidduu muddama walitti fufaatu jira.
Garuu ammoo haleellaa Sambata milishootaan raawwatame osoo hin akkeekkachiisin kan mudate ture.
Haamaas rookeettiiwwan kumaatama gara Israa'eliitti kan dhukaase yoo ta'u, loltoonni isaa hedduunis daangaa cabsuudhaan hawaasa Israa'e weeraruun namoota nagaa hedduu ajjeessanii kaan butanii fudhatan.
Israa'el ammoo battalumatti haleellaa qilleensaa haaloo bahuuf raawwatteen eddoowwan milishaa Gaazaa keessarratti xiyyeeffachu himte.
Haleellaan kun hanga ammaa ta'ee kan hin beeknedha?
Gulaalaan Idil-addunyaa BBC, Jarmii Boween akka barreessaniitti, oppareshiiniin kunis isa guddicha Haamaas Gaazaa irraa eegaleedha jedhan.
Akkasumas haleellichi cimaa daangaa qaxxamuraa jaarraadhaan oliif Israa'eel mudateedha jedhan.
Milishoonnis sarara Gaazaafi Israa'el adda baasuun eddoowwan baayyeen cabsan.
Haleellaan cimaan kunis guyyaa yaaddannoo waggaa 50ffaa bara 1973tti Masriifi Siiriyaan waraana hin eegamne guddicha Jidduugala Bahaa keessatti taasisaniin guyyaa tokkoon booda raawwatame.
Barbaachisummaan guyyichaa hoggansa Haamaasiin kan dagatamu miti.
Kun kufaatii cimaa tika Israa'elii?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Eeyyeen, jedha gabaasaa gameessi BBC Firaank Gaardnar. Yaalii qindaa'aa Shiin Beet, basaasa biyya keessaa Israa'el, Moosaad, eejjansii basaasa alaa isaa fi qabeenyaa Humnoota Ittisa Israa'eliin, kun akka dhufuu eenyumtuu hubachuu dadhabuu ykn akeekkachiisa kennaniiru taanaan tarkaanfii irratti fufhachu dhiisuun ajaa'ibsiisaadha jedhe.
Israa'el shakkii tokko malee Jidduugala Bahaa keessatti tajaajila baraasaa/tika baayyee cimaa ta'ee, kan odeeffannoo kannaniifi ergamtoota gareewwan milishaa Filisxeem keessaa akkasumas Libaanan, Siiriyaafi bakkeewwan biraatiin qabaniidha.
Lafarrattis, karaa dallaa daangaa Gaazaafi Israa'el jidduu jiruurratti kaameeraawwan, meeshaaleen sochii lafarraa to'ataniif to'attoonni waraanaa idilee jiru.
Sararri dallaawwan gubbaatti kaa'ameed silaa kan loo'aniin seenuu akka amma haleellaa tibbanaa kana keessatti mudatee kana akka ittisuuf ture. Garuu milishoonni Haamaas haalumasalphaatti cabsuun, muruun qaawwa baafachuun ykn karaa galaanaafi samiirraan utaaluun daangaa israa'el keessa seenan.
Filisxeem maal, taateen kun maaliin isaan wal qabata?
Daangaalee Filisxeen jedhamuun kan beekama Gaazaafi Westi Baank akkasumas Baha Jeerusaalem fi Israa'el hundinu kan erga bara Roomaa kaasee qaama lafa Filisxeem jedhamuun beekamuuti.
Akkasumas Kitaaba Qulqulluu keessatti lafa masaraa Jiwuush kan ture yoo ta'u, Juwushootaan akka mana ganamaa abbootiisaaniitti ilaalu.
Israa'eel bara 1948tti akka biyyaatti kan labsamte yoo ta'u, kanneen mirga Israa'eeliif beekkamtii hin kenniinee ammalleen lafichi kan akka Filisxeemootaatti ilaalama.
Filisxeemoonnis maqaa Filisxeen jedhu akka maqaa Weesti Baanki, gaazaa fi Baha Jeruusaalem hunda hammatuutti ilaalu.
Ittaansee maaltu mudachu mala?
Ajajjaan Hamaas, Mohaammad De'if lammiileen Filisxeem fi Araboonni kaanis akka oppareshinii milshoota waliin dhaabbachuun ''to'annoo Israa'el barbadeessaniif'' gaafate.
Amma gaaffii guddaan Filisxeemoonni Weest Baank fi Baha Jeruusaaleem ykn bulchiinsa biraatti argaman waamicha kana ni fudatuu kan jedhu ta'u dubbata gabaasaan Jeruusaalam BBC Yoolaande Kineel.
Israa'elis waraann addawwan hedduun irratti banamuu akka maluu yaaduu dandeessi. Yoo itti cimes, dursaan Haamaas garee milisha Leebaanoon cimaa, Heezboolaah arkiisee galachuu danda'a.
Waraanni Israa'el tarkaanfiiwan loltootaa hedduu ajajeera. Haleellaa qilleensaa cimaa Gaazaa irratti raawwatulleen, oppareeshinii lafoos gaggeessuuf karoora qabaachu beeksiiseera.












