Basaastonni Israa'eel attamiin haleellaa cimaa oolchuu dadhaban?

Basaastoota Israa'eel

Madda suuraa, Reuters

''Taateen kun attamiin mudachuu akka danda'e ammatti homaa hin beeknu,'' jedhan qondaaltoonni Israa'el.

Qondaaltota Israa'eeltu gaazexessaa BBC kaleessa, ''basaastoonni biyyattii attamiin haleellaan akkanaa raawwachuuf akka jiru hin bariin hafan?'' jedhamuun wayita gaafatamanitti ture deebii kana kan kennan.

Wayita rookkeettiiwwan kumaatamni Gaazaa irraa gara Israa'eeliitti dhukaafamaa tureettis, hidhattoonni Paalestiin hedduun daangaa Israa'eliifi Gaazaa jidduu qaxxaamuruu danda'anii ture.

Yaaliiwwan qindoomina Shiin Beet, basaasaa biyya keessa Israa'eel, Moosaad, ejjansii basaasa isaa alaa fi humnoonni Raayyaa Ittisa Israa'eel hundi, kun mudachuuf akka jiru walaallunsaanii baayyee ajaa'ibsiisaadha.

Yookanis kan beekan yoo ta'e, tarkaanfii irratti fudhachuu dadhabaniiru.

Israa'eel Jidduugala Bahaa keessa biyya tajaajilawwan basaasa baayyee deegaramuufi cimaa akka qabdu beekamaadha.

Isaanis gareewwan milishaa Paalestiin akkasumas Lebaanoon, Siiriyaa fi bakka hedduudhaan bakka bu'ootaafi kan odeeffannoo kennuuf qabu.

Kanaan duras, sochiisaanii itti dhiheenyaan hordofuun dureewwan milishaa dursuudhaan ajjeesaa turan.

Yeroo tokko tokkoos kun erga eergamaan isaanii konkolaataa mana barbaadamu irratti GPS hordofu kaa'een booda, haleellaa dirooniitiin raawwatama. Kanaan dura yeroo muraasa ammoo bilbila mobaayilii dhohuutti fayyadamaniiru.

Lafarratti ammoo, dallaa cimaa daangaa Israa'eliifi Gaazaa jidduu biratti kaameerrawwani, meeshaalee sochii lafoo adda baasaniifi to'attoonni waraana idilee jiru.

Dalaanni gubbaadhaan sararaan dalleeffamees, loo'anii seenuun akka haleellaa har'aatiin raawwatame kana dhorkuudhaaf ni dandeessisa jedhamee eegama ture.

Haata'u malee milishoonni Hamaas cabsanii keessa bahuun, sarara muruudhaan qaawwa baafatanii ykn karaa galaanaa fi Paaraaglideritiin Israa'eel keessa galan

Funyaan Israa'el jala taa'udhaan rookeettiiwwan kumaatama kuufachuu fi dhokaasuu dabalatee, qophii wal xaxaa akkasii qopheessuu fi raawwachuun Hamaasiin oppareshinii tikaa sadarkaa addaa hin baramneetu fudhachu qabaata.

Nama dhaabbatee ibiddicha ilaalu

Madda suuraa, Reuters

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waggaa 50ffaa haleellaan diinoota Israa'el yeroo sanaairratti itti raawwatame kan waraana Yoom Kiipuutii Onkolooleessa 1973 irratti kun attamiin mudachuu danda'e jechuudhaan, miidiyaaleen Israa'eel waraanaa biyyattiifi dureewwan siyaasaa gaaffii yoo gaafatan kan baayyee nama dinqu hin ta'u.

Qondaaltoonni Israa'e qorannoo fi gaaffiiwwan gurguddaan gaggeeffamuu eegaluu himuun, kunis kan ''waggootaaf gaggeeffamudha'' jedhan.

Ta'us Israa'ee amma dhimmoota atattamaa duree kennituuf qabdutu jira. Amma kanneen daangaa kibbaa ishee cabsuun seenan to'achuufi milishoota Hamaas miseensoota hawaasaa hedduu gara dallaa daangaa Israa'eeliin turan to'atan harkaa baasuu qabdi.

Karaa ergama baraara waraanaatiin ykn karaa mariitiin dhimma lammiilee ishee kenneen butamaniif furmaata barbaadu qabdi.

Akkasumas eddoowwan rookkeettiin irraa gara Israa'eeliitti dhukaafamanis barbadeessuuf ni yaalti ta'a, kana jechuunis sababii akeekkachiisa xiqqoodhaan bakka hunda jedhamu irraa dhukaafamuuf, ta'u hindanda'amne (whack-a-mole) fakkaata.

Kanaaf, ammatti tarii dhimmi Israa'eeliif dhiphisuu olaanaan kanadha: attamiin waamicha waraanaa Hamaasiif kaan deebii akka hin kenniine dhaabuu fi haalli kun gara Weest Baankiitti akka hin dabarre akkasumas tarii kun loltoota Hiizibollaah baayyee hidhatan akka daangaa qaxxaamuruun gara kaaba Liibaanoos keessa seenan harkisuu ta'aa laata? kan jedhu.