Tiraamp hanga yoonaa waraana meeqa dhaabsisan?

Pirezidant Doonaald Tiraamp waltajjii asxaa Waayit Haawus qabu qabatanii dhaabbatu, barreeffami ''nagaa adamsuu'' jedhu duubaan jira.

Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp Raashiyaa fi Yukireen walitti araarsuuf jaarsummaan gidduu galanii wayita jiran kanatti, erga marsaa lammataaf pirezidantii ta'anii mariiwwan nageenyaa milkeessan tarreessaa jiru.

Wiixata darbe gaafa Adoolessa 18, 2025 Waayit Haawusitti wayita haasaa taasisan ''waraanni ja'a akka dhaabbatu taasiseera. Kana hunda jecha 'dhukaasa dhaabuu' jedhu osoon lafaa hin kaasinan milkeesse,'' jechuun of saadan.

Guyyaa itti aanu ammoo lakkoofsi waraana dhaabsisanii ''torba'' ta'uu ibsan.

Bulchiinsi Tiraamp Badhaasi Noobelii Nagaa- Nobel Peace Prize ''abbaa nageenyaa- kan nageenya milkeessuun dorgomaa hin qabneef'' kennamuun kan irra ture yeroonsaa qaata'' jedhee ture.

Kanaafis waraana hanga ammaa Tiraamp dhaabsisan tarreesse.

Waraanni gariin muddamaa fi qoccollaa yeroo dheeraa booda eegalanis guyyoota muraasa kan fudhatanidha.

Waliigalteen dhukaasa dhaabuu fi nageenyi Tiraamp milkeessuu himatan kunneen hangam akka turanis ifa miti.

Tiraamp waa'ee waraanaa fi walitti bu'iinsa dhaabsisuu wayita miidiyaa hawaasummaasaanii Truth Social irratti barreessan jecha ''dhukaasa dhaabuu- ceasefire,'' jedhu keessaa hin hambisan.

BBC Verify haalli waraanota kunneenii akkam akka turee fi dhaabsisuu keessatti dhugumatti ga'een Pirezidant Tiraamp hangam akka ture ilaaleera.

Waraana Israa'el fi Iraan

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waraanni guyyaa 12f ture Waxabajjii 13, 2025 wayita Israa'el haleellaa qilleensaa Iraan irratti raawwattu eegale.

Haleellaan eegalamuuf akka jiru dursanii Ministira Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu irraa dhagahuu Tiraamp mirkaneessanii turan.

US buufataalee nukilaraa Iraan haleeluun waraanicha keessatti hirmaatteetti.

Waxabajjii 23 Tiraamp akkas jechuun barreessan: ''Iraan dhukaasa dhaabuu ni eegalti, sa'atii 12 keessatti. Israa'elis dhukaasa ni dhaabdi, sa'atii 24 keessatti. Waraanni guyyaa 12 haala kanaan ni dhaabbata.''

Garuu dhukaasi erga dhaabbatee booda Hoogganaa Olaanaan Iraan as ba'uun ''injifannoo akka argatan'' ibsan, waa'ee waliigaltee dhukaasa dhaabuu hin kaasne.

Ergasii Israa'el sodaachisaa fi doorsisa dhufuu malu qolachuuf haleellaa gaggeessuu akka dandeessu akeekteetti.

Dhaabbata falmiin yaadaa fi imaammati siyaasaa keessatti keessummeeffamu Brookings Institution jedhamu keessa kan hojjetu Mikaa'el O'Hanlon ''Waliigaltee nageenyaa dhaabbata ta'erra hin geenye. Gabbisi nukilaraa Iraan akkamiin akka to'atamurrattis akkasuma,'' jedhe.

''Kanaafuu kan ta'e waliigaltee waraana sana dhaabuu osoo hin taane akkanumaan dhukaasa dhaabuurratti wal taaneerra kan jedhu qofatu ture. As keessatti Tiraamp ga'ee qaba, Israa'eliin gargaaruun akka Iraan dhadhabsiistu gochuun tarsimoo tokko ture.''

Paakistaan fi Indiyaa

Waggootaaf biyyoota nukilara hidhatan kunneen gidduu muddamni hamaan tureera.

Caamsaa darbe garuu haleellaa kutaa Kaashimiir bulchiinsa Idiyaa jalatti bultu irratti raawwatameen waraanni ka'e.

Haleellaa guyyootaaf ture booda Tiraamp Indiyaa fi Paakistaan ''hatattamaan dhukaasa dhaabuu'' irratti waliigalaniiru barreeffama jedhu maxxansan.

''Ameerikaan halkan guutuu biyyoota lameen waan mariisifteef nageenyi bu'e,'' jedhan Tiraamp.

Paakistaan dhukaasi kun dhaabbachuusaatti Tiraampiin galateeffatetti. Boodarras ''giddu seentummaa dippiloomaasii murteessaa ta'e'' kanaaf Badhaasa Noobelii Nageenyaa argachuu akka qaban yaada dhiheessiteetti.

Indiyaan ammoo ga'ee US haasaa nageenyaa kana keessatti ba'atte galata dhabsiisteetti.

''Mariin dhukaasa dhaabuu kallattiidhaan biyyoota lameen gidduutti gaggeeffame, qaamni biraa dhiibbaa uume hin jiru,'' jedhan Ministirri Dhimma Alaa Indiyaa Vikiraam Misirii.

Ruwaandaa fi Rippaabilika Dimokiraatawaa Koongoo

Muddamni biyyoota lameen gidduutti yeroo dheeraaf ture, wayita hidhattoonni M23 dachee albuudaan badhaatee fi baha Rippaablika Dimokiraatwaa Koongootti argamtu qabatan waraanatti geeddarame.

Waxabajjii darbe biyyoonni lameen Waashigitan DCtti argamuun walitti bu'iinsa waggoota kurna hedduuf ture xumuruuf waliigaltee nagaa mallatteessan.

Tiraamp yeroo sana waliigalteen kun US fi biyyoota kunneen gidduutti daldalli akka dabalu taasisa jedhanii turan.

Duraan Hagayya 2024 Ruwaandaa fi Ribbaabiliki Dimokiraatawaa Koongoo ''dhukaasa dhaabuun haa kabajamu- respect for the ceasefire '' kan jedhurratti walta'aii turan.

Hidhattoonni M23 Ruwaandaa waliin hidhata qabu jedhamu

Madda suuraa, Getty

Ibsa waa'ee suuraa, Hidhattoonni M23 Ruwaandaa waliin hidhata qabu jedhamu

Ergasii biyyoonni lameenuu waliigaltee kana cabsuudhaan wal himataa turan.

US fi UKn mootummaa Ruwaandaa waliin hidhata qabu kan jedhaniin hidhattoonni M23 waliigaltee kana cabsuuf doorsisaa turan.

Yuniversitii Oksiforditti Pirofeesara Seenaa kan taate Maargaareet Maakmiilaan ''ammallee Ruwaandaa fi Koongoo gidduu lolatu jira. Kanaafuu waliigalteen dhukaasa dhaabuu sun abadan kabajamee hin beeku,'' jette.

Taayilaand fi Kaamboodiyaa

Adoolessa 26 Doonaald Tiraamp akkas jechuun miidiyaa hawaasummaa isaanii Truth Social irratti barreessan: ''Dhukaasi akka dhaabbatu, waraanni balaafamaan akkaan babal'ataa jiru amma akka xumuramu Ministira Muummee Taayilaand nan gaafadha.''

Guyyoota booda biyyoonni lameen ''haal-duree tokko malee dhukaasa dhaabuurratti,'' waliigalan

Haala kanaan biyyoonni kunneen lola daangaarratti guyyoota torban hin guunneef gaggeeffamaa ture dhaaban.

Maleeshiyaan marii dhukaasa dhaabuu sana gaggeessite. Tiraamp Taayilaand fi Kaamboodiyaan waraana hin dhaaban taanaan qaraxa akka dabalan akeekkachiisan.

Diinagdee biyyoota lamaaniif oomishi isaan gara Ameerikaatti ergan utubaadha.

Taayilaand fi Kaamboodiyaan Hagayya 7 nagaa buusuun daangaarratti muddamni akka salphatu gochuurratti waliigalteerra ga'an.

Armeeniyaa fi Azarbajaan

Biyyoonni lameen Hagayya 8 nagaa buusuurratti waliigalan. Aanga'oonni biyyoota lameenii erga Waayit Haawusitti waliigaltee mallatteessanii booda Doonaald Tiraamp Badhaasa Noobeelii Nagaa argachuu qabu jedhan.

"As keessattis qooda guddaa qabu jedheen yaada. Waliigalteen Waayit Haawusitti raawwatame biyyoonni lameen gara nagaatti akka deeman dhiibbaa uumeera,'' jedhe Aab O'Hanlon.

Bitootessa darbe mootummoonni biyyoota lameenii waldhibdee waggoota kurna afuritti siquuf ture xumuruuf qophii ta'uu ibsanii turan.

Waraanni balaafamaa Armeeniyaa fi Azabajaan gidduutti kan dhalate Fulbaana 2023 ture.

Hagayya darbe Tiraamp Pirezidantii Azarbajaan fi Ministira Muummee Armeeniyaa Waayit Haawusitti affeeran

Madda suuraa, Getty

Ibsa waa'ee suuraa, Hagayya darbe Tiraamp Pirezidantii Azarbajaan fi Ministira Muummee Armeeniyaa Waayit Haawusitti affeeran

Itoophiyaa fi Masrii

Biyyoonni kunneen gidduu waraanni pirezidantichi xumuran hin jiru. Waraanniyyuu hin turre.

Garuu laga Naayil irratti dhibdee fi muddama yeroo dheeraa keessa jiru.

Keessattuu erga pirojektiin humna ibsaa Afrikaa keessatti isa guddicha ta'e Hidhi Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa eegalamee Masiriin himannaa dhiheessaa jirti.

Pirezidant Tiraamp sababa pirojektii kanaan Masiriin miidhamuushee cimsanii falmaafii turan.

''Anis osoon Masirii ta'ee bishaan sun akka yeroo hunda laga Naayil keessa jiraatun barbaada,'' jedhan Tiraamp.

US hatattamaan dhimma kana akka furtu waadaa seenanii turan Tiraamp.

Yaada Tiraamp dhiheessaa turan Masiriin akka gaariitti simatte, qondaalonni Itoophiyaa garuu muddama jiru hammeessa jechuun kuffisaniiru.

Hanga ammaatti garaagarummaa Itoophiyaa fi Masirii gidduutti mudate furuuf waliigalteen irra ga'ame hin jiru.

Sarbiyaa fi Kosoovoo

Waxabajjii 27 Tiraamp yaada kennaniin biyyoonni lameen waraanatti akka hin seenne gochuu ibsan.

''Sarbiyaa fi Kosoovoon waraana guddaatti deemaa turan. Animmoo waraanatti seennaan US walii daldalli hin jirun jedheen. Isaanis tole jedhanii waraanatti seenuu dhiisan,'' jedhan Tiraamp.

Biyyoonni lameen waggootaaf waldhibdee keessa turan. Waraanni Balkaan bara 1990oota keessa ture biyyoota kunneen biraa hin hafne.

Dhiheenya kanammoo muddamni daran hammaateera.