Swiidinitti Quraanni gubachuu hordofee miseensummaa NATO'f hin tumsu jedhan Erdohaan

Magaalaa Istookhoolmitti mormiin godhamee, Quraanni gubachuu guyyoota booda pireezidantiin Tarkii Tayiip Erdohaan Swdiin miseensummaa Nato'f tumsa isaanii akka hin arganne himan.

Swidiin erga Yukireen Raashiyaan weeraramtee booda miseensa Nato ta'uuf iyyata kan galfatte ta'us, gaaffiin ishee dursitee miseensa kan taate Tarkiirraa hayyama argachuu qabdi.

Guyyoota dura garuu warri Kurdii Swiidin jiraatan hiriira bahan irratti fakkii Erdohaan fannisanii Quraanas gubaniiru.

Erdohaan gocha kanaaf deebii yoo kennan ''Swiidin Nato'f nurraa tumsa eeguu hin qabdu'' jedhan.

''Embasii biyya keenyaa fuula duratti waanta biyya qaanessu akkasii warri raawwatan iyyata isaanii ilaalchisee nurraa deebii gaarii hin eegan.''

Hiriira mormii Sanbata xiqqaa kan Quraanni irratti gubateef aanga'oonni biyyattii dursanii hayyama kennaniiru. Garuu Quraana gubuu kan ilaallatu miti.

Erdohaan hiriira gartuun warra Danish Party qopheessan kana yaada ofii bilisaan ibsachuu osoo hin taane maqaa rabbii yakkuudha jechuun balaaleffatan.

Mootummaan Swiidinis mormii kana balaaleffateera.

''Swiidiin bilisummaa yaada ibsachuu daangaa balaa qabu qabdi, garuu ammoo mootummaan Swiidinis ta'e ani yaada ibsame hin deeggarru'' jedhan Ministirri Haajaa Alaa Swidiin Tobiyaas Biilistoorm.

Yaada Erdohaan kennan irrattis kan dubbatan Ministirichi yaada dabalataa kennuu isaaniin dura wanta Erdohaan jedhan haala hubachuun narra jiraa jedhan.

''Swiidiin dhimma miseensummaa Nato irratti Finlaandi fi Tarkii waliin ta'uun waliigaltee amma dura raawwatan ni kabajji'' jedhan.

Swidiin Finlaand waliin ta'uuni erga Raashiyaan Yukireeniin weerartee booda miseensumma aNato'f iyyata kan galfatte. mormiin kun garuu dubbii ballessaa jira.

Barreessaa Olaanaan Nato Jeens Staaltenberg miseensota Nato gidduutti bilisummana yaada ibsachuu ''meeshaa gatii qaaliiti'' gochoonni akkasii sirrii ta'uu baatanis ''atattamatti ammoo seeraan ala hin jedhamu'' jedhan.

Biyyi uummatni ishee Musliimaa Tarkiin mootummaan Swiidiin mormii kanaaf hayyama kennuun ''gonkumaa fudhatama kan hin qabne'' jechuun mormite.

''Namni kamuu Ergamoota xureessuuf mirga hin qabu'' jedhan pireezidant Erdohaan ergaa Wiixata gama Televizhiniin dabarsaniin.

''Yeroo waa jennu, onneerraa jenna, yeroo namni wayii kabaja nu dhorkatu ammoo iddoo isaaniif malu keenya.''

Ministirri Ittisaa Taraki Hulusii Akaar daawwannaa gitni isaanii Swiidiin gara Ankaaraatti gochuuf turan haquu beeksisaniiru. Sababni ammoo mormii jibbisiisaa gaggeefame irratti tarkaanfiin fudhatamee waan hin argineefi''jedhan.

Imalli Ministira Swiidiin kanaa mormii jabaatee ture laaffisee hayyama Tarkiirra aeegamus ni kennisiisa jedhamee abadatamee ture.