Dura ta'aan TPLF Tigraayitti filannoon hatattamaan akka gaggeeffamu gaafatan

Dabratsiyon Gabramikaa'el

Madda suuraa, DW

Dura ta'aan TPLF Dabratsiyon Gabramikaa'el, Tigraay keessatti filannoon ''hatattamaan'' akka gaggeeffamu gaafatan.

Aanga'aan siyaasaa kun ergaa karaa miidiyaa hawaasummaasaniin dabarsaniin, akkaataa waliigaltee Piriitooriyaatiin mootummaan ce'umsaa ji'a ja'aa hanga waggaa tokkoo qofa waan turuuf filannoon dafee gaggeeffamuu qaba jedhan.

''Akkaataa mirga seeraa ofiin of bulchuutiin dafnee gara filannootti seenuu qabna,'' jedhan Dr. Dabratsiyon.

''Mootummaan ce'umsaa yeroo waliigalteedhaan kaa'ame keessatti aangoosaa goolabuun gara nama sagalee uummataan filatameetti dabarsuu qaba,'' jedhan

Uummanni Tigraay hoogganaa ofiisaaniin filataniin buluu qabu jedhan aanga'aan TPLF kun.

''Caasaan bulchiinsaa TPLF bakka duraa hin jiru. nageenyaaf jecha diigameera. Uummanni Tigraay nama fedhiisaaniin filataniin buluu qabu. TPLF yoo bulchuu baatellee.''

Yaada hoogganaan TPLF dhiyeessan kanarratti bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay hanga yoonaa homaa hin jenne.

Waraana waggoota lamaaf Tigraay keessatti gaggeeffame karaa nagaan furuuf TPLF fi mootummaan federaalaa Sadaasa darbe waliigaltee nagaa Afrikaa Kibbaa Piriitooriyaatti mallatteessaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Naannoo Tigraayitti hanga filannoon gaggeeffamutti bulchiinsa yeroofii hundeessuun, bulchiinsi kunis mootummaa federaalaan akka mirkanaa'u gochuun dhimmoota irratti waliigalaman keessaa isa ijoodha.

Waliigalteen kun hojiirra oolfamuurratti barfateera jedhamuun komiin ka'aa turus, Ministirri Muummee Abiy Ahmad Bitootessa 23, 2022 Obbo Geetaachoo Raddaa Pireezidantii bulchiinsa yeroo mootummaa naannoo Tigraay gochuun muudan.

Muudamni Ministirri Muummee Abiy kennan kunis, Koreen Giddugaleessaa TPLF Obbo Geetaachoon Pireezidantii bulchiinsa yeroo naannoo akka ta'aniif erga filatee torban tokko booda raawwate.

Obbo Geetaachoo Raddaa erga pireezidantii bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay ta'anii booda sirna jalqabaa Ebla 05, 2023 Maqaleetti taasisaniin kaabinee miseensota paartii mormitootaa of keessatti hammate muudaniiru.

Sirnuma kanarratti bulchiinsi naannichaa Dr Dabratsiyoon Gabramikaa'eliin durfamaa ture aangoo gara Obbo Geetaachoo Raddaattti dabarseera.

Bulchiinsi yeroo hanga naannichatti filannoo mana maree naannoofi paarlaamaa federaalaa Boordii Filannoo Biyyaalessaan hoogganamu taasifamutti aangorra tura.

Guyyaan kuni taasifamu garuu adda hin baane.