Du'a hogganaa isaan booda hireen garee Waagneer maal ta'a?

Vilaadmiir Putiiniifi Yevgeeny Prigoozhiin

Madda suuraa, Reuters

Yevgeeny Prigoozhiin, kan amma balaa xiyyaaraan lubbuun isaa akka darbe gabaafame garee hidhattootaa amma addunyaan beeku ijaaruuf gara waggaa 10'itti fudhateera.

Gareen waraanaa inni ijaare, Waagneer, waraana Raashiyaan Yukireen keessatti bante keessatti hiree olaanaa taphachaa ture.

Addunyaa irrattis loltootni isaa biyyoota Afrika fi Gidduugala Bahaa keessatti bobbo'uun dhiibbaa Raashiyaan barbaadduu uumaa jiru.

Amma balaa xiyyaaraan du'uun isaa gabaasamuu booda hireen garee kanaa gaaffii keessa galeera.

Qondaaltotni nageenyaa biyyoota Lixaa bakka isaa eenyu hoogganaa ta'ee akka dhufuufi hidhattootni inni hoogganaa turee akkam akka ta'an gaaffii itti ta'eera.

Amma eenyutu Waagneriin hooggana?

Inistitiyuutii Rooyaal Yunaayitiid Servisiis(Rusi) keessatti qorattuu kan ta'an Doktar Huwaan de Dewuus Periiyeraa yaada BBC'f kennaniin duutii Prigoozhiin garee hidhattoota inni ijaare haaromsa wayii keessa akka galan ni dirqisiisa jedhu.

Haata'uyyuu malee hoijin milishoota Waagneer haaluma amma dura baratameen itti fufuu akka danda'u dubbatu.

''Dhaabbatichi tarii maqaa biraatiin itti fufuu mala garuu ammoo haalota jijjiiramanitti madaquufi muuxachuu akka danda'u agarsiisera'' jedhan.

''Waagnariin ilaaluun kan sirrii ta'u akka sirnaaakkoo tokkootti male akka nama tokkootti miti. Qaama matootni hedduun keessa jiraaniifi Afrikaa keessatti fedha adda qabaniitti'' jedhu.

Atilaantiik Kaawunsiil dhaabbata jedhamutti xiinxalaa dhimma nageenyaa kana ta'e Ruslaa Traadis yaada doktar Huwaaniin waliigala.

Akka ogeessi kun jedhutti, du'a Prigoozhiin duuba namni dhaabbata tajaajila tika waraana biyyattii (GRU) waliin hariiroo qabu bakka buufamuu akka danda'u BBC'tti hime.

Rakkinni isaa garuu Putiin nama qabeenya qabuufi hidhattoota kana danda'u akkasumas siyaasaa isaaf yaaddoo hin tane argataa kan jedhuudha jedha.

Prigoozhiin nama humna maallaqaa sana gochuu danda'u qabu turee kan jedhu Ruslaan, abbaa qabeenyaa kan biraa barbaaduun akka itti jiru hima. Namni haaraan dhufu nama Putiinitti dhiyaatu ta'uu mala jedha.

Gaazexessaa Benooyit Biriingeer, waayee ka'umsa Waagnar irratti dokimentarii hojjeteera. Namni amma bakka Prigoozhiin dhufu GRU keessatti janaraala kan ta'e Andreey Averyaanoov ta'uu dand'aa tilmaama jedhu kenneera.

''Putiin suuta ce'umsa kana raawwachuuf yeroon isa barbaachisa. Prigoozhiin dhabamsiisuuf maaliif ji'oota lama akka fudhateefis kun agarsiistuudha'' jedha.

Ogeeyyiin kaanis namni itti aanee garee hidhattootaa guddaa kana hoogganu nama Kireemliin filte eebbise ta'a jedhu.

Hireen hidhattoota Waagneer, Yukireen, Belaruusiifi Afrikaa jiranii akkam ta'a?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhaabbata Rusi keessa kan hojjettuu Emilii Feerriis waraana Raashiyaan Yukireen keessatti gaggeessuu keessatti hirmaannaan Waagneer olaanaa ta'ee jiru ammaan boodas hedduu hin jijjiiramu tilmaama jedhu qabdi.

Erga fincila Prigoozhiin booda hidhattootni Waagnaar hedduun Yukireen keessaa baafamanii gariin Belaruus, kaanis achuma Raashiyaa keessa jiruu jetti xiinxaltuun kun.

Loltootni Waagneer 8,000 ta'an Belaruus kan qubatan yeroo ta'u, yeroo gabaabaa keessattis gara Yukireen waan deebi'an mitii jetti.

BBC'n suuraalee saatalaayitii irraa argateen kaampiiwwan hidhattootni kun Belaruus bakka Osipovichi jedhamutti ijaarratanii keessa buufatanii turan hedduun diigamuu hubateera.

Akkuma hireen loltoota Wagneer Raashiyaa keessa jiraanii gaaffii kaase kanneen biyyoota alaa adda addaa keessa jiraniis akkasuma.

Gareen kun imaammata Haajaa Alaa Raashiyaa keessatti gahee guddaa taphachaa ture. Siiriyaa, Maalii Rippaablika Giddugaleessaa Afrika fi Liibiyaa keessatti fedha Raashiyaa kabachiisuuf socho'a.

Dhiyoo kana Prigoozhiin Lixa Afrikaa akka ture amanama. Warri Lixaa qondaalli kun Nijeer biyya fonqolcha mootummaa gaggeessitee fi kaan keessattis dhiibbaa Raashiyaa babal'isuuf yaalaa jira jechuun shakkii irraa qabu.

Gariin xiinxaltootaa mootummaan Raashiyaa dhiibbaa gama kanaa biyyoota irraan gahu xiinxaluuf yeroo fudhata yeroo jedhan, kaan ammoo humni garichaa bakka adda addaatti waan socho'uuf Afrikaa keessaa fedha Raashiyaan qabdu itti fufsiisuuf fedha ni qabaatti jedhu.

Erga fincila Waxabajjii darbeetii qondaaltotni mootummaa Raashiyaa gara Liibiyaa imaluun hireen Prigoozhiin waan fedheyyuu yoo ta'e deeggarsi gareen Waagneer Janaraal Kaliifaa Haftaariif godhan akka itti fufu mirkaneessaniiru.

Ruslaan akka jedhutti biyyoota Afrikaa keessatti humni waraanaa Waagneer humnoota waraana kaan waliin sirriitti waliigalee akka jiru ibsa.

Maaliifi Rippablikaa Giddugaleessa Afrikaa keessatti bilisummaadhaan sochuu jedha.

Kunis du'a Prigoozhiin booda hedduu waan jijjiiramu hin ta'uu jedhu xiinxaltootni.