Shimbirroo 'jaalalaaf' abaaboo kennuu hanga man'ee faayaan miidhagsuutti

Madda suuraa, Getty Images
Shimbirroonni jaalala beekuu? Jaalallee tokkoon murtaa'anii turuu danda'uu?
Addunyaa jaalalli balali'uutti, daangaa shimbirroonni to'atanirraa odeessi hawwataa tahe jira.
Nooh Istiriikar, gaazexaa barruu simbirrootaa (Birding Magazine) jedhamu irraa gulaalaa tahuun hojjeta.
Shimbirroowwan hariiroo jaalalaa dheeraa: waggaa tokko gara isa lammataatti ce'u qaban kanneen qaamaan guddaa tahaniifi yeroo dheeraa jiraatani dha.
Isaanis kanneen akka Urunguu, daakiyyee fi penguwiin faa'a dha.
Sanyiin shimbirroo albaaxiroos jedhamtu ammoo akkuma addunyaattuu jaalallee tokko wajjin yeroo dheeraa turuun beekamti.

Madda suuraa, Getty Images
Wal-hawwachuu
Shimbirroon Waakswiing jedhaman yeroo inni kormaa ishee dhalaa jaalatu abaaboo ykn firii mukaa fideefii dhufa.
Peengiwiiniin ammoo dhakaa xixiqqoo boca geengoo qabdu qarqara galaanarraa fuudhun walii kennu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gosti shimbirroo Albaatiroos jedhaman ammoo jaalallee tokkotti murtaa'anii turuun yeroo, yerootti daansii waggoota fudhatu walitti agarsiisu.
Kunis sirna hawwannaa baayyee wal-xaxaa tahe qaba.
Shimbirroon Awustiraaliyaa fi Niiw Giinii keessa jiraatan kan Boowarbard jedhaman ammoo, warri kormaa naannoo man'ee isaanii wantoota halluu cuquliisaa qabaniin bareechuun shimbirroo ishee dhalaa hawwachuutiin yeroo dabarsu.
Gosti shimbirroo Siiks Pilaamidjedhamu bosona Niiw Giinii keessatti hawwataa tahee mul'achuuf dhama'a. Baala lafatti harca'e tokko tokkoon funaana naannoo qulqulleessa.
Dhumarratti gogaa bofaa fayyadamuun muka shimbirroon irra teessu qulqulleessa. Warri simbirroo kana qoratan gariin dhalaa hawwachuufi yoo jedhan kaan ammoo diina arii'uufi jedhu.
Agarsiisa dhiyeessuuf jedhuuf waltajjiinsaa sirriitti qulqulluu tahuu qaba.
Agarsiisa dura waltajjii firii mukaa diddimoodhaan barechuun shaakalatti gala.
Kana hundumaa kan godhu dhalaa hawwachuun qunnamtii saalaa raawwachuufidha.
Gosti daakiyyee Kilaarkis Gerbiis jedhaman ammoo jaalallee yoomiyyuu irraa adda hin baane dha, garuu jaalallee isaanii qoruu barbaadu.

Madda suuraa, Getty Images
Kanas sochii daansii isheen dhaltuu yeroo hunda raawwttu akka walii inni kormaa akka waliin socho'u affeertiin.
Hariiroo isaanii cimsachuuf jecha inni dhiiraa qurxummmi bishaan keessa fuudhuun akka kennaatti dhiyeessaafi.
Kana hunda bishaanumarra tahaniitu raawwatu. Bishaan wal-irratti facaasaa wal-taphachiisu.
Gosti simbiraa Noodii jedhaman ammoo wal-cinatti samiirra fagaatanii balalii'uun hariiroo isaan jabeeffatu. Yeroo mukarra qubatan mataa isaanii oliifi gadi gochaa wal-hawwachuu yaalu.
Amma jaalalli akka dagaaguufi inni dhiiraa meeshaalee man'ee itti ijaaran funaana. Yeroo kana dalagutti of eeggannoodhaan meeshaalee kana filachuu qaba. Sababiinsaas ishee dhaltuu simbira salphaatti gammaduu dandeessu miti.
Marga dhedheeraa yoo dhaqteef wucii isaanii dhaltuuf mana ijaaruufi. Gosti simbirroo Noodii waqtii tokkoo isa kaanitti walumaan wajjin turu.
Shimbirrootaaf akkauma wal-jaalachuu wal-hiikuunis jira. Akkatti wal-hiikan ammoo akkuma namaati.
Yeroo waqtoiin man'ee isaanii ijaarrachuun gahutti haalli waliin jiraatan yoo hin tolle warreen waggaa dhaa waggaatti waliin jiraatanillee otoo hin hafiin kara karaa isaan qajeelu.












