Namichi reeffa waggaa 600 - 800 ture ‘jaalalleekoo hafuuraati jechuun mana kaa’aa ture qabame

Poolisiin sakatta'aa idileee irratti reeffa mamii argate

Madda suuraa, Reuters

Poolisiin Peeruu korojoo nama hojii mi'a deddeebisuu irratti bobba’e keessaa reeffa nama durii mala mamiidhaan tursiifame argate.

Korojoo cabbaa’aa keessaa ture reeffi nama durii kun kan argame.

Namni kunis reeffa durii kana wajjin akka jiraachaa tureefi ‘’jaalalleesaa hafuuraa akka taaatetti,’’ akka yaadus dubbateera.

Haftee reeffaa kana kan inni korojoosaa keessa kaa’ees hiriyyootasaatti agarsiifachuuf ta'u dubbatta.

Reeffa kanas ''Juwaanitaa’’ jechuun maqaa masoo baaseefi manasaa, saanduuqa keessa TV bira akka kaa’us dubbata. Mamiin kun duraan kan abbaasaa akka ture himus, abbaansaa eessaa akka fide garuu hin himne.

Akka ogeessonni jedhanitti, reeffi kun waggaa 600-800 kan turedha. Kana malees reeffichi akka namni mana kaa’e jedhu dubartii osoo hin taane dhiira.

Namni reeffisaa mala mamiidhaan tursiifame kun yeroo du’etti nama ganna 45 fi kan meetira 1.5 dheerata ture jedhameera.

Mamiin kun akka daa’ima garaa keessa jiruutti kan maramee kan awwaalame yoo tahu, naannoo sanatti bara koloniin dura namoonni haala kanaan awwaalamu ture.

Reeffa mala mamiidhaan akka turu gochuun aadaa garaagaraa keessatti kan barame ture. Kolonii Ispeeniin dura hawaasni sirna mamii erga raawwateen booda ni awwaalcha raawwata, reeffi kunis yeroo jilli garaagaraa jiraatu gadi baafamu ture.

Poolisiin reeffa korojoo nama kana keessaa argate ministeera aadaa Peeruuf kenneera.

Namni reeffa kana gara mana hiryyootasaattii yeroo geejibaa ture qabame, nama ganna 23-26 tahu yoo yakka aadaa Peeruu irratti raawwachuun shakkamee qoratamaa jira.