'Reeffa abbaakoo Feesbuukii irratti maxxansameen arge'

Madda suuraa, FISEHA ADUGNAW MINTESNOT
Bara 2018 Mootii Darajjee barataa Yuunvarsiitii Finfinnee ture. Akkuma durii isaa odeeffannoo haaraa hiriyyootaa fi maatii ilaaluuf Feesbuukii isaa bana.
Yeroo sana Mootiin barataa ganna 19 ture. Haa tahu malee, dubbiin akka eege osoo hin taane waan akka malee rifaasisaa fi naasisaa tahee arge.
''Kutaa odeeffannoo Feesbuukii koo irra deebiin yoon banu, reeffi abbaakoo lafatti kufeen arge,’’ jechuun sagantaa poodkastii BBC The Combtti hime.
Suuraa akkasii suukaneessaa arguun kanneen miidhaman Mootii qofa miti, garuu abbaan isaa ajjeefamuu haala kanaan ture kan arge.
''Yeroo sanatti naasuudhaan nan hadoode, akka malee waan na rifachiise ture,’’ jedhe.
Waggoota muraasa darban keessa Itoophiyaa naannoolee hedduu keessa tasgabbii dhabuun siyaasaa jira. Midiyaaleen hawaasaa suuraa, viidiyoolee, odeeffannoo sobaa fi maxxansaalee dubbii hammeessaniin kan guutame ture.
Aktivistootni hedduun maxxansaaleen akkanaa ilaalamuu akka qabanii fi maxxansaaleen akkanaa miidhaa osoo hin geessisiin dura kaafamuu akka qaban waamicha gochaa turan.
Mootiin garuu inumaayyuu maxxansi reeffa abbaa isaa kaafamuu osoo hin taane, suuruma wal fakkaatu deddeebisee argaa ture.
Abbaan Mootii Obbo Darajjee Olaanaa yeroo tokko miseensa mana maree tahuunis tajaajilaniiru. Ergasii ammo Yuunvarsiitii Wallaggaa keessatti hojii bulchiinsaa irra hojjechaa turan.
Ajjeechaan isaas dhimma siyaasaa naannoo lixa Oromiyaa keessaa waliin akka wal qabatu amanama.
Yeroo ajjeechaa Obbo Darajjee sana Lixa Oromiyaa keessa raafamni siyaasaa ture. Namootni irratti xiyyeeffatamee ajjeefamuunis waanuma baratamedha.
''Isa ajjeesanii akka waan gammachuu isaanii ibsataniiti. Baay’ee nama dhukkubsa,’’ jedhe Mootiin.
BBC’n suuraalee 15 kan mootiin akka Feesbuukiin maxxansa irraa kaasuuf gabaasa godhe argeera.
Danbii itti fayyadama Feesbuukii keessaa tokko viidiyoos tahe suuraalee ajjeechaa dhala namaa hamaa tahe agarsiisan yoo maatiin gaafatan akka kaasuu qabu hima.
'Qabiyyeen Itoophiyaa xiyyeffannoo hin arganne’
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mootiin maxxansi reeffa abbaa isaa akka ka’uuf irra deddeebiin Feesbuukiitti gabaasa godhus waggoota afur darbaniif akkasumatti jira jedhe.
Gariin isaanii irratti akeekkachiisa suuraa suukaneessaa jedhu qofatu irraa mul’ata.
Al takka takka akka maleen dhiphina keessa gala. Harki koo hin taa’u, maqaa isaa barreessen ammas feesbuukiirra maxxansa jiru barbaada, sammuukoo akka malee miidheera natti fakkaata,’’ jedhe.
BBC’n kaampaanii Feesbuukii, Meta dhimma kana irratti gaafateera. Yoo suuraan qofaa isaatti imaammata isaanii qabiyyee fi suuraa suukaneessaa jedhu hin cabsu tahe, gaaffii miseensa maatii irraa dhiyaatuun akka kaasan hime.
Amma suuraan reeffa abbaa Mootii argisiisan hundinuu kaafamaniiru.
Amma Feesbuukii irra tooftaan ittiin miseensi maatii gabaasa godhu hin jiru. Metan amma karaa maatiin itti gabaasa godhu akka jiraatu gochuuf tooftaa haaraa yaalaa jiraachuu BBCtti hime.
Qabiyyeen haasaa jibbinsaa qabanii fi suuraalee suukaneessoon guutaman Itoophiyaa irraa qoodaman akka malee dabalaa jiru.
Bara 2020 duras rakkoo ture. Garuu erga waraanni Kaaba biyyattii jalqabee as ammo waan hookkara kakaasu fuula miidiyaa hawwaasaa fayyadamtootaa irratti akkaan dabalaa dhufe.

Madda suuraa, FISEHA ADUGNAW MINTESNOT
Bara 2021 Boordiin To’annoo Feesbuukii, kaampaanichi addatti miidiyaan kun akkamiin Itoophiyaa keessatti haasaa jibbinsaa akka tamsaasee fi jeequmsa kaase qaamni walabaa qorachuu qaba jedhee ture.
Dubbii himaan Meta BBC’n dubbise deebii kana dura kaampaanichi kenne eeruun, qorannoon kun hammam akka danda’amu kan ilaallu taha jedhe. Kana duras sarbama mirga namoomaa Itoophiyaa keessaa ilaalchisee qorannoo hedduu akka gaggeessan himan.
Waggaa darbe lammiileen Itoophiyaa lama Feesbuukiin haasaa jibbinsaa hookkara kakaasu akka malee akka babal’atuuf sababa taheera jechuun kaampanii Meta himatanii ture.
Metan garuu qabiyyee qajeelchuu [moderate] fi teknolojii kana adda baasu irratti maallaqa guddaa baaseera jedhe.
Haa tahu malee, Rehobot Ayyaaleew gorsituu odeeffannoo dhugaa adda baasuu [Fact Checking] magaalaa Finfinnee jirattu, dhuguma kaampaanichi rakkoo kana furuuf hammam hojjeteera yaada jedhu qabdi.
''Miidiyaaleen kunneen dhimma Itoophiyaaf waan xiyyeeffannoo kennan natti hin fakkaatu,’’ jette.
"Feesbuukiin ogeessota qabiyyee Itoophiyaa irratti hojjetan nan qaba akka jedhu nan beeka, kanneen afaan Amaaraa fi Tigiree dubbatan. Garuu meeqa akka tahan hin beeknu. Inumaayyuu Itoophiyaa taa’anii miti kan hojjetan, Keeniyaa taa’aniiti,’’ jette.
''Maxxansi suukaneessaa ykn summaa’aa tahe ka’uun dura yeroo dheeraa tura,’’ jette.
'Dheekkamsa kaaseera’
Aadde Rehooboot maxxansa viidiyoo ji’a Caamsaa bara 2022 keessa yeroo dhalataan Tigiraay tokko lubbuun osoo jiruu gubate qoodame kaaste.
''Waan hundaa dura hubannoo nam-tolchee [AI] miidiyichaa haquu qaba ture,’’ jette.
''Erga gabaasa godhamees hatattamaan haqamuu qaba ture, garuu sa’aatiiwwan muraasaaf akkasumatti ture.’’
Dubbii himaan Meta BBCtti akkas jechuun hime: "Facebook fi Instagram irratti maaltu eeyyamamaa fi dhorkama kan jedhu ilaalchisee imaammata jabaa qabna. Haasaan jibbinsaa fi qabiyyeewwan jeequmsa kakaasan imaammata keenyaan aladha.
Garee kanarratti hojjetuu fi teeknlojii qabiyyee akkasii barbaadee haqu irratti baay’ee investi gooneerra.’’
Hojjettoota beekumsaa fi ogummaa naannichaa qaban qacarreerra, ammas qabiyyee jeequmsa kaasanii fi namatti hin tolle afaanota saba hedduun dubbatan akka Afaan Amaaraa, Afaan Oromoo, Tigiree fi Somaalee irratti akka haqamaniif dandeettii hojjettootaa guddisuu irratti hojjechuu itti fufna.’’
Yeroo uummanni yaada isaanii sarbama mirga namoomaa hamaa irra godhatan waan gaariin dhufuu danda’a, garuu qabiyyeen akka kanaa akka malee nama dheekkamsiisuun saba tokko ykn nama dhuunfaa komachiisuu fi miidhaan isaan irraa geessisuu danda’a.
Yeroo kanatti garuu miliyoonota tahuu batus, kumaatamni qabiyyee akkasii ilaaluun miidhaa sammuuf saaxilamanaiiru.

Madda suuraa, AFP
Ji’a sadaaraa bara 2022 keessa waraana Kaaba Itoophiyaatti xumura gochuuf waliigalteen nagaa mallattaa’uun rakkoo deeggarsa namoomaa waraanichi fide furuu irratti hojjetamuu jalqabe.
Waraanichaan booda namootni kuma dhibbaan tilmaamaman sababa beelaa, hanqina dhiyeessii qorichaa sbaba waraanichaa dhufeen dhufeen du’aniiru.
Ammayyuu naannoo Oromiyaa keessa rakkoo nageenyaa guddaatu jira. Qaamni hidhatee naannicha keessa socho’uus dabalaa dhufe.
Aktivistootni tokko tokko rakkoolee naannoo kanneenii karaa nagaa hiikuun maxxansa miidiyaalee hawwaasaa akkasiin gufachuu danda’a sodaa jedhu qabu.
"Uummanni [maxxansa] akkanaa amanuun tarkaanfii fudhata, kanaafuu jeequmsaa fi suuraaleen suukaneessoon miidiyaalee hawwaasaa irratti qoodaman adeemsa araaraa fi nagaa buusuu akka hin ariifanne gochuu danda’u,’’ jetti Rehooboot.
Mootii Darajjee amma umuriin isaa ganna 23 taheera. Hojii suuraa kaasuu fi viidiyoo adda addaa hojjechuun jireenya isaa itti fufeera. Inumaayyuu waa’ee jireenya isaa ilaalchisee dookimantarii hojjechuu akka jalqabe hime.
"Amma yeroottan seenaa jireenyakoo namatti himuu qabudha jedheen yaada, yoon milkaa’e tarii dhimma akkasii irratti jijjiirama fiduu danda’a,’’ jedhe.
Garuu qabiyyeen suukaneessaa tamsa’u hanga to’annoo jala oolutti akka isa jeequ hime.
Reeffi sababa waraana Itoophiyaa keessaan Feesbuukii ykn oonlaayinii irratti maxxanfamee yoon argu, baay’een gadda. Waanan an keessa darbe namni tahe tokko keessa akka darbu natti dhagahama.
"Inuma na ajjeesa.’’












