Reeffi mootii Farahoon olkaa’amee ture yeroo jalqabaatiif mul'ifame

Siitii iskaaniin buqqee mataa Ameenhoteep kaafame

Madda suuraa, PA MEDIA

Ibsa waa'ee suuraa, Siitii iskaaniin buqqee mataa Ameenhoteep kaafame

Reeffii mootii duraanii Masrii Farahoon erga yeroo dheeraaf qoratamee booda akka mul’atu taasifame.

Ameenhoteep 1ffaan, dhaloota Kiristoosiin dura bara 1525-1504tti Masrii durii bulche kan ture yoo ta’u reeffii isaa bakka Deyir el-Baharii jedhamutti waggaa 140 dura argame.

Arkiyoolojistoonni waanta reefficha tursiisuuf fuulatti haguugame fi kafana irra banuurra of qusatanii turan.

Kompiyuutarootaan dhaabbiin qaama isaatii erga sakatta’amee booda odeeffannoo haaraan waa’ee Farahoonifi awwaalcha isaa ifa ta’eera.

Dr Saaraa Saleem, Pirofeesara Raadiyooloojii Yuunvarsiitii Kaayirooti.

Akkasuma barreessituu qorannoo barruu’Frontiers in Medicine’ jedhamurratti maxxanfameti.

Ogeettiin kun akka jedhanitti, Ameenhoteep 1ffaan wayita du’u nama ganna 35 ture.

‘’Seentimeetira 169 ykn faana 5 fi inchii 6 dheerata, Dhaqna qabateera, akkasuma illee ilkaan gaarii ta’e qaba.

Iddoo reeffii isaa haguugametti faaya dhibeefi balaa hamaarra isa ittisa jedhamee amanamu(amulets) 30’n kan haguugamefi qabattoo warqeen lommoxame adda ta’ee, faaya warqeen lommoxame qaba’’ jechuun Dr Saaraa Saleem PA miidiyaatti himte.

‘’Ameenhoteep 1ffaan dhaabbii qaamaa isaatiin abbaa isaa fakkaata.

Maddiin qal’ata, funyaan xiqqoofi dhiphoo(konkona) fi qajjisaa toora gale marame qaba,’’jette.

Haa ta’u malee, Dr Saleem madaa ykn godaannisa isa ajjeesu homaatu reeffa isaarratti hin argine jedhan.

Qorattoonni malaa ittiin reeffa yeroo dheeraa tursiisan muumii jedhamufi awwaalcha Ameenhoteep irratti hubannoo argachuu danda’aniiru.

Ameenhoteep mootii lammaffaa yoo ta’u, mootota 18ffaa walitti aansuun Masrii durii bulchaa turan keessa, mootii farahoon yeroo jalqabaaf harkisaa laphii isaarratti dachaafame, akkasuma sammuun isaa haala duraan hin baratamneen keessaa hin baafamnedha.

Qorattoonni akka jedhanitti, reeffii mootii durii Masrii kun luboota bara moototni walitti aansuun biyyattii bulchan isa 21ffaa keessa awwalcha isaa ’suphaniiru’’.

Barri suphaan sun taasifameef Ameenhoteep erga du’ee jaarraa afur booda ture.

Reeffi Ameenhoteep bifa addaa muumii jedhamuun olkaa’ame erga awwaaalame booda miidhaan namoota awwaala qotanii faaya miidhaginaa saamaniin miidhaan irra gahuun akka hin oolle eerameera.